Qabeenya Wayyaanotaa kan ta’e Omishi Shonkora Finca’aa fi Ujummoon(Sprinkler) Hedduun Ammos Barbadaaye

Aside

Bitootessa 29,2012, Qeerroo Finca’aa

Lafti Oromiyaa biyyoo gabbataa fi albuudi lafa jalaa akkasumas waan lafaa irratti oomishamu marti baroota 120 oliif diinaaf malee abbaa biyyaa kan ta’e Oromoof waan fayyade gonkumaa hin jiru.

Haala kanatti ummati Oromoo aaree diddaa gabrummaaf gochaa jiru bakkoota adda addaatti tarkaanfii abbooti qabeenyaa gabroomfataa irratti fudhatan daran mootummicha sodaachisee akka jiru ni beekama.

Haala kanaan  Bitootessa 28,2012 galgala kaleessaa sa’a lamatti oomisha shonkora Finca’aa naannoo ”Sabaat” ibiddaan barbadda’ee jira. Oomishni Shonkora kun bara kana keessa yeroo adda addaatti irra deddeebbiin gubachuun hojjettootni waarshaa kanaa guutummaa guutuun Miseensota ABO jedhamuun shakkamaa kan jiran yoommuu tahu miseensota kana qulqulleessuuf jecha mootummaan Wayyaanee olii fi gadi fiigaa jiraachuun beekame.Sakatta’insi keellaa irraas waraana mootummaa Wayyaaneen jabaatee uummata rakkisaa jira.Kana ta’us Oomishni shonkoraa kuni fi qabeenyi mootummichaa hanga gaaffiin mirgaa ummata Oromoo deebi’utti balaa irraa baraaramuu akka hin oolle beekamaa dha.

Shonkorri gubate kun ammatti heektara hammamii akka tahe baramuu yoo baate illee  Ujummoon jallisii(sprinkler) hedduunis gubatanii tajaajilaa ala akka ta’an gaabaasi Qeerroo naannichaa nu dhaqabe addeesse.

Hojjettootni Waarshaa Huccuu Azeeb Masifn Kan Sabbataa Jiru shan du’an,kaan caccaban!‏

Aside

Bitootessa 29.2012 Finfinnee

Warshaan Huccuu Walii galtee Mootummaa Wayyaanee Haadha Manaa  Mallas Azeeb Masfinii fi Investeroota Turkey dhaan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Sabbataa Hawaas Alam ganaa ganda 02 keessatti argamu ALKE TEXTILE SHARE COMPANY jedhamu hojjettoota irratti miidhaa dhaqqabsiise.Warshaan kun lafa ilmaan Oromoo mijataa fudhachuu irraan darbee habashoota qacaruun kan beekamu yoommuu tahu guyyaa har’aa Bitootessa 28,2012 humna elektrikii waarshaa sana keessaa dhabamsiifameen hojjettootni  kanatti shakkamuun akka sakatta’aman yoommuu dirqisiifaman karaa itti cufuun hojjettootni hedduun madaa’aanii shan ammo lubbuun darbanii jiru.

Hojjettootni 60 ol yeroo ammaa ambulaansiidhaan gara Finfinneetti kan fudhataman yoommuu tahu miidhaa jabaan cabinsii fi meeluun isaan dhaqqabee jira.Miidhaa ilmaan namaa kana irra gahaa jiru itti gaafatamaan mootummaa Wayyaanee akka tahu Addunyaan akka birmatu taasisuun qooda sabboontotaati.

 

Hidhaa fi Ukkaamsaan Heddummaatus Diddaan Ummata Oromoo Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Bitootessa 29.2012, Qeerroo Naqamte

Diddaan barattootaa fi ummata Oromoo naannoo Godina Wallagga Bahaa erga walitti fufiinsaan eegalee baatii hedduu lakkoofsisee jira, baatii bitootessaa kana keessa ummanni baadiyaa jiraatu guutuutti bulchiisa Wayyaanee of irraa ari’uun akka aadaa Oromoo maanguddoota qe’een bulaa akka jiru odeessi naannicha irraa nu gahe addeessa. Haala kanatti hedduu kan baarage Wayyaaneen humna waraanaa karaa Matakkal galchuun dargaggootaa fi Oromoota naannoo waliin wal dura dhaabbachuun miidhaa guddaa geesssisaa yoo jiraatan ille fincilli itti fufee jira.

Diddaa ummataa kana dura dhaabbachuu kan dadhabe Mootummaan Wayyaanee diddaa Godina Wallaga bahaa keessatti itti jabaate dhaabuuf dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guuruu jalqabe. Akka kanaan Bitootessa 27,2012 Godina wallaggaa bahaa Aanaa Limmuu keessatti dargaggootni Oromoo
1.Faqqadaa Moosisaa fi
2.Ayyalaa Gammachuu

jedhaman tika mootummaa Wayyaaneen qabamuun bakka buuteen isaanii dhabamee jira.Mootummaan Wayyaanee diddaa itti jabaate dhaamsuuf uummata Oromoo mana hidhaatti guuraa jiraatus diddaan daran jabaachuu qeerroon ifa godha.

Diddaan Barsiisotaa Guutuu biyyaatti babal’achuun Wayyaanee yaaddoo keessa buuse!‏

Aside

Bitootessa 29,2012, Qeerroo Finfinnee

Diddaan barsiisotaa fi barattootaa guutuu Oromiyaatti babal’achaa jira.Barsiisotni qaala’insa jireenyaan rakkachuu irra darbanii miindaan isaan irraa maqaa garaa garaan citu dhimma siyaasaaf oolee barsiisaa kabaja dhabsiisaa kan jiru tahuu yoommuu ibsan hojii baruu fi barsiisuu dhaabaa jiru.Barsiisotni Magaala Finfinnee keessaa barattoota isaanii qabatanii gaaffii mirgaa dhiyeessaniif mootummaan Wayyaanee deebii homaa kan hin kennine yoommuu tahu diddaan kun manneen barnootaa Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa kanneen akka Najjoo,Leeqaa,Giddaa fi Baha Oromiyaatti babal’achuun Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusee jira.Barsiisotni maqaaf barsiisummaa baatanii dhimma siyaasaa Wayyaanee tarkaanfachiisaa turan manneen barnootaa garaa garaa keessatti gaaffii barsiisotaa ukkaamsuuf bu’anii bahanis barsiisota Oromoo sabboonoo ta’aniin salphachaa jiru.Akeekni mootummaa Wayyaanee gama hundaan fashalaa kan jiru yoommuu tahu diddaa kana uummatni hundi akka tumsu barsiisotni Oromoos dhaamsa kara karaa dabarfachaa jiraachuun beekame.

Kana malees Diddaan hojii dhabdoota Oromoo irraa mootummaa Wayyaaneetti qabate bulchinsa aanaa fi godina bakkeewwan garaa garaa yaaddoo keessa buuse.Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaala Shaambuu keessatti hojii dhabdootni Oromoo gurmuu isaanii cimfachuun Bitootessa 27,2012 bulchiisan Wayyaanotaa magaalaa Shambuu deemuun gaaffii mirgaan sardaa oolanii akka jiran qeerroon gabaasa,aalli kun itti hammaachuu irraan mootummaan humna Poolisii yaammachuun diddaa san bittimsuuf yaalii godhe illee osoo itti hin milkaayiin dhabuu fi Oromoonni jiraattonni kaan hojii dhablootaaf akka birmatanii turan gabaasi nu gahe addeessa. Halli kun hamma illee osoo hin qabanaayiin jiraatus gurmuu jabeeffatee hamma gaaffiin mirga Oromoo argamtutti akka itti fufu beekamaa dha.

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabara Gootonni Diina Cinqan,Sakata’is heddummaate.

Aside

Bitootessa 29,2012 Gindabarat

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat Ganda Baroo yaagot keessatti,mana barumsaa sadarkaa lammaffaa kaachis diddaan barattootaa fi ummataa itti fufee jiraachuun beekame. Haala kana irraan kan rifaatuu fi jeequmsa qabu mootummaan Wayyaanee gaaffii ummataa deebisuu dadhabuu irraan barattoota Oromoo sababoota adda addaan yakkuun mana hidhaatti geessaa jira.

