Waxabajjii 2,2012 Haromayaa
Rakkoo FDG waliin wal qabatee barattooti Oromoo yeroo irraa gara yerootti mooraalee University adda addaa keessatti dararamuun beekamaa dha.Haalli kun itti fufuun yeroo ammaa barattoota Oromoo sochii warraaqsa deemaa jiru waliin walitti qabsiisuun mooraa University Haromaya keessatti 1000 ol kan ta’an akka nyaata hin arganne mootummaan ajaja dabarsee jira. Bulchaan mooraa Yunversitii Haromaya akka jedhutti barattoota kana irraa baajeta dhaabaa kan jedhu qajeelfami waan nu gaheef jecha irraa dhaabne jechaa jira.
Barattooti naannoo biraa irraa mooricha keessatti barachaa jiran waan nyaatan dhabuu fi gargaarsa firaa dhabuu irraan osoo hin jaallatiin mooricha dhiisanii akka deeman taasifamaa jira.

Xaabaa Poolisoota Barattoota University Eeganii
Kana malees University Hawaasaa keessatti mormiyy Ayyaana Gimboot 20 Wayyaanotaa gochuun bakka galmi ayyaanichi itti qophaawe waan dhagaan tumamee sirni ayyaanichaa fashaleef jecha nama barnootaa san keessatti mana hidhaa banuun barattoota dararaa akka jiran qeerroon gabaasa. Poolisoonni Wayyaanees mooraa Yuniversitii Hawaasaa keessatti xaabaa akka banatanii barattoota eegaa fi doorsisaa akka jiran beekama.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk