Qoteebulaan Oromoo Maatii 272 Qe’ee Isaanii Irraa Buqa’an Bakka Galan Dhabuu Irraan Tumsa Barbaadu

Aside

Ebla 27,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamte
Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo lafa irraa buqqisuu fi qe’ee irraa arii’uu waan amaleeffate Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu ganda Bariisoo Birmajjii bakka Abbaa Moo’aa jedhamu irraa mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo abbaa warraa 272 qabeenya isaanii waliin waraana itti bobbaasuun lafti kun kan uummata Beenishaangul Gumuzi jechuun buqqisee jira.Uummatni Oromoo naannoo kana irraa buqqa’an qabeenyi isaanii fi maatiin isaanii bittinnaa’aa kan jiruu fi Waraanni mootummaa Wayyaanee bobba’e qabeenya isaaniis saamuu irratti argama.
Ummanni naannoo kanaa yeroo dheeraaf qabsoo fincila diddaa gabarummaa itti fufuun naannoo isaanii dabballoota Wayyaanee irraa bilisomsanii manguddoota Oromoo gandaan of bulchaa turan,haaloo kanaa bahuuf jecha waraanni Wayyaanee itti bobba’uun qabeenya isaanii waliin saamee arihee waan jiruuf sabboontotaa fi ummata Oromoo irraa birmatnaa barbaadu.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Magaala Hoolotaa keessatti Mariin Afaan Fajjessaa Qondaalota Wayyaaneen dhihaate hojjettootaan fashale

Aside

Gabaasa Qeerroo Amboo Ebla 28,2012
Ebala 27,2012 Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree magaala Hoolotaa keessatti mootummaan Wayyaanee hojjettoota qonnaa maqaa marii ‘’Raayyaa Misoomaa Lafa qabsiisuu’’ jedhuun wal gahiin waamame gaaffii hojjettootaan dhiyaate jala dhaabbachuu dadhabuun fashalee oolee jira.Hojjettootni Qonnaa 70 tahan wal gahii kana irratti waamaman gaaffiilee

1. Misoomni waggaa meeqaaf odeeffame firiin isaa eessa dhaqe?
2. Ummanni Oromoo maqaa mishoomaan lafa irraa buqa’ee rakkataa fi hiyyeessa ta’ee jiraachuun mishooma hin jedhamu.
3. Mishoomi abbootii biyyaa kan ta’an hiyyoomsuu fi durreessa alagaa soromsuu dha moo hiikkaan isaa maali?
4. Maqaa Misoomaan miindaa cituun maaliif hin dhaabbatu?
5. Maqaa Hidha Abbayyaan maallaqni funaanamu nurraa maaliif hin dhaabbatu?
Gaaffiilee jedhan hojjettootni qonnaa kun dhiyeessuun ergamaan mootummaa Wayyaanee Itti aanaa Hoogganaa waajjira qonnaa kan tahe Taammiraat Zoodee jedhamu waan deebisu dhabuun mariin maqaa mishoomaan ummata afaan fajjessuu barbaaddee Wayyaanee misoomaaf waamte gaaffii hojjettoota irraa itti dhufeen fashalee jira.
Haaluma wal fakkaatuun mormiin hojjettoota mootummaa irraa leenjii guyyaa 45 jedhamuun magaala Asoosaatti dhiyaate fashalsiisaa jira.