Wayyaaneen Mana Namaa Sakatta’uuf Dursitee Boombii Dhoofte.

Aside

(Qeerroo, Amboo, 21 Bitootessa 2012) Waraanni Wayyaanee diddaa Qeerroo dhaamsuuf magaala Amboo fi aanolee garaa garaatti bobba’e uummata Oromoo maqaa meeshaa waraanaa ABOtu isin bira jira fidaa jedhuun goolaa akka jiru beekame.

Akka kanaan Godina Shawaa lixaa aanaa Amboo ganda Awwaaroo jedhamu keessatti Bitootessa 20,2012 waraanni mootummaa Wayyaanee bobba’uun manaa manatti sakatta’insa meeshaa waraana ABO jedhuun uummata Oromoo rakkisaa oolee jira.

Keessaayyuu, halkanii fi guyyaa manni ilmaan Oromoo qawwee fi boombiin dhoksaan jira maqaa jedhuun mirgi nagaan jiraachuu ummataa goolamaa fi jeeqamaa akka jiru habatamee jira.

Haala kana dhaabsisuuf, ilmaan Oromoo waraanni mootummaa wayyaanee akka mana isaanii hin sakattaane dura dhaabbachaa kan jiran yoo ta’u, waraanni wayyaanee, keessaayyuu kana ganda Awwaaroo fi gandoota birootti bobba’e ilmaan Oromoo doorsisuufi ittiin qabataniis sakatta’aa gochuuf  boombii mana keessaa baasne jechuun kanuma hidhatanii bobba’an dhoosanii  ummata doorsisaa jiran.

Namni ijaan arge tokko Qeerroof akka ibsetti, Wayyaanoti dursanii boombii akka barbaadan oduu isaa karaa dabballoota isaanii himanii turan. Booda garuu, waan ittiin sababa godhatan tolfachuuf otuu sakatta’a hin eegaliin dursanii boombii dhoosan.

Boombiin dhuka’e kunis jiraataa ganda Awwaaroo tokko irratti balaa dhaqqabsiisee jira. Mormii fi diddaan uummataas haalaan jabaatee waraanni meeshaa guutuun ganda keessa naanna’aa jira.

Haaluma walfakkatuun, diddaa jabaachaa kan jiru yoo ta’u, keessaayyuu  barattootni Abuunaa diddaa isaanii jabeessanii akka jiran beekamee jira.

Bosona Oromiyaa Wayyaanotaan Gubamaa Jiru Dhaamsuuf Namuu Hatattamaan Haa dirmatu

Aside

 Mootummaan Wayyaanee har’as akkuma waggoota kurnan tokkoon duraatti bosona Oromiyaatti tahe jedhee ibidda qabsiisee gubaa jira. Sirni imaammata barabdeessii hordofu kun keessumattuu Oromiyaa daaraa gochuuf ammas marxifatee hojjechaa jira. Akka odeessonni qabatamoon Oromiyaa Kibba Bahaa irraa bahaa jiran hubachiisanitti bosonni naannoo Arsii hanga Baale gahutti akka hamaatti gubataa jira. Ibidda ergamtoota sirna Wayyaaneetiin qabsiifameen hanga ammaatti bosonni onoota Xiyyoo, Dagaluu Xiyyoo, Kaakkaa, Galaanaa, Gaara Dooroo, Kofalee fi Gaara Boqoojjii irraa qabee hanga gaarreen Baaleetti fulla’u haala nama rifaasisuun gubachuutti jira. Keessumattuu Gaarri Dooroo ibidda tahe jedhamee qabsiifame kanaan akka hamaatti gubataa jiraachuu odeessi argame ni hubachiisa.

 Afaan Keenyaan(Afaan Oromoo)Bosona Oromiyaa Wayyaanotaan Gubamaa Jiru Dhaamsuuf Namuu Hatattamaan Haa dirmatu (1)

Afaan Amaaraa Woyane Ignites Fire on Oromian Forests

“WEENNII GOGAA ISHEEF AJJEESANII”, YAA QEERROO !!! HIN DAGAMIIN

Aside

YAA.GAMMADAA(2005)

Weenniin foon ishee hin nyaatan .(akka Biyya keenyatti) faayidaa biroofis hin oolu. Garuu dhalli namaa bara baraan ajjeesaan. Kan inni ajjeesuuf ammo, gogaa isheetu gatii baasaafii. Mee, weenniin bineensaa yoo ajjeefamte iyyuu homaa miti jennee bira haa tarru. (Kana jechuun bineensa ajjeesu hayyamu kiyyaa miti.) Garuu weennin gogaa isheef jette ajjeefamu namatu beekeefii mammaakeef malee isheen hin beektu.

Anaan kan na dinqisiisu , Lubbuun ilmaan Oromoo ammuma weenniitti shallagamee, Qabeenyaa isaaf jedhamee bara baraan ajjeefamuu isaati. Jarri dabreedhaan Immiyyee Itoophiyaa  jedhanii lallabaa jiraatan, Ummata Oromoo kana akkuma dhala namaatti odoo hin lakkoofnee, akka weennitti herreeganii ajjeesaa jiraachuun isaa nama hin dhibu ? kan caalaatti nama raaju, hammeenya akkasii nu irratti raawwachaa , miidhaan isaan nu irratti raawwachaa jiran odoo itti hin dhaga’amne, Biyya diiguuf warra deeman nuun jechuu isaaniti. Mee hubadhaa , Biyyi isaan halkanii fi guyyaa irraa iyyaniif kun, akka hin diigamne yoo barbaadu ta’e, akka weennittii nu ilaalu akka dhaaban hubachuutu irra ture. Garuu ofii nu reebanii, kan nuuti madoofnuutti , isaantu nuuf iyya.WEENNII GOGAA ISHEEF AJJEESANII

University Finfinnee Damee Bishooftuu Keessatti Barattooti Oromoo Walgahii Wayyaanee,OPDO Didan.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 20, Bitootessa 2012)

Mootummaan Wayyaanee Ayyaana OPDO ofiin bixxile kabajuuf yuunivarsiitiilee keessatti qophii barbaachisaa gochuuf yaalus duraa fashalaa akka jiru qeerroon mooraa University adda addaa irraa gabaasan.

Wayyaaneen miseensota OPDO yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti Bitootessa 17/03/2012 walitti waamee haala ayyaana ho’aan kabajamu mariisisuuf yaalus miseensotni OPDO fi sabboontotni yuunivarsiitii sanaa harkatti akka fashalu taasisuun,walgahicha guutummaatti diduun wal dhabdee fi wal shakkiin akka bittinnaa’an ta’ee jira.Mootummaan Wayyaanee ayyaana OPDO kabajuuf qophiin itti jiru bakkeewwan hundaatti akka fashaluuf deemus qeerroon beeksisee jira.Haala kabaja ayyaana OPDO irratti Wayyaaneen yuunivarsiitiilee fi manneen barnootaa keessatti kabajuuf sodaan jira,Barattootni Oromoo nu harkatti fashalsiisu jechuun cinqamaa jiraachuun saaxilameera.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Booranaa aanaa Bulee Horaa keessatti barsiisotni OPDO hin taane shakkamtoota jedhamuun qoratamaa jiru.Qorannoon mootummaa Wayyaanee waan dura turee fi har’as jiru waan taheef qabsoo bilisummaaf jabaatanii akka tarkaanfatan qeerroon aanaa kanaa dhaamee jira.

Fincilli Diddaa Gabrummaa Godina Lixa Shawaatti Jabaatee Itti Fufe.

Aside

(Qeerroo, Amboo, 20, Bitootessa 2012)

Godina Shawaa lixaa yuunivarsiitii Amboo fi naannoo isheetti diddaa uummataa  jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee waraana bobbasuun dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.

Haaluma kanaan Godina Shawaa lixaa aanolee garaa garaa fi magaalawwan Gindabarat,Xiqur Incinnii, fi Gudar keessatti diddaa haalaan itti jabaate dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo gandaa gandatti socho’uun doorsisaa jiraatu illee diddaan Qeerroo bilisummaa fi jiraattota naannichaa itti jabeetee jira.Bahaa fi galma magaalaniittis ABO tu seena sodaa jedhuun  uummata nagaa deemu sakatta’aa akka jiranis gabaasi naannoo san irraa qeerroon gabaase addeessa.Dargaggoota kanneen birootti ammo meeshaa irratti qabne jechuun sobanii gara mana hidhaatti guuraa akka jiran beekame.Dargaggootni meeshaa irratti qabne jedhamanii mootummaa Wayyaaneen ukaamsaman keessaa

1.Dargaggoo Dajanee Gaddafaa Aanaa Gindabarat ganda Koonnoo irraa

2.Dargaggoo Gaddafaa Aanaa Gindabarat ganda Jaammoo irraa keessatti argamu.

Mootummaan Wayyaanee godina kana keessatti haalaan sodaachuun uummata nagaa irratti goolii uumaa jiraaatu illee qeerroon jabinaan jala dhaabbachuun beekama. Haala kanatti kan rifate waraanni mootummaas diddaa kana garatti qabu dhabuu irraan ummata sodaachaa akka jiru beekamee jira.

Kanuma waliin gaaffii fi deebii Qeerroo Godina lixa Shawaa waliin goone gama fuula duraa isiniif dhiheesina.

Oduu Dabalataa: Ilmaan Oromoo Sudaan Keessatti Hidhaman

Aside

(Oduu DabalataaQeerroo, Finfinnee, 19 Bitootess 2012) Wallisaa Kadir Martuu waliin ilmaan Oromoo Sudaan keessatti hidhaman maqaan isaanii nu gahee jira.

Akka kanaan maqaan ilmaan Oromoo kanneen ergamtoota  wayyannee biyyaa Sudaan keessatti argamaniin gaafa  guyyaa 15- 03- 2012  hidhanii akka armaan gadii yoo ta’u, bakki  itti hidhaman   Kaartuum Sudaan mana hidhaa Ma’imuuraa ta’uun beekamee jira.

Ilmaan Oromoo yeroo amma hidhaa keessatti argamanis:-

1-      Jabaa Morkataa
2-      Kadiir Martuu-  weellisaa Oromoo
3-      Amiin Ahemad
4-      Amiin Hajii
5-      Muzayan  Sidiqoo
6-      Siyefuu Huseen
7-      Sa’aadaa  Shubbisee
8-      Ruqiiyaa
9-      Rabiiyaa Aman
10-   Muhamed Galatoo
11-   Muhamed Hasan
12-   Seifadin Hasan
13-   Shukriyaa Huseen
14-   Huseen Majid
15-   Abdusalaam Kaasaa Erbuu dha.
Ilmaan Oromoo kunnenis ergaa dabarfatan keessatti  lammiin Oromoo bakka jiruu sagalee isaanii akka dhageessisuu fi akka hiikamaniif immoo xalayaa mootummaa Sudaanitti akka barreessaniif dhaammatanii jiru.

Sudan -Asylum Seekers are entitled to Protection not Detention

Aside

                       Fear of Torture and Deportation

            HRLHA Appeal and Urgent Action

Feb 18, 2012

His Excellency Lieutenant General Omar Hasan Al-Bashir, the president of the Republic of Sudan,

President’s Palace, PO Box 281, Khartoum, Sudan
Fax: (00 249) 11 771651, (00 249) 11 787676, (00 249) 11 783223
SUDAN

Dear Honorable President,

First of all, Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) would like to express its appreciation to the people of the Republic of Sudan and to its government for their hospitality and kindness over so many years towards thousands of refugees who have fled their homes to escape government persecutions in Ethiopia, Eritrea, and other neighboring countries at different times and now living in Sudan.

However, what has been happening to refugee seekers in Sudan over the past two Months is contrary to the good tradition of the Government of the Republic of Sudan towards the asylum seekers for many decades. According to information obtained by HRLHA through its informants in Khartoum, Sudan, the refugee seekers in the country, most of who are from Ethiopia have been subjected to different kinds of harassments, intimidations and detention.Sudan_-_Apeal_and_Urgent_Action


WBO Dura Dhabbachuuf Humna Waraanaa Wayyaaneen Bobbaafte Keessaa Konkolaataan Tokko Asoosaa,Mo’aa Komootti Galagalee Miidhaa Geessise

Aside

 (Qeerroo, Asoosaa, 19 Bitootessa 2012) Mootummaan wayyaanee sodaa qeerroo irraa kan ka’e waraana naannoodhaa naannootti bobbasuun ilmaan Oromoo doorsisaa jira.Hojjettoota mootummaas isin farra nageenyaati kanaaf ceephuu buufadhaa jechuun rakkisaa jira.Haalli Hojjettoota Oromoo Beenishaangul Gumuz irratti raawwachaa jirus kanuma raga baha.

Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti mootummaan Wayyaanee leenjii guyyaa 45 maqaa jedhuun hojjettoota ceephuu buufadhaa jechuun rakkisaa yeroo jiranitti.Hojjettootni Oromoos dirqamni keenya hojii malee siyaasa gaggeessuu miti jechuun jaleewwan Wayyaanee mataa dhukkubsaa akka jiran gabaasi Asoosaa irraa nu gahe addeessa.

Haala kanaan wal qabatee mootummaan wayyaanee sodaa Waraanni ABO seena jedhu irraa kan ka’e federaalota naannoodhaa naannootti bobbaasuun ABO barbaadaa jira jechuun ummata goolaa akka jiru beekame.

