Dhaamsa Qeerroo Bilisummaa

irree qeerroo

Filannoo Gamtaa Barattootaa Irratti Shira OPDOn barattoota Oromoo irratti raawwattu.

Aside

Waxabajjii 07,2012 Adaamaa
Akkuma yeroo darbe gabaafame Adaamaa yuuniversity keessatti filannoo gamtaa barattootaa ilaalchisee guyyaa Waxabajii 05,2012 kaadhimamtootni filannoof darban jecha waadaa isaanii barattootaaf dhiyeessaniiru. Kaadhimamtoota lafa kaayaman keessatti dargaggoonni Oromoo ilmaan Oromoo jajjaboo ta’an kaadhimuu irratti diddaa karaa Wayyaanee irra gaheen barattoota sababaa kanaaf hiraarsuun ni ture. Haala kanaan amma 4 darban jedhanii dhiheessan kanneen:
1)-Kuubaa Daffaaruu Nadhii (OROMOO-Mekaanikaala waggaa 4ffaa)
2)-Geetaachoo Xilaahuun Baazzezew (AMAARAA-Siviilii waggaa 4ffaa)
3)-Msgna Sammaree G/Aregaay (TIGIREE-Sivilii waggaa 4ffaa)
4)-Fitsum Damissee Makuriyaa (UUMMATOOTA KIBBAA-ITIM waggaa 2ffaa)
yommuu ta’an kaadhimamtootni hunduu waanta filatamuuf nu gargaara jedhan dhiyeessanii jiru.Barattootni Oromoo garuu sababa xaxaa fi shira OPDOtiin kan dhiyaate barataa Kuubaa, filachuudhaan OPDO hin deggerru jechuudhaan deggersa isaanii saboota cunqurfamoof kennuu dirqaman.
Haala kanattis kan gaddan barattooti Oromoo mooraa University Adaamaa keessa naannawuun wallee waraaqsaa fi dhadhannoo dhageessisaa akka turan gabaafama.
Filannoon kun gaafa sanbata xiqqaa dhufu guututti kan geggeeffamu yoo ta’u,gabaasa filannoo kana ilaalu bal’inaan ni gabaafama.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Qeerroon Naannoo Ayira Gullisoo Wayyaanota Karaa Darbaa Dhorkan

Aside

Waxabajjii 07,2012 Ayira Gulliso

Mootummaan Wayyaanee Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Ayiraa ganda Hoomii Fichii fi Warra Kuraa Fichii keessaa dargaggoota hiraaruu irratti argama.Guyyaa Gimbot 20 irratti sirba ABO faarsu sirbitaniittu jechuun dargaggoota Oromoo naannoo kanaa guutummaan magaalaa fi baadiyaa keessa deemuun reebaa fi hidhaatti guuraa jiru.

Haalli kun daran hahammaachuu irraan Waxabajjii 05 fi 06,2012 dargaggootni dhiibbaa mootummaa Wayyaaneen irraan geessu mormanii  kallattiin bakkoota adda addaatti karaa konkolaataan mootummaa deemtu mara irra muka jigsuu fi dhagaa tuuuun dabarsuu didanii diddaa qaban muldhisaa jiru.

Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

Godina Ilu Abbaa Booraa Keessatti Diddaan Barsiisotaa Daran Babaldhate

Aside

Waxabajjii 07,2012 Mattuu
Diddaan barsiisotaa babal’achuun barsiisotni Oromoo Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Haluu mana barumsaa Saardoo sad 1ffaa fi 2ffaa keessaa barsiisan Dhaabbileen barnootaa siyaasa irraa bilisa tahuu qaba jechuun mormii jabaa kaasan.Mormii kanaan mootummaan Wayyaanee kan rifate yoommuu tahu barsiisotni miseensota OPDO tahanis nuyi Miseensummaa OPDO dhaabbiilee barnootaa keessatti hin barbaadnu jechuun Miseensummaan OPDO akka isaan irraa haqamu iyyatan. Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa fi Tarkaanfii qabeenya alagootaa irratti gaggeeffamuun kan baarage waraana hedduu bobbaasuun karaa hundaa irratti uummata sakatta’uu fi qorachuun rakkisuu irratti argama.
Kana malees godinuma Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu keessatti walitti bu’iinsi bulchiisa OPDO keessatti dhalateen miseensotiin OPDO namni 4 ABOf gabaasa isintu galcha jechuun qoratamanii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

Dabaluun Gibiraa uummata rakkise.Qophiin Wayyaanotaas diddaa qeerroon simatamaa jira.‏

Aside

Waxabajjii 07,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Godina Shawaa lixaa keessatti gatiin geejibaa dabalaa jiraachuu irraa kan ka’e uummatni naannoo kanaa rakkachuu irratti argama.Abbootiin qabeenyaa konkolaataa naannoo kanaa gatiin gibiraa waan nutty ulfaateef dabaluuf dirqamee jirra jedhu. Uummatni naannoo kanaas maddi rakkoo kanaa mootummaa Wayyaanee tahuu hubatee waan jiruuf sirna kana of irraa jijjiranii walaba bahuun dirqii ta’uu ifatti dubbachaa jiru.
Oduu wal qabatuun Yuunivarsiitii Amboo keessatti Miseensotni Gumii Aadaa fi Afaan Oromoo isin Miseensota ABOti jechuun qorannoon rakkachuu irratti argamu.Yuunivarsiitii Amboo keessatti Gumiin Afaan Oromoo kun akeeka ABO galmaan geessisaa jira jechuun miseensota qorannoon rakkisuu irratti argamu.
Yuunivarsiitii Arbaminc keessattis qophiin mootummaa wayyaaneen diddaa barattootaa dhaamsuuf wixinamee dallaa yuunivarsiitii keessatti gaggeeffamu diddaa barattootaan fashalee jira.