Uummatni Beenishaangul lafa isaa investerummaan kennamu irratti mormii kaase!

Aside

Oduu Waxabajjii 29,2012 Asoosaa irraa nu gahe akka addeesstti Mootummaan Wayyaanee lafa uummata biyyattii investerootatti gurguruun uummata biyyattii keessaa hiyyummaaf saaxilaa,mana dhabdee taasisaa kan turee fi har’as itti jiru tahuun isaa beekamaa dha.Uummatni Beenishaangul Gumuz aanaa Maa’oo Koomoo keessatti argaman lafa keenya investerottaaf hin kennitu jechuun mormii jabaa dhageessisaa jiru.Hojjettoota mootummaa Wayyaanee waliin hidhata qabaachuun lafa uummataa qabeenya investerootaa taasisan uummatni itti seenuun arrabsuu fi qaanessuu irratti argama.Mootummaan Wayyaanees wal gahiif uummata walitti qabus uummatni mootummaan kun saamtuu dha,hattuu dha jechuun ifaan dubbataa jira. Godina Matakkal jedhamu keessattis diddaa wal fakkaataan mootummaa wayyaanee mudatee jira.Mootummaan wayyaanee diddaa kana dura dhaabbachuuf waraana dhibbaan lakkaa’aman magaala Asoosaa galchaa jira.
Kana malees Zoonii Oromiyaa keessatti Waxabajjii 27/2012 Hooggantotaa OPDO fi bulchiitonni Onaa Heebantuu fi Haroo limmuu tiin hojii irraa arii’atamuu qofaa mitii ni hidhamtuu qabeenyaan keessaanis mootummaadhaan akka dhaalamuu ta’aa jechuun gareen Wayyanotaan hoggaanamuu kan humni tikaa Wayyanotaa Godinicha kan maqaan isaa ‘Shallaamaa’ kan jedhamuu fi Geetachoo Gammadaa itti gaafatamaa Poolisii Go/Wal/bahaa kan ta’aan humna poolisaa Federaala deeggaramanii yeroo ammaa kanaa rakkoo keessaa lukkeelee sakkataa’uuf bobba’an lukkeelee dorsisaa jiraachuun gabaafame. Haalaa kanaan yeroo ammaa kanaa waldhibdeen cimaan keessaa OPDO fi dabalootaa wayyaanee gidduutti ciimaa jiraachuun gabaafame.

Waxabajjii 27,2012 Irraa Kaasee Keellaawwaa Magaalaa Finfinnee irraatti sakkatta’insii akkaa malee jabaatee jira.

Aside

Waxabajjii 30,2012 Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee yeroo amma kana shakkii guddaa keessaa seenuun keellaawwaan jiraan irraatti sakkatta’insaa cimsee jira, sakkata’insa kanaas hangaa waraqaa illee gadi fageessaanii dubbisuun sakkata’insa gochaa jirtii, kanaafuu sabboontotaa Oromoo University irraa gara matii deemaa jiran of eegganoo cimaa akka godhan hubaachiisuun barbaachiisadha, kaleessaa galgalaa kutaa magaalaa Finfinnee naannoo Magananyaatti halkaan keessaa sa’aa sadii irraatti poolisonni Federaalaa wayyaanee dhukaasaa wal irraa hin cinee walakka sa’atiif taasisuun gabaafame, polisonni sirnichaaf moootummaan garbofataa of sodaatee dadammaqaa jiraachuun ibsamera.
Motummaan garboofattuu Wayyaannee kun karaa dandiiwwaan gurguddaa gara Magaalaa Gudditii Oromiyaa Finfinneettii seensisuu keellaawwaan jiran iraattii sakkatta’insaa cimaa taasisaa kan jiru keessaa kellaawwaan kunis Daandii guddichaa Jimmaa gara Finfinnee geessuu, Adaamaa garaa Finfinnee geessuu, fi daandii guddaa karaa Kaabaa gara Walloo Finfinnee geessuu irraatti sakkata’insii kun daran haamatee jirachuu keessaa beektonnii saxilaniru,

Barattootni Oromoo Aanaa Sibuu irraa Miseensota ABO jedhamuun hidhamanii dararamaa jiru

Aside

Waxabajjii 30,2012 ,Godina Wallagga bahaa aanaa Sibuu siree keessatti mootummaan wayyaanee barattoota oromoo isin Miseensota ABOti,qeerroo keessatti ijaaramtanii uummata ijaaraa jirtu jechuun yakkee mana hidhaa mootummaa wayyaanee Sibuu siree keessatti dararaa jira.Barattootni
1. Gammachuu Gonfaa fi
2. Soorumaa Baqqalaa
jedhaman mootummaa wayyaaneen maqaa ABOn yakkamanii kanneen mana hidhaa keessatti dararamaa jirani dha.Mootummaan wayyaanee barattootaa fi barsiisota naannoo kanaa maqaa ABOn funaanee mana hidhaatti naqaa kan jiruu fi dargaggootni naannoo kanaa fi barsiisotni dararaa mootummaa wayyaanee jalaa miliquuf dirqamanii jiran.