Eebba Barattoota Oromoo University Finfinnee Walqabatee Barruun Warraaqsaa Hedduu Faca’e.Waraanni Wayyaanees Moraa Galee Addatti Barattoota Oromoo Jeeqe.

Aside

Adoolessa 08,2012 Finfinnee 

Haalli sochii kanaa Video fi Suuraan deggeramee hedduminaan waan jiruuf yeroo birootti gabaafna.

Lukkuuleen kunneen barattoota shakkii irraa qaban qabuuf yeroo qophii godhanitti baratootni isaan barbaadan harkaa badanii barbaacha ka’uuf yeroo waliin mari’achaa jiraniidha.

Guyyaan kaleessaa,July 7, 2012 Eebba barattoota yuuniversity mooraa Finfinnee keessatti ta’e irratti qophaayna eebbaa kanaa irraan eegalee hamma galma eebbaa galamutti Qeerroon mooraa University Finfinnee keessa jiranii fi kanneen eebbifaman walitti dhufuun walgahii godhatan. Walgahi isaanii kana irratti Qeerroon mooraa irraa eebbifamanii bahanii fi kannene mooraa keessatti barnoota irratti hafan waadaa qabsoof qaban waliif haaromsuu fi imaanaa qabsaawummaa bakka deeman maratti akka raawwatan gadi jabeessanii walitti dhaamatan.
Kana malee waraqaan waamicha qabsoo “OFIS BILISOOMSI,SABA KEE BILISOOMSI” mataduree jedhuun barruun Qeerroo maxxanee bifa cardiin qophaawuun barruun 1000 ol baratoota Oromoo mooraa guutuu fi maatiiwwan warra eebbifamuuf dhufeef raabsamaa oole. Haalli barruun warraaqsaa itti maxxanfamee fi raabsame kun sodaa ykn shakkii mootummaa Wayyaaneetiin lakkoofsaan xiqqaatee haarafamu malee barattootii fi sabboontoti maatiin barattootaa itti gammadanii yeroo fudhatan haalli kun human tikaa Wayyaanee bira gahuun battalatti mooraa keessa human waraanaa fi tikaa bobbaasuun guutuutti mooraa Finfinnee Poolisaan marsan. Ebbifamtooti fi maatiin eebbifamtootaas karaa bahanii fi galan cufa irratti human poolisaan fi waraana Wayyaaneen cinqamaa fi eegamaa akkasumas doorsifamaa turan.

Baratattoota badan saniif namuma karaa irra deemu qabanii qorannoo irratti raawwachaa jirti, garuu gaaffii isaaniif deebii inni kennaa ture sababa keessanif jiraachuun yaaddoo nutti ta’e mee gammachuu keenya raawwannaa isa kaan bor nu gaafadhaa jechuun deebii kennaafii ture

Raasbsiin barruu warraaqsaa kanaan kan baaragde Wayyaaneen Qeerroon FDG nurratti kaasuuf soda jedhuun barattoota eebbaaf qophaawaa jiran nama 8 battalatti qabdee hidhuun namni lama ammo eebba isaanii dhiisanii mooricha irraa baduun qeerroon University Finfinnee gabaasa.
Warreen hidhamanis sa’aa lamaaf tohannoo jala erga oolanii booda maqaan isaanii galmaayee gadi lakkifaman.
Maqaan barattoota kanaa:
Maqaan isaanii :
1.Ifaa Hundumaa barataa Economics GC
2.Wadaajoo Lammeessaa kompiyuuter saayinsii GC
3.Lalisaa Margaa Business &Management GC
4.Haftaamuu Kebbedee management GC
5.Hillinaa Tasammaa management GC
6.Argahuu Kaliifaa management GC
7.Mohaammad Nuur Business &Management GC
8.Waaqumaa Tuuchoo Business &Management GC
Kanneen qabamuu jalaa gadhiifatanii hanga ammaa bakka jiran hin beekamiin ammo
Abiyoot Nadhii fi
Urgeessaa Nagawoo jedhamu.

Asitti yeroo da’oo qabatanii baratattoota kana barbaadaa jiraniidha, kan isaan cinadhaas qeerroon mormii itti dhiheessaa turan

Walumaa galatti barattooti eebba akka xumurataniin hatattamaan mooraa akka bahanii fi gariin ammo darbatamaa mooricha keessaa akka gadhiisan taasifamee jira.Poolisoonnii fi ummanni alaa dubbatu akka jedhanitti ABO tu magaalaa Finfinnee seene kan jedhuun burjaajii uumaa akka turan dhagahamee jira.
Haalli kun kanaan osoo jiruu humni hin beekamiin poolisoota barattoota Oromoo jeeqaa fi olii fi gadi oofaa turan keessaan namni tokko maqaan isaa Ijjiguu Bariisuu jedhamu ukkamfamee dhahamuun karaa irratti gatamee argame, waraanni Wayyaaneen hanga ammaa mooraa keessa guutee argama jedha gabaasi Qeeroo University Finfinnee