Adoolessa 2,2012 Ona Limmu
Adooleessaa 1,2012 Godina bahaa wallaaggaa Onaa Haroo Limmuutti tarkaanfiin mayyii fudhatame. Nama maqaan Musxafaa Yaasiin jedhamuu Abbaadhaan Oromoo Haadhaan Guraagee irraa Giddaa Ayyaanaatti kan dhalatee fi Godinaa wallaggaa Bahaa Onotaa garagaraa keessaattii Poolisii Ajajaa 50 ta’uu dhaan ilmaan Oromoo daraara kan turee, kessaattuu Onotaa akkaa Limmuu galiilaa fi Haroo limmuu kessaattii yeroo garaagaraattii ilmaan Oromoo dararaa kan ture, namoota innii dararaa ture keessaa Barsiisaa Damisoo Waaqwayyaa barsiisaa M/B Limmuu Galiilaa sadarkaa 2ffaa kan turee dararama reebichaan irra gahame kana irraan kan ka’ee bara 2012 lubbuun isaa kan darbee fi ilmaan Oromoo Onotaa Wallaaggaa Bahaa keessaa deemuun dararuun kan beekamuu, poolisii Musxafaan yeroo ammaa kanaa Onaa Haroo limmuu Bakkaa Abbaa Mo’aa fi Yaasoo dangaa warraa Gumuuz irraattii ramadamee hojii uummataa basasuu fi sakkata’insaaf Abbaa Mo’aa fi Yaasoo gidduutti hojii diinummaa hojjeechaa utuu jiru, Adoolessaa 1,bara 2012 galgala Tarkaanfii maayyiin irree ummataan irraatti fudhatameen adabame.
kana malees qabeenyaa Guddaa inni bakka Kamishii jedhamutti waliitti qabatee Suuqiin daldalaa isaa kan magaalaa Kamishii Onaa Yaasoo keessaatti argamu Gutumaatti Ibidaan Barbaadaa;ee, ummanni Oromoo roorroo jibbee ergamtoota diinaa irratti tarkaanfii laalessaa akkasii fudhataa jiru dhaamsa dabarsan keessatti yaa ilmaan Oromoo diinaa jala fiigdani sabaa hin nyaatiinaa. Warrii lukkee diinaa ta’uun diinaa jala kaachuun uummataa dararaa jirtan yeroo gababaa keessatti gochaa diinummaa irraa of hin dhaabdaan yoo ta’ee tarkanfiin maayyii walfakkataan kan isiin eeggatuu ta’u akeekna jedhaniru.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk