Gaaffii fi Deebii Barsiisaa koollejjii Allaagee waliin afaan Amaaraan taasifame

Gaaffii fi Deebii Barsiisaa koollejjii Allaagee

Waraanni Mootummaa Wayyaanee Diddaa Godina Iluu Keessaa Dhaabuuf Uummata Goolaa Jira.

Aside

Ebla 20,2012 Gabaasa Mattuu Irraa

Waraanni  Wayyaanee Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Buree gandoota Gommaa fi Hooboo Mirriigaa jedhaman keessatti bobba’uun uummata Oromoo nagaa isin ABOti,WBO nyaachisuu fi gargaaruun akka waraanni mootummaa rukutamu taasiftaniittu jechuun uummata irratti qorannoo jabeessuu irraan darbee nama karaa deemu hunda sakatta’aan rakkuu irratti argamu.Waraanni mootummaa Wayyaanee kun torbaan darbe haleellaa WBOn irratti fudhatameen baaragee ummata naannoo sanii ijaa bahuuf jecha olii fi gadi haa kaatu malee kanuma waliin haamleen isaa guddoo bu’ee akka jiru ummanni naannichaa gabaasa. Kanuma waliin ummani anaa kana keessa jiru sochii WBOn taasisee fi tarkaanfii fudhatameen abdii guddaa horatee akka jiru qeerroon naannicha irraa gabaasa

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Gartuun Qeerroo Magaalota Adda Addaa Keessaa Ebala 15, Kabajachaa jiru.

Video

Gartuu Qeerroo Magaalaa Lixa Shawwaa Keessa Tokko.