Meetni Nama Harka Jiru Dhagaa Fakkaata

Aside

Malkaa Caffee irraa* | Waxabajjii 2012

Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan dhiigaa-lafee fi lubbuu gootota Oromoo kumootaan utubame bu’uurri isaa akka jabaa gadi dhaabbatee jira. Bu’uura kana jabeessanii tikfachuudhaan achi irratti waan hafe ijaaruu qofaatu guyyaa bilisummaa ummata keenyaa dhiheessa. Waan akka Sabaatti dhabne sana argachuuf mala/daandii haaraya barbaaduunis hammeenya hin qabu. Waan haaraya tokko gadi dhaabuuf bu’ura amma jiru kana diiguu barbaachisa yaadni jedhu yoo jiraate garuu, dogoggora seenaa guddaa dha. “Isa Mukaan Fuudhaatti, Isa Ukaa Buufti.” inni jedhamu (mammaaksi abbootii keenyaa) sun nu mudachuu waan danda’uuf. Maaliifin kana kaase?

Ebal 21 bara 2012 irraa eegalee namoota dhimma QBOtu nu yaachise jedhaniin mariin dhimma kana irratti xiyyeeffate deemaa jira wanti jedhu oduu ow’ituu dhiheenya kanaa ti. Sanuma ilaalchisee yaadotni “Adeemsaa fi akeekni marii kanaa kan QBOf tolu osoo hin taane faallaa kanaa ti.” jedhanii dura dhaabbachuudhaan bifa shakkii, mormii, komii, qeeqaa … fi kkf. media adda addaa irratti daddarbatamaa jiraachuunis waan jiraa ti. MeetniNamaHarkaJiruDhagaaFakkaata

Qeerroon University Jimmaa, Walleelee Warraaqsaan Halkan Guutuu Mooraa Howwisuun Wayyaanee Garaa Guban.

Aside

Waxabajjii 09,2012 University Jimmaa
Waxabajjii 8,2012 University Jimmaatti, Dameen Barnoota( Dipartimentiin) Afoolaa fi Ogbarruu Afaan Oromoo( Afaan Oromo Foklar)jedhamuu erga hundeefame waggaa shan lakkofsisee jira, Dameen barnotaa kun waxabajjii 8,2012 guyyaa hundeeffama waggaa shanaffaa isaa halkan sa’aa 1:‎؛30‎ irraa egalee Mooraa University Jimmaa studiamii xiqqaa mooricha keessaatti argamuu keessaatti kabajame, qophiin kun guyyaa yoo kabajamee Qeerroon Mooraa kanaa keessaa jiruu nurraatti ka’aa jechuun halkaan irraa akka kabajamuu angawoonni moorichaa murtii dabarsan, barsisonni Oromoo hoggaantonni dipartiimentii kanaa maliif guyyaa hin kabajamuu jechuun bulchiinsaa mooraa University waliin wal mormiin uumamee, haa ta’uu wantii sodaatan namaaf hin Oluu Gootonnii Baratootaa Oromoo Mooraa University Jimmaa sirbotaa warraaqsaa garagaraan kan Qabsoof nama Onnachiisaan, kanneen ABO fi WBO faarsan fi Qeerroo Faarasan, kan akka Sirbotaa Adem Haruun fi Adinaal Mohaamed ‘michuu baay’een qaba Lixa Biftutirraa jedhu fi Eebbisaa Addunyaa faarsuun Wayyaanee garaa guban.
Haala kana sodaachuu irraan Wayyaaneen loltootaa fi poolisoota qabattee mooricha guutuun barattooti sirboota kana akka dhaabanii fi dhaaba ni gaha jechuun hedduu watwaatte. Garuu hin dandeenye.
Hala kanaan gotonni baratootaa fi barsisotaa Oromoo jaalala Oromummaa fi Qabsoo bilsummaa qeerroon gaggeessaa jiruuf qaban diinatti, lukkeelee dhaabaa jettuu kanas diddaan dura dhaabbatanii hangaa halkan keessaa sa’aa 6 ta’uutti ittifufun kabajata.