Miseensoti Qeerroo Yunivarsitii Wallaggaa Waadaa Qabsoo Haaromsatan!

Aside

(Qeerroo, Naqamatee, 29 Ebla 2012) Saamamuu lafa abbootii Oromoo, ajjeefamuu saba Oromoo, reebamuu fi ariyatamuu, rasaasaan tumamuu ilmaan Oromoo  sababeeffachuudhaan qeerroon magaalaa Leeqaa Naqamtee fi mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessa baratan walitti dhufuudhaan wal gayii gabaabaa adeemsisuudhaan ejjennoo qaban lafa kaayatanii jiru.

Akkasumas miseensoti Qeerroo itti dabaluun dhaamsa dabarsan keessatti qabsoo Bilisummaa Oromoo karaa hundaan gargaaruuf  waadaa waliif seenuudhaan qabsootti akka jabaatan murteeffatanii jiran.

“Baayinni Oromoo mootummaa wayyaanee aarsuudhaan lammii biroon akka ilmaan Oromoo ajjeesee fixu mootummaa wayyaanee karoorsus diddaa mootummaa wayyaane irratti eegalle  itti hammaachaa kan deemnu kan ta’u malee boodatti akka hin deebine mirkaneessina,” kan jedhan miseensoti Qeerroo, “Gumuz gofa osoo hin taanee ilmaan Tigraayis wal guuranii yoo dhufan kanaan booda ejjennoon keenya ammas mootummaa wayyaanee abbaa irree kana of irraa fonqolchuudhaaf murtoo qabnu beeksifna,” jedhan.
“Bara baayyee sodaa wayyaaneetiin sochii warraaqsaa deemamee karatti rarra’aa tureera,” kan jedhan miseensoti Qeerroo kunneen, “amma garuu mee nuti abdiin saba Oromoo waanjoo garbummaa yeroo dheeraa nurra ture of irraa galagalchuuf tokkuummdhaan,saba keenya kakasuudhaaf hidhannee kaanee jirra,” jedhanii jiru.
Gocha gaddisiisaa uummata Oromoo irra gahaa jiru kana dura akka dhaabbatan murteeffatanii kan jiran miseensoti Qeerroo, “ammas irra deddeebinee gocha mootummaa wayyaanee  dura dhaabbanna; kaayyoo isaa fesheleessina; kaayyoon diinaa keenyaa galma akka hin geenye jechuudhaan dhaamsa waliif dhaama,” jedhanii jiru.

Jiisaa Beellamaan Dhufee Loolii Qeerroo!!

Jiisaa Beellamaan Dhufee Loolii Qeerroo!!

Gaaffiin Mirgaa Hawaasni Musliimaa Gaafachaa Jiru Qaama Qabsoo Farra-Sirna Wayyaanummaa ti

Aside

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

 Ebla 28, 2012

Hawaasni Musliimaa Ebla 20 bara 2012 guyyaa Jimaataa kumoota dhibbootaan bahee ‘mirgi amantii keenyaa haa kabajamu’ jechuun sirna abbaa irree Wayyaanee balaaleffachaa oole. Gaaffiin hawaasa Musliimaa kun gaaffii mirga amantii ti. Mootummaan Wayyaanee seera amantii Islaamaa kan hanga haráantanaatti hawaasichi hordofu dhiituudhaan barsiisa amantichaa haaraa ál Ahbash’jedhamu kan yeroo dhihoo keessa nama Abdullaah al Habash jedhamuun naanneeffamaa jiru fudhattan malee jedhee humnaan tooftaa adda addan dirqisiisaa jira. Leelliftoota barsiisa haaraa al Ahbash’ jedhamu kanaa, kan lakkoofsaan bicuu tahan waan maraan yoo cinaa dhaabbatee jajjabeessu, hordoftoota amantii Islaamaa wayyaba kan mootummaan dhimma amantii keenyaa keessa seenuu hin qabdu jedhanii dura dhaabbatan ammoo diinomfachuudhaan doorisisaa jira.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee akkuma sabaa fi sablammoota keessaa warra hambaan bitaman jaarratee akka meeshaatti itti dhimma bahu hunda amantiilee ummanni hordofu adda addaa keessas harka naqachuuf jecha tooftaa wal fakkaataa fayyadama. Dabballoota sirna isaa deeggaran maqaa hayyummaa amantiitiin muudee karaa isaaniin amantiilee hunduma meeshaa siyaasaa isaa taasifachuuf akka hojjechaa jiru ifaa dha. Qaamni ‘Gumii Dhimma Islaamummaa’ (Majliisul Al’aalaa) jedhamus bifuma kanaan yeroo ammaantanaa jaarmaya amantii tahuu isaa hanga irraanfatutti maxxannee sirna Wayyaanee tahuudhaan mirgoota amantichaa sharafee sharafsiisaa jira jechuun Musliimonni Itoophiyaa keessaa kulkulfatanii dubbachaa jiru. Warri Majliisul Al’aala kana geggeessu warra hordoftoota amantichaan filame osoo hin taane dabballoota Wayyaaneen muude waan taheef sagalee keenyaan kan nuuf tahu filachuu barbaanna jechaa jiru.

Read Full Statement in 

Oromo OLF Press Release April 28, 2012

              Amharic          OLF Press Release April 28, 2012-Amharic

English  OLF Statement April, 2012