Heddumminni Humna Hidhataa Wayyaanee Mooraa Yunversity Haromaayaa Keessa Jiranii fi Baayyinni Barattootaa Wal Qixa Tahuun Beekame.

Aside

Ebla 27,2012 Gabaasa Qeerroo University Haromaya

Yeroo ammaatti mooraan Yuniversitii  Hayroomaayaa  kan barataa ta’uu fi kan poolisa Wayyaan ta’uun wallaalame sababni isaa yoo baayina barataa fi kan waraana akkasumas poolisa mooraa kanaa ilaalle walgitu.

Kunis maaliif ta’e? Akkuma beekamu mooraan Yuniversitii kamiyyuu bakka barataan itti qaroomee ba’u ture malee bakka waraanni wayyaanee itti leenjifamu miti ykn hin turre. Kanumarraa ka’uun gaafa guyyaa Ebla 24,2012 sa’atii 2:00 kaasee hanga sa’a 3:00 wb itti waraannii fi hidhattoonni Wayyaanee bakka LAUNCH WALLAGGAA jedhamuun beekamu keessatti walitti qabamuun maree kan geggeessaa turan yommuu ta’u, mata duree fi ijoon maree irratti mari’atanis Qeerroo mooraa kana keessa dhokatee odeeffannoo keenya funaanu akkamitti harka keenya keessa galfanna kan jedhu fi yookiis Qeerroon ABO kun mooraa Yuniversitiin ala ta’uu waan danda’uf yeroo barataan mooraa seenu ID barattoota hunda kan mooraa kanaa ta’uu isaanii, akkasumas suuraan ID kana irra jira fuula namtichaa wajjin kan walfakkaatu ta’uu isaa ifa baafachuun dirqama kan jedhus gara waardiyaa balbala mooraatti dabarsan.

Haa ta’u malee QEERROON HAROMAYAA UNI  keessa jiru kun hidhataa waraanaa Wayyaanee  keessaa iyyuu maadhee qabaachuu fi qaama dargaggoota mooraa Yuniversitii  alaas ta’uu danda’a.

Hidhattoota mooraa seenanii Qeerroo sakata’uu fi tikoota jala buusan keessaa tokko akka barattoota gariitti haasayetti  “Kan garaa garaa haa taa’uu” Qeerroo Oromoo karaa fedhe iyyuu bilisummaa barbaadu waan ta’eef akka fedhetti dabarsinee hin kenninu kan jedhu kaasuun beekamee jira. Maarree Qarshiin Wayyaanee kan yeroof nama bitu yoota’ellee ani gama kootiin jireenyaaf malee wayyaaneef hin bitamu jechuun quuqqaa garaa isaa keessaa fi karoora ykn sagantaa ABO akka deggeru kan ibse hidhataan kun, jabaadhaa Qeerroon ABO amma fuulli kan keessan kan jedhe poolisni kun maqaa isaa barattootatti himuuf seenaaf qabadha jedheen maqaa fi deggersa Qeerroof qabu himatee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Maanguddon Oromoo walitti bu’insa uumameen ajjeefaman! Uummatnis jibba mootummaa Wayyaanee irraa qabu dhaadannoon ibsan!‏

Aside

Ebla 27,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamte

Wallagga Bahaa aanaa Gidaa Ayyaanaatti Manguddootni Oromoo sabboonoo ta’anii fi warreen abbaa maatii hedduu ta’an waraana Wayyaanee uummata Beenishaangul Gumuziin dahatee Oromoo lolaa jiruun kanneen  ajjeefamuun reeffi isaanii guyyaa lama sadii booda argame. Ajjeefamuu maangudoota kanaan kan aaran ummanni naannoo caalaatti jibba mootummaa Wayyaaneetti kan hammeessee fi qabsoo diddaa gabrummaa irraa duubatti akka isaan hin deebifne dhifatti addeessanii jiru. Ummanni kaannoo kanaa mootummaan Wayyaanee qabsoo sanyii balleessii Oromoo irratti raawwataa jiru yoo hatattamaan hin dhaabne ta’e duula of ittisaa caalaatti akka itti fufan awwaalcha maanguddootaa kana irratti ibsanii jiru. Maanguddoota ajjeefaman kuns kanneen armaan gadii kana.

  1. Obbo Baqqalaa Olaanii
  2. Obbo Fiqaaduu Dabbis
  3. Obbo Jabeessaa Garbii
  4. Obbo Alamuu Tiitaa
  5. Obbo Gannatii Hundarraa
  6. Obbo Fiqaaduu Yaadataa
  7. Aadde Aagee Dhugaasaa
  8. Obbo Gaarumaa Amanuu
  9. Obbo Margaa Toleeraa fi kanneen maqaa isaanii yeroof hin arganne keessatti argamu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Mootummaan wayyaanee Akkuma amala isaa dhimma Amantii keessa seenuun hordoftoota amantii garaa garaa gidduutti wal dhabdee uumaa jira!‏

Aside

Ebla 27,2012 Qeerroo Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee amantii fakkeessanii uummatni Oromoo siyaasa gaggeessaa jira,Kaayyoo ABO galmaan gahaa jira jechuun uummata gooluu irratti argama.Godinaalee Oromiyaa garaa garaa kanneen akka Baalee fi Arsii keessatti haalli kun haalaan jabaate yoommuu tahu uummatni karaa nagaa amantii isaa gaggeessuu hin dandeenye.Haalli kun guutuu biyyattii keessatti babal’achuun mootummaan Wayyaanee basaastota poolisa federaalaa keessaa funaanuun uffata namootni amantii uffatan uffatanii masgiidaa fi Mana Kiristaanaa seenuun oduu akka funaansisaa jirus bira gahamee jira.Seera biyyattii keessatti mootummaa fi amantiin dhimmoota wal lagatan jedhamanii barreeffamanis hojiin mootummaan Wayyaanee dhimma amantiilee keessa galuun uummata wal danda’ee amantii mataa mataa isaa gaggeeffatju walitti buusaa jira.Haalli kun babal’achuun yuunivarsiitii Jimmaa keessatti filannoo pirezedaantii barattootaa godhamaa jiru irratti protestaantii fi Musliima gidduutti wal dhibdee buusuuf carraaqii guddaa godhee jira.Waan mootummaan Wayyaanee guyyaadhaa guyyaatti wixinu uummata biyyattii kallattii maraan jeeqaa jiraachuun beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!