Oomishni Baala Shayee Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Aallee ganda Gumaroo Sheik Mohaammed Allaamudiin dhuunfatame ture barbadaa’e!‏

Aside

Ebla 08,2012 Gabaasa Qeerroo Ilu Abbaa Booraa

Godina Iluu abbaa Booraa  aanaa Aallee Ganda  Gumaroo keessatti kan argamu Oomishni Baala shayee Sheik Mohaammed Allaamudiin dhuunfatame Ebla 7,2012 halkan keessaa sa’a 7:00 irraa eegalee barbadaa’ee jira.Oomishni Baala shayee kun hanga sa’a 9:00tti kan barbadaa’e yoommuu tahu  oomishni Heektara 3(sadii) ol daaraa ta’ee jira.Mootummaan Wayyaanee bara 2008 irraa kaasee lafa ilmaan Oromoo irraa fuudhee buna qotee bultootaa buqqisuun kan Sheik Mohaammed Allaamuditti gurgure yoommuu tahu ilmaan Oromoo lafa keenya hin kenninu jedhan ABO jedhamanii itti reebamaa fi itti hidhamaa kan turani dha.Hojjettootni Oromoo baala shayee kana keessaa hojjetanis uummata Oromoo dadammaqsaa jirtu jechuun kan itti qoratamaa turani dha,Diddaa deemsifamaa jiruun wal qabatees oomoshni baala shayee kun barbadaa’ee jira.Mootummaan Wayyaanees uummata Oromootu kana godha jechuun olii fi gadi fiigaa jiraachuun gabaasi naannoo san irraa nu gahe addeessee jira jira.

Alaa fi Keessaan Roorroon Nutti Hammaattus,Injifannee Irra Ni Aanna!!!

Aside

Gabrummaan hammaannaan,Roorroon Oromoo irra bubbuluu irraan Ilmaan Oromoo biyya irratti dhalatanii guddatan gadhiisanii baqachuun dirqii itti ta’e. Biyya baqatanittis roorroon irraa hin hafne reebamuu, ajjeefamuu,hidhamanii guraaramuu,qabeenya samamuu fi dirqiin gudeedamuu akkasumas akka bineensaatti adamfamanii diinatti kennamuun isaan mudachaa jira. Video n kun dhihoo baqattoota Oromoo biyya Yeman gahan irratti hammeenya raawatamaa jiru muldhisa. Oromoon biyyoota Kaaba Ameerikaa,Auroppaa fi Australiyaa jiraattan kanaa fi hammeenya kana caalaa Oromiyaa keessatti ta’aa jiru arguun garaa maaltu isin ciisaa?? Kana irras maal taanaa?

Sababa Oromummaan Dhiibbaan Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Miizan Teeppii irraan gahaa jiru daran hammaate!‏

Ebla 08,2012 Gabaasa Qeerroo Miizaan Teeppii

Miizaan TeeppiiDabni Mootummaan Wayyaanee barattootaa fi dargaggoota Oromoo irrratti raawwachaa jiru kam bara kamuu caalaa hammaachaa jira.Yuunivarsiitii Miizan Teeppii keessatti mootummaan Wayyaanee gaaffii walii gala barattootni yuunivarsiitichaa bulchinsi yuunivarsiitii fi tajaajilli yuunivarsiitii keessatti kennamu madaalawaa haa tahu jechuun gaafatan gaaffiin kun gaaffii ilmaan Oromoo duwwaadha,Gaaffiin akkanaas gaaffii ABOti jechuun qabxii barnootaa barattoota Oromoo irratti dhiibbaa addaa uumuun alatti foddaa mana nyaataa Yuunivarsiiticha keessaa ilmaan habashootaa fi waraanaan cabe barattoota Oromootu cabse jechuun waraqaa eenyummaa barattoota kanneen irraa funaanuun akka dallaa yuunivarsiitii gadhiisan gootee jirti. Dararama kana keessatti

1.       Barataa Eeliyaas Taaddasaa Baqqalaa muummee Civics waggaa 1ffaa

2.       Barataa Nabiyyuu Mangashaa Muummee Civics waggaa 1ffaa fi

3.       Barataa Lammeessaa Dabalaa

Jedhaman hedduu rakkamuu irratti argamu.Dhiibbaan yuunivarsiitii kana keessatti sababa Oromummaan bara baraan gahaa jiru hammaachaa kan dhufee fi yeroo ammaa basaastotnii fi waraanni mootummaa Wayyaanee uffannaan barattoota fakkaatanii nyaata barattoota waliin akka nyaachaa jiran Qeerroo ifa godha.Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Miizan Teeppii dhiibbaan sababa Oromummaan jabaachaa waan dhufeef ilmaan Oromoo akka nuu birmattan jechuun dhaamsa dabarsu.

Bara darbe hundeefamuu Qeerroon wal qabatee Yuuniversity Miizaan Teeppii keessatti waraanaanni mootummaa Wayyaanee barattoota hedduu rasaasaan reebee qaama isaanii hojii ala akka godhee turee fi kaan amma illee barnootatti kan hin deebine tahuun beekama.

Barattootni Mana barumsaa Culluxxee sadarkaa 2ffaa dhiibbaan Oromummaan gahaa jiru haa dhaabbatu jechuun diddaa itti fufan‏

Aside

Ebla 08,2012 Gulluxxee Gindabarat.

Barattootni Oromoo Godina Shawaa lixaa Aanaa Gindabarat Mana barumsaa
Culluxxee sadarkaa lammaffaa keessaa baratan barattootni oromoo
seeraan ala arii’amuunii fi barsiisotni Oromoo sababa siyaasaan
qorannoo dabaan rakkamuun haa dhaabbatu jechuun diddaa itti
fufan.Mootummaan wayyaanee Barataa Guutuu Soorii jedhamu mana
barnootaa irraa miseensa ABOti jechuun ariitee jirti.Barsiisaa Mana
barumsaa kanaa kan tahan Barsiisaa Innawu Amantee jedhamus yeroodhaa
yerootti hidhaatti deddeebisuun irraan darbanii yeroo ammaa qeerroo
mana barumsaa kana keessatti kan qindeessuu sidha,Siyaasas barsiista
jechuun qorannoo daba hin qabneen rakkisaa jiru.Barsiisaan Innawu
Amantee yeroo darbe keessattis mana hidhaa mootummaa Wayyaanee
Maa’ikelaawwii keessatti rakkamaa kan ture dha.

 

Ibsa Ejjennoo Sabboontota Oromoo yuunivarsiitii Adaamaa‏

Aside

Ebla 08,2012 Adaamaa

Sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Adaamaa diddaa deemsifamaa jiru galmaan gahuu keessatti qooda isaan irraa eegamu adda durummaan bahuuf guyyaa gaafa Ebla 04,2012 walitti dhufuun marii gaggeessanii jiru.Akeekni marii kanaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu galmaan gahuu irratti yoommuu tahu warraaqsa biyyattii keessatti deemsifamaa jiru boqonnaa haaraatti tarkaanfachiisuu irratti akka hojjetan mariin walii galanii jiru.Sabboontotni yuunivarsiitii Adaamaa Qabsoon ABOn durfamee deemsifamaa jiru ilmaan Oromoo maratti haamilee kan guute ibsuun ibsa ejjennoo armaan gadii kana baafatanii jiru.

  1. Akkuma barnoota keenya akeeka goonee barannu qabsoo keenya haalaan akeeka goonee galmaan gahuu irratti ni hojjenna
  2. Diina qabsoo ilmaan Oromoo duubatti harkisanii fi gocha diinaa yeroodhaa yerootti ni saaxilla
  3. Barattoota Oromoo yuunivarsiitiilee fi manneen barnootaa gad aanaa irra jiran ni kakkaasa,ni barsiisna
  4. Qabsoon Oromoo ABOn durfamu hanga galmaan gahu waadaa tiksinee cinaa ni hiriirra
  5. Gahee Oromummaa ni baana
  6. Dhiibbaa ilmaan oromoo fi qabeenya oromoo irra gahu dhaabbannee hin ilaallu kan jedhan turan

Sabboontotni yuunivarsiitii Adaamaa marii isaanii milkiin kan xumuran yoommuu tahu hojii hojjetamu yeroodhaa yerootti gamaggama waliin akka dhiyeessanis walii galanii jiru.

Injifannoon uummata oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

 

Seife Nebelbal Radio, April 6, 2012 – Interview with Dawid Ibssaa, Part I

Aside

Mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo fi Beenishaangul Gumuz Ammos walitti buuste.

Aside

Ebla 7,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamte

Godina wallagga Bahaa Aanaa Eebantuu Ganda Qeelloo Bakka Ba’aa jedhamutti mootummaan Wayyaanee Ilmaan Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz Walitti buusuun dhiigni dhangala’e lubbuun namaas darbaa jira.Mootummaan Wayyaanee Lafa Ilmaan Oromoo naannoolee Birootti qircuuf kan karoorfate dhiiga keenyaan mirkanfanna jechuun uummatni Oromoo naannoo kanaa waan qabaniin walitti lola kana seenuu dirqamanii jiran.Guyyaa har’aa walitti bu’insa uummata Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz gidduutti ta’een Ilmaan Oromoo 2 ajjeefamanii 3 yoommuu madaa’an uummata Beenishaangul Gumuz keessaa 15 ajjeefamanii hedduun madaa’anii jiru.Lubbuu namaa bahaa jiru kanatti mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa akka fudhatu jechuun uummatni ganda qeelloo qeerroof yaada kennanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Haroo Limmuu keessatti Qeerroon Oromoo dabballoota OPDO arii’an.Dabballootni OPDO manneen barnootaa Walisoo Dargee fi Barisoo keessatti isinii ijaarra jechuun uummata gowwoomsuun tasgabbii uumuu yoommuu yaalan Qeerroon naannoo kanaa itti bobba’uun dabballoota kana arii’anii ergamtuun nu hin bittu,OPDOn ergamtuu dha jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiru.

 

“Mootummaan ummata irraa abdii dhabe, gaaddidduu isaa iyyuu hin amanu!”

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, 6/04/2012) Waraanni Mootummaa Wayyaanee Oromiyaa Lixaa keessatti bobba’ee jiru Qeerroo Oromoo hidhuu fi hirarsuutti akka jiru beekame; haata’uutii, Qeerroon diddaa isaanii jabeessanii akka itti fufan dhaamanii jiru.
Diddaa fi mormiin guyyuu itti jabaataa kan jiru mootummaan Wayyaanee bakkee diddaan jabaatetti waraana bobbaasuun dargaggoota hiraarsaa akkuma jiru sanatti, gidduu kanas Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti dargaggoota Oromoo hidhee dararaa jira!‏.
Mootummaan wayyaanee dargaggoota Oromoo mana hidhaatti ukkaamsuun dararama guddaa irraan gahuu akkuma amaleeffatetti, Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti dargaggoota Oromoo mana Hidhaa Waajiira Poolisii Guttin keessatti argamu keessatti ukkaamsuun dararama irraan gahaa jira.
Dargaggoota Hojii dhabdummaan rakkatan mootummaan wayyaanee, “isin ABOti, Isin qeerroodha, Qeerroos nurratti ijaartu,” jechuun
1.      Dargaggoo Asaffaa Nagarii
2.      Dargaggoo Hundarraa Camadaa
3.      Dargaggoo Jabeessaa Amanuu kan jedhaman mana hidhaa keessatti ukaamsuun beelaa fi qorraan dararuu irra darbanii reebaa akka jiran beekamee jira.
Diddaan Oromiyaa keessatti gama hundaan deemaa jiru mootummaa wayyaaneetti summii kan tahe yoommuu tahu.  diddaan Qeerroo fi ummataa kun yeroo ammaa miseensota Wayyaanee illee jeeqaa akka jiru hubatamaa jira.

