(Qeerroo, 05/04/2012) “Namni yaada qajeelaan sabaafi biyya isaaf yaadu, dhukkubsatuufi quuqamu, namni kamuu jireenya wayyaa’aafi qananii akka jiraatu fedha. Nama yaada qajeelaa qabuuf, lammiin isaa hiyyoomuufi inni sooromuun, lammiin isaa doofomuufi inni qaroomuun hingammachiisu.
Haati akkuma mucaan ishii akka ittiin ofgubuuf ibidda itti hinkennine, hiyyummaafi doofummaa lammii isaa kan fedhu hinjiru. Haata’uutii, bekuufi beekuu dhabuun immoo akka nama walcaalchisu dagachuu hinqabnu.Kan barate mirga isaa gaafata; kan barate boodatti hafuun yookaan namoota kaanii gad ta’uun isa quuqa; isa gaabbisiisa. Gatii Bilisummaa, fi hiikkaa mirgaa beekee, kanatu na jalaa hafe; kanatu natti hir’ate jechuu kan danda’u ummata barate qofaadha.” J.Taaddasaa Birruu