Qeerroon Godina Arsii Ejjennoo Warraaqaa Fudhatan

Aside

Gabasaasa Qeerroo Adoolessa 4,2012

Adoolessa 3,2012 Maadheeleen Qeerroo “Isituu Barii”n yaamamtu naannoo Shashammannee fi Godina arsii bakka gara garaa keessaa walitti dhufuun walgaii gaggeefatan, haala qabsoo bilisummaa Oromoo fiixa baasuu fi FDG guutuu Oromiyaa keessatti qabsiisuu,akkasumas sochii dargaggoota biyyoolessaa ykn Qeerroo jabeessuu galmaan gahuu irratti ummata Oromoo mara waliin harka wal qabachuun akkaataatti sosso’uu dandayan irratti tarsiimoo fi karoora lama kaayyataniin beeksianii jiru. Gootowaan Qeeroo kun walgahii guyyaa tokkoof godhatan kana booda ibsoota ejjeennoo isaanii ibsu armaa gadii baafatan

ü Kutannoon  keenya inni duraa dhaaba ABO akka qaroo ijaatti tiksuu fi akeeka isaa bakkaan gahuu akkasumas ummanni keenya waliin hiriiruudhaan mootummaa abbaa hirree nurratti goobaa jiru of irraa fonqolchuudha;

ü Bara baayee gadi jennee ormaaf bitamnee turre, bittaa badiisa lubbuun wal qabate kana jalaa ofiis baanee lammii keenya basuudha;

ü Dhaaba waliin hiriiree abbootii qabeenyaa sochii warraaqsaa kana deggeruudhaan qabeenya isaa gumaacha godhee dhaaba harka qabu horachuudhaan/qabsootti ceesisuun qabsoo keenya finiinsuu qabna,

ü Mootummaa ofii isaatii shororkaa’ee uummata keenya maqaa adda addaatiin, shororkeessummadhaan yakkuun mana hidhaatti guuraa jiru,mootummaa yeelloo fi safuu hin beekne,ofii salphatee kan nama salphisaa deemu kana irratti harka wal qabannee ka’uun amantii fi naannoodhaan, lagaa fi saalaan utuu wal hin qoodin qabsoo keenya galmaan gahuu qabna;

ü Lammii keenya bittaa mootummaa Wayyaanee jalaa baasuu dhaadannoo godhannee haa kaanu;

ü ABO jalatti hiriiruun nuuf daandii guddinaa fi argannoo bilisummaa  akka ta’e jiraattota biyyattiitti dhageessifanna;

ü WBO gaachana qabsoo, hirkoo Uummata Oromoo,cina gorree daandii tolchuun fedhaaf hirmaannaa yaadaa fi sammuu guutuu ta’uu isaa murteeffanna;

ü Ejjeennoon keenya maadhee IBSITUU BARII irraa kanaan goolabna,

Injifannoo Uummata Bal’aaf

Qabsoon Itti Fufa!! Garbummaan Ni Kufa!!

Maadhee IBSITUU BARII irraa!!