Bitootessa 28,2012 uummataa qindeessaa kan jiru sidha jechuun mootummaan Wayyaanee dargaggoo Dhufeeraa Abdiisaa qabee ukkaamsee jira.Waardiyootni mana barumsaa kaachis kan tahan ergamtoota mootummaa Wayyaanee yoommuu tahan Barataa Dhufeeraa Abdiisaa irratti Alaabaa ABO arginee jirra jechuun sobaan yakkanii harka diinaa keessa buusanii akka jiran Qeerroon naannicha irraa gabaasa..Waarsdiyootni,dabballootnii fi lukkeewwan naannoo kanaa fi biro gocha ilmaan Oromoo gaarbummaa jalatti hambisu irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eeggatu qeerroon dhaamee jira.

Qeerroo University Arba Mincii fi Waraanni Wayyaanee Walitti Bu’uu Irraan Namni 3 Hosptala Galan.

Aside

Bitootessa 28,2012 ArbaMinci

Waraanni mootummaa Wayyaanee yuunivarsiitii Arbaaminc keessatti bobba’e barattoota saboota hundaa Jumlaan caccabsaa jiraaachuu gabaasi qeerroo addeesse.Waraanni kun saboota  hundaa walitti rukkutuun keessattuu ilmaan Oromootu kana isin godhe jechuuf karoorfatee deemaa kan jiru yoommuu tahu barattoota Oromoo waliin waltti bu’e. Oromoota saboota kam waliinuu nagaa qaban addatti baasee Oromoon mootummaa irratti waan ka’ee jiruuf sabooti kaan akka mootummaa hin fudhanne gochaa jiru sababa jedhuun Qeerroo Oromoo waliin walitti bu’ee jeequmsa guddaa uumee jira,haala kanaan barattoota Oromoo armaan gadii kana irratti miidhaa guddaa dhaqqabsiisuun Hospitaala keessatti yaalamaa jiru.Waraanni kun konkolaataan yeroo hundaa doormii irra deddeebi’uun barattoota sodaachisaa akka jirus beekamaa dha. Barattootni Hospitaala seenanis

1.Barataa Gaashuu Barataa Geology waggaa 4ffaa

2.Barataa Makuriyaa Barataa Maths waggaa 3ffaa

3.Barataa Addisaalem Barataa Geology waggaa 4ffaa keessatti argamu.

Yeroo ta’an,barattooti Oromoo hafanis haalli kun daranuu qabsootti kan isaan kakaasu malee haamlee isaan dhorkee sodaa fi doorsisa Wayyaaneen diddaa keenya hin dhaabnu jechaa akka jiran Qeerroon gabaasa.

Qabsoon itti fufa Gabrummaan ni kufa!

Gootonni Barattooti Oromoo University lee Oromiyaa fi sadarkaa 2ffaa Ayyaana OPDO fashalsan

Aside

Bitootessa 28,2012 Qeerroo Finfinnee

Ayyaanni mootummaan Wayyaanee OPDO jechuun bixxiltee sirbitu sabboontota Oromoon gaddaan darbee jira.

Sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Haramaayaa,Finfinnee,Hawaasaa,Wallagaa,Arbaaminc,Madda walaabuu,Amboo,Adaamaa fi manneen barnlootaa gad aanaa kanneen akka Shaambuu keessatti sabboontotni Oromoo guyyaan kana uffata gaddaa uffachuun jibba mootummaa Wayyaaneef qaban mul’isanii jiru.Guyyaan kun guyyaa gaddaa diinni nurratti sirbituu fi dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’e tahuu hubachuun guyyaa ayyaana OPDO yoomuu akka fashaleessan sabboontotni kunneen ifa godhanii jiru.

Nyaataa fi Doormii dhorkamnus, Gaaffii Mirga Bilisummaa hi dhaabnu, jedhu barattooti Oromo University Finfinnee Damee Bishooftuu.

Aside

Bitootessa 28,2012 Finfinnee

Gaaffiin mirgaa kaasanii diddaa hanga har’aatti itti fufanii kanneen jiran