Waxabajjii 18,2012
Haaluma kanaan Waxabajjii 16,2012 Onaa Kiiramuutti poolisonnii diddaa ummataa fi sochii Qeerroo dhaabuuf bobba’an dargaggoota waliin walitti bu’uu irraan kan ka’e Poolisoonni sirna Wayyaanee tiksan 3 irree dargaggootaan gara malee reebamanii yeroo ammaa kana du’aaf jireenya gidduutti akka argaman gabaasi Kiiramuu irraa nu gahe addeessa,lukkeeleen kun yeroo dheeraa uummata dararuun beekamu maqaan Poolisoota diinaa ta’an kun:-
1. Kumsaa Caamdaa,
2. Getachoo Baayisaa,
3. Tayyee Gammadaa
Kanneen jedhama kun yeroo amma hospitala, Neqamtee galanii akka jiran beekama. Lukkeelee warrii hafan kaanis gochaa dinummaa irraa of hin dhaabdan yoo ta’ee tarkanfiin irree ummataan dhabamuu akka irra gahu ummanni naannichaa dubbata.
Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!
Daily Archives: June 18, 2012
Wayyaanee TPLF Diddaa Aanaa Ayiraa keessaa jabaate dhaamsuuf dargaggoota hidhaa jira
Aside
Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 18,2012
Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa dhaamsuuf barattoota Oromoo xiyyeeffannoon mana hidhaatti guuraa turuu fi har’as itti jiraachuun beekamaa dha haala kanaan Godina Wallagga Lixaa aanaa Ayiraa Gullisoo Ganda Warra Kuraa Fichii keessatti barataa Kutaa 9ffaa kan baratu Barataa Saaqqataa Abarraa jedhamu Ati miseensa ABOti jechuun yakkuun mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Aanaa Ayiraa keessatti argamu keessatti dararuu irratti argamu.
Ergamaan mootummaa wayyaanee naannoo kanatti Darajjee Tashoomee jedhamu dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guursisaa kan turee fi har’as kan itti jiru yoommuu tahu gocha bilisummaa ilmaan Oromoo danqu jala dhaabbachuu dhaabuu dhiisnaan tarkaanfiin gatii isaa madaalu akka isa eeggatu Qeerroon naannoo kanaa jabeessee dhaammata.
Mootummaan wayyaanee Bakkeewwan Amantiitti sakatta’insa jalqabe
Aside
Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 18,2012
Mootummaan Wayyaanee sodaa diddaa deemsifamaa jiruun wal qabatee hordoftoota amantii Kiristaanaa Muluu Wangeelii fi Makaana Yesuus Godina Qeellam Wallaggaa magaala Dambi Doolloo keessatti waaaqeffatan waraqaa eenyummaa agarsiisaa jechuu fi sakatta’insaan rakkiste.Mootummaan Wayyaanee waraanaa fi milishaa bakkeewwan amantii kanaatti bobbaasuun shororkeessaan galee jira maqaa jedhuun uummata rakkisaa akka jiru gabaasi Dambi Dolloo irraa nu gahe addeessa.