Uummatni Oromoo Qe’ee irraa hin buqqaanu jechuun waraana mootummaa wayyaanee waliin falmaatti seene!

(Qeerroo, Amboo, Caamsaa 22,2012) Duulaa fi saamicha lafaa Oromiyaa keessatti babal’atee jiru ofirraa dhaabuuf ummati tarkaanfii diddaa fi fincilaa finiinsaa jira.

Oduun aanaa Gindabarat irraa nu gahaa jiru akka ibsutti, duula Mootummaan wayyaanee bara aangootti ol bahe irraa kaasee ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqisuun qabeenya saamaa jiurtti xumura gochuuf ummati kutatee jira.

Aanaa Gindabarat ganda Gartokkee fi Qarree Sooree jedhaman keessattis diddaa ummataa kana dhaamsuuf, mootummaan wayyaanee waraana bobbaasuun dirqiin qe’ee irraa akka buqqa’an gochuun uummata Oromoo rakkisuutti akka jiru illee hubatamee jira.

Uummatni Oromoo naannoo kanas mootummaa wayyaanees hin ajajamnu,hin saamamnu jechuun didanii akka jiran beekamee jira.

Mootummaa wayyaaneetti diddaan yeroo ammaa haala jabaan jabaachaa kan dhufe yoommuu tahu, Godina wallaggaa bahaa keessattis “uummatni Oromoo qe’ee keenya irraa hin buqqaanu!” jechuun waraana mootummaa wayyaanee waliin falmaatti seenanii akka jiran oduun gidduu kana darba ajiru kan hubachiisuu dha.