Gama biraatiin, Waraanni Mootummaa wayyaanee Dabballoota Gandaa Hammachuun Godina Iluu Abbaa Booraa ganda Buree keessatti uummata Oromoo irratti goolii uumaa akka jirtu beekame.

Waraanni mootummaa kun ilmaan Oromoo kan hiraarsaa jirtu, “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistu, Obaastu, Meeshaa waraanaa keessuuf,”  jechuun ta’uun illee saaxilamee jira.

Diddaa godiana kana keessatti itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee karaa ganda lamaan wal quunnamsiisanii fi magaalota keessatti waardiyaa halkanii fi guyyaa ramaduun nama dhimma isaaf deemu otuu hin hafiin qorannoon cinqaa jirti.

“Mootummaan ummata irraa abdii dhabe, gaaddidduu isaa iyyuu hin amanu,”  kan jedhan Qeerroon naannoo sanii immoo dhaamsa dabarsan keessatti, “Tuullaan waraanaa daran akka isaan keessatti diddaa keenya jabeessinu nu gargaara malee duubatti nu hin deebisu!” jechuun ejjannoo isaanii beeksisaa jiru.

“Kan barate, gatii Bilisummaa beekee falmta!”

Aside

(Qeerroo, 05/04/2012) “Namni yaada qajeelaan sabaafi biyya isaaf yaadu, dhukkubsatuufi quuqamu, namni kamuu jireenya wayyaa’aafi qananii akka jiraatu fedha. Nama yaada qajeelaa qabuuf, lammiin isaa hiyyoomuufi inni sooromuun, lammiin isaa doofomuufi inni qaroomuun hingammachiisu.

Haati akkuma mucaan ishii akka ittiin ofgubuuf ibidda itti hinkennine, hiyyummaafi doofummaa lammii isaa kan fedhu hinjiru. Haata’uutii, bekuufi beekuu dhabuun immoo akka nama walcaalchisu dagachuu hinqabnu.Kan barate mirga isaa gaafata; kan barate boodatti hafuun yookaan namoota kaanii gad ta’uun isa quuqa; isa gaabbisiisa. Gatii Bilisummaa, fi hiikkaa mirgaa beekee, kanatu na jalaa hafe; kanatu natti hir’ate jechuu kan danda’u ummata barate qofaadha.”   J.Taaddasaa Birruu

https://qeerroo.org/xalayaaletters/dubbayyuuquotations/#

Imaan Oromoo Oromummaan Yakkamanii Hidhaman Dararama Jabaa Jala Akka Jiran Beekame

Aside

Ebla 04,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo mana hidhaatti ukaamse murtii malee kaa’uu irraan darbee dararama guddaa irraan gahaa jira.Dargaggoon Oromoo Geetaachoo Iddoosaa Sabbooqaa jedhamu tika mootummaa Wayyaaneen yakkamee aanaa Midaaqeny irraa mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti ilaalcha ABO qabda,Miseensa ABOti jedhamuun kan darbame yoommuu tahu yeroo ammaa kana mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Qaallittii keessatti ilaalchi ABO si hin gadhiisne jedhamuun harka isaa duubatti hidhuun reebanii du’aa jireenya gidduutti argama.Ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti argaman to’annaan addaa itti godhamee hidhaa irratti hidhaa keessa jiraachuu isaanii ibsatu.ABO mana hidhaa keessaa miseensa ijaaree jira jechuun mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo qofaatti tika addaa irra kaa’ee rakkoo guddaa keessa buusee jira.