Waxabajjii 04,2012 Hawaasaa
Oromiyaa keessatti mootummaan Wayyaanee yaada dargaggootaa gara siyaasa irraa fageessuuf tooftaa garaa garaa dalagaa turuu fi har’as itti jiruun ni beekama.Kanneen keessaa yuunivarsiitiilee keessatti aadaawwan uummata biyyattii hin ilaalle babal’isuu fi qophiiwwan bashannanaa babal’isuun isa tokko.Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti garuu kun milkii dhabeefii jira.Mootummaan wayyaanee Guyyaa Colour day(Guyyaa qalamaa) jechuun yaada dargaggootaa hatuuf kan qopheesse diddaa qeeroon simatamee jira.Guyyaa kana irratti namoota mootummaa waliin hidhachuun guyyaa kana irratti qophii kana qopheessanbarattoota keessaa adda kan baasan yoommuu tahu,Qeerroonis qalamoota alaabaa ABO ibsan qabachuun bahanii jiran.
