Yuunivarsiitii Jimmaa Keessatti guyyaa eebba Barattootaa Irratti Gootonni Oromoo Faarfaman!‏

Aside

Waxabajjii 28,2012 Jimma

Waxabajjii 24,2012 Guyyaa eebba Barattootaa Yuunivarsiitii Jimmaa irratti barattootni oromoo wallee gootummaa fi qeerroo faarsan dhageessisan.Guyyaa kana guyyaa sabootni garaa garaa yuunivarsiitii kana sababa eebbaaf seenanii fi sabboontotni oromoo Oromiyaa keessaa dhaqanitti Qeerroon Oromoo guyyaa kana galgala keessaa kaasee wallee garaa garaa dhageessisanii jiran.Walleewwan gargar hin baanu,Oromoon leencuma duruu fi kanneen biro kan dhageessisan yoommuu tahu uummatni eebbaaf naannoo kana dhufe waliin dhiichisaa turee jira.Guyyaan kun barattoota oromoo FBE,Health fi Natural sciencen kan itti eebbifaman yoommuu tahu mootummaan wayyaanee walleewwan kana dhaabuu dadhabuun dhaabbatanii ilaaluuf dirqamanii jiru.Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii kanaa yeroodhaa yerootti sirboota gootummaa sirbuunii fi fiilmiiwwan afaan oromoo mootummaa garboomfataan dhorkaman dirqamaan galchuun diddaa garaa garaa yeroodhaa yerootti gaggeessaa turuun isaaniis ni yaadatama.

Dabballootni Wayyaanee Wallagga L aanaa Gullisoo ganda Kurfeessaa Birbir dargaggoota Oromoo Waliin Walitti Bu’aa Jiru‏

Aside

Waxabajjii 28,2012 

Godina Wallagga Lixaa aanaa Gullisoo Ganda Kurfeessaa Birbir jedhamu keessatti dabballootni Wayyaanee dargaggoota Oromoo naannoo kanaa rifeensa guddifatan isin Miseensota ABO dha jechuun yakkuu jalqaban.Dabballootni Wayyaanee
1.Fiixee Abdiisaa Bulchinsa gandaa fi
2.Admaasuu Tolosaa Kaabinee ganda
kanaa Kan tahan dargaggoota maqaa misoomaaf akeeka dargaggootaa jijjiiruuf xaaranis kan jalaa fashalate yoommuu tahu dargaggoota rifeensa guddifatan isin Miseensota ABO ti jechuun yakkuu jalqabanii jiran.Dabballootni mootummaa kunneen gocha farrummaa kana irraa dhaabbachuun qabsoo ilmaan oromoo cinaa akka hiriiran qeerroon naannoo kanaa dhaammachuun kan hin gocha hojii farrummaa kana irraa hatattamaan hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin hojii isaanii madaalu akka isaan eeggatu dhaammatanii jiru.Mootummaan wayyaanee dargaggootaOromoo biyyattii keessaa ganna hojii ABO hojjetu kan jedhu shakkuun maqaa misoomaan qabuuf karoora wixinuun ishees saaxilamee jira.