(Qeerroo, 11 Waxabajjii 2012) Qabsoon Bilisummaa Oromoo ummata Oromoo dammaqsuun karaa hundaa akka diina irratti qabsaa’an taasisaa akka jiru ragaan hojii qabatamaan golee diinaa keessatti godhamaa jiruu dha.
Amalli qabsoo bilisummaa “qabsoo dhawataa” gama hundaan gageessuun gara galii ofiitti dhiyaachuu ta’uu kan mirkaneessu, qabsoon bilisumaa Oromoo, hundee garboomfattootaa suuta suuta nyaachaa akka jirus hojiin boonsaa hojjatamaa jiru kan ragaa bahuu dha.
Artistooti qaqqaalii ilmaan Oromoo Jaallan qaroo fi jajjaboo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareega lubbuu bilisummaa saba isaaniif jecha baasan kanneen akka Jaal Usmayo Musaa, Jaal Ebbisaa Adunyaa, Jaal Maramee Harqakaasaa, Jaal Jireenyaa Ayyaanaa , Jaal Yoseef Gammachuu fi kkfkanneen dhihootti yaadannu dha.
Jaallan kun seenaa Oromoo keessatti dhaamsa jajjaboo nuu kaayanii darban. Kana irra darbees Jaal Suutee Baarentoo fi Usmaayo Muusaa waggaa 8 hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa bahanii osoo diinaaf hin jilbeeffatiin bara 2003 magaalaa Finfinnee bobaa diinaa jala ta’anii Jaallan arsittoota warraaqoo kaan waliin dhaamsa isaan anuu dhiisan akka you tube kana irra jiruuti.