Kanuma waliin sochii ABO karaa dhiha Oromiyaa dhufee jira kan jedhuun baaragee mootummaan Wayyaanee waraana daandaa Asoosaa fi naannoo Mandii jedhamutti guuraa osoo jiruu Konkolaataan federaalaa bakka Maa’oo Koomoo jedhamutti galagaluun waraanni federaala Wayyaanee sadii caccabanii hojiin ala tahanii jiru.Yeroo ammaa kanas Hospitaala Asoosaa keessatti yaalamaa kan jiran yommuu ta’u .Sodaa ABO maqaa jedhuun bakka tokko irraa bakka tokkotti oso nu fiigsanii fi nu bobbaasanii mudati balaa akkasii nu dhaqabe,kana irra gahuu keenya irra ammoo osoo ABOtti makamnee umataaf waa hojjenne ta’e wayya jechuun waraanni hospital Asoosaa keessattis Waraanni federaalaa ragaa bahanii jiru.

Wallaggatti Jilli Ergamtoota Wayyaanee Kan Itti Aaanaa President Oromiyaan durfamu Salphinaan Arihaman

Aside

Freedom Now!(Qeerroo, Naqamte, 19 Bitootessa 2012) Godina Wallaggaa bahaa aanolee garaa garaa keessatti diddaa ummataa jabaate dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaanee dabballoota isaa bobbaasus milkaa’uu hin dandeenye.Mootummaan Wayyaanee uummata diddaa jabeesse araaraa fi mariin furuuf itti aanaan Pirezedaantii Oromiyaa Abdullaah Mohaammedii fi jaleewwan mootummaa kanaa Shallamaa fi Bulchinsa Godina Wallagga bahaa Tafarii Xiyyaaroo poolisoota federaalaa dabalachuun gara aanaa Haroo Limmuu bobba’anis uummata walgahii yaamanii osoo hin milkaayiin hafan. Gootonni ummanni Oromoo didda finiinsaa jiran wayita walgahii waamanitti gantuu fi sobduu waliin marii hin gaggeessinu jechuun qaanessanii akka of irraa deebisan gabaasi Limmuu irraa nu gahe addeessa.

Uummatni Oromoo Aanaa Haroo Limmuu gaaffiin keenya gaaffii mirgaa kan bilisummaa waan taheef hanga deebii argannutti xibaara mootummaa Wayyaanee hin dhageenyu jechuun marii itti aanaa Pirezedaantii Naannoo Oromiyaa qaanessanii arhan kun daandiilee qixa qixaa irratti dargaggoota gurmeessuun dhagaa fi murxuxxee konkolaataa ergamtootaa irratti akka darbatanii fi hattuu jedhanii akka itti iyyaa turan dhagahame.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Wallaggaa bahaa aanaa Eebantuu keessatti waraanni Federaalaa mootummaa Wayyaanee bobba’uun ilmaan Oromoo qawwee seeraan qabatanii jiran isin ABO ti nyaachistu,ABO isini jechuun meeshaa hiikkadhaa yoommuu jedhu uummatni meeshaa keenya hin laatnu jechuun didanii jiru.Aanaa Kana gandoota garaa garaa keessatti uummatni Oromoo qawwee fi boombii dhoksaan qabdu jedhamuun qoratamaas akka jiran gabaasi Qeerroo aanichaa ifa godha.

University Jimmaa Keessatti Barataa Political Science kan ta’e Girmaa Nagaasaa Ma’ikalaawiitti Darbame

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 19 Bitootessa 2012) Dargaggoo barataa Girmaa Nagaasaa umurii isaa  xiqumaa irraa eegaluun qooda Oromummaa isaaf kennaa ture guddaa ta’u iyyuu yeroo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa turetti sababaaa fincila didda gabrummaan wal qabatee yeroo adda addaatti mana hidhaa Ma’ikalaawwiitti fi qaallittii keessatti waggaa 3f  umurii isaa malee hidhamaa ture. Yeroo mana hidhaa keessa turettis dararamaa fi reebichi akkaanii irraan miidhamee hdihaa keessaa darbame.

Barataa Girmaa Nagaasaa

Barataa Girmaa Nagaasaa

Mana hidhaa M’ikalaawwii keessaa bara 2011 bahee barnoota isaa Jimmaa Universiy keessatti itti fufuu eegale,ammos marraa kana dargaggoota Oromoo ykn Qeerroo Bilisummaa ijaaruun mootummaa irratti kakaafteetta sababaa jedhuun qabamee mana hidhaa Ma’ikalaawwiitti darbamee jira.

Akkuma odessa keenya darbe irratti addeessinetti dargaggoonni hedduun maqaa Qeerron qabamanii mooraa mana hidhaa Ma’ikalaawwii keessatti dararamaa jiru. Addatti barataa Girmaa Nagaasaa fi kanneen hafan irratti Baatii Sadaasa yeroo adda addaatti mootummaa Wayyaaneen seeraa ala dararamaa akka jiran gabaasi Ma’ikalaawwii irraa nu gahe ni addeessa.