Adurreen Leenca Mokkorte, Qeerroo Uni Haromaya(2012 kan yeroo darbee)

Video

Diddaan Barattoota Oromoo Gara Roorroo Of Irraa Ittisuutti Ce’e

Aside

Ebla 12,2012,Gabaasa Qeerroo Horroo Guduruu
Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee Mana Barumsaa Aliboo sadarkaa Lammaffaa keessatti Barsiisaan Hoogganaa Mana Barumsaa Aliboo ta’ee ergamaa wayyaanee ta’uun barattoota oromoo rifeensa guddistu,Siyaasa gaggeessitu jechuun barattoota rakkise Barsiisaan Oliyaad Gaddafaa barattootaa fi ummata naannoo haalaan waan rakkiseef jedhcha barattooti roorroo of irraa ittisuuf basaasa Wayyaanee kana haalaan reebuu fi miidhuu irraan kan ka’e,Moootummaan Wayyaanee arattoota mana barumsaa Aliboo Jumlaan qabuun mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Yeroo ammaa
1. Barataa Haayilee Maaremaa Barataa kutaa 10ffaa
2. Barataa Taarikuu Waaqoyyaa Barataa Kutaa 10ffaa
3. Barataa Yaadataa Olii Barataa Kutaa 10ffaa
4. Barataa Barasaa Maaremaa barataa kutaa 10ffaa
5. Barataa Dassaalee Galataa Barataaa kutaa 10ffaa
6. Barataa Fantaa Luuccee Barataa kutaa 10ffaa
7. Barataa Galaanaa Xiyyee barataa kutaa 10ffaa
8. Barataaa Baabbee Abdiisaa Barataa kutaa 10ffaa
9. Barataa Bal’isaa Xaasoo barataa kutaa 10ffaa
10. Barataa Misgaanaa Abdiisaa barataa kutaa 10ffaa
Jedhaman waajjira poolisii magaala Alioo keessatti hidhamuun ergama ABO qabdu jechuun reebamuu irratti argamu.

Oromiyaa Lafa Jiituu Laggeen Irra

Oromiyaa Lafa Jiituu Laggeen Irra