Ebla 20,2012 Qeerroo University Finfinnee
Qeerroon University Finfinnee haala sochiin isaanii diinaan tohatamu keessatti diddaa jabaatanii itti fufuun Ebla 15,2012 guyyaa goototaan sababeeffachuun walgahii dhaabbataa godhatan irratti haala qabsoo Oromoo fi sochiilee Qeerroo Oromiyaa keessatti deemu irratti baldhinaan erga mariyataniin booda.Fincila diddaa gabrummaa bara 2012 keessatti haala adda ta’een akka itti fufee qabsoo Oromoo karaa saffisaan bakkaan gahu,kana irratti dabalee haala mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo fi qabeenya Oromiyaa irraan miidhaa gahaa jiru hammeenya hiriyyaa hin qabne waan ta’eef ummanni Oromoo fi saboonni biro sochii diddaa gabrummaa haala qindaayeen akka itti fufu irratti mariyachuun qeerroon gabaasa.
• Walgahii Qeerroo dhaabbataa kana irrattis ibsi ejjennoo baafatan.
• Gochaa mootummaan Wayyaanee ummata keenya irraan gahaa jiru daran hammachaa waan jiruuf qabsoo diddaa gabrummaa hamma bilisummaatti itti fufna.
• ABOn dhaaba abdii ummata Oromoo waan ta’eef jala hiriirree bilisummaa falmachuun mirga keenya.
• Ayyaan laallattootaa fi gantoota qabsoo Oromoo gananii diina waliin hiriiruun dhaaba ABO fi sochii ummata Oromoo irratti daba hojjetan bifa kamiinuu dura dhaabbanna.
• Gochaa wayyaaneen maqaa amantiin biyya goolaa jirtu dura ni dhaabbana
Kanneen jedhan irratti ejjennoo fudhatanii jiru.
