Dhaaccii Bara Rakkoo

Aside

Dhaaccii Bara Rakkoo

(Dur-durii Taphanna)

Dur-durii taphanna, waan dur Bara Rakkoo,

Kaniin dur dhagahe, yeroo ijoollummaa koo.

Bara Rakkoon mootee barri isiin yaamame,

Bara biyyi guutuun rakkinaan dhaalamee,

Bara sana rakkoon guddoo nama dhamaaste,

Waliigaltee dhorkuun gurmuu isaa facaastee,

Wal shakkiin dagaagee, firri fira dheessee,

Wal amantiin dhibuun mala isii fageessee,

“Kun waan barri fidee, barumatu deebisaa,

Bara eeguu malee, mala maal feesisaa?”,

Jedhanii guungumuu maatiin cufatanii,

Rakkinaan mohamuutti aariin gubatanii.

Alaan’ala akkasii hordoftee qorattee,

Hunda moone seetee hamilee horattee,

Kijiba, hattummaa fi sheexanaan gorfamtee,

Tattaaffii cimsite, waan biroofuu onnattee,

Nama of fakkeessuuf waan aadaa golgattee,

Eenyummaa isii dhugaa keessatti dhokfattee,

Bakka jirtuu yaatee korattee wal geessee,

Rakkoo furra” jette, Rakkoon Yaa’ii teessee.

Jedhanii haasawu Akaakayyuu fi Akkoon,

Qoosaa fakkeessanii raajii bara rakkoo.

Kun waan har’aa mitii, kan durii dubbannee,

Isa ijoollummaa irraa taphachaa guddannee.

Kan durii dur dabreef dur-durii taphannaa,

Har’a akka itti jirru beekna moo daggannaa?

Barasii fi barri ammaa maaliif wal fakkaataa?

Dhaacciin Bara Rakkoo nuttuu marte laataa ?

 

Malkaa Caffee

Waxabajjii 2012

malkaacaffee@gmail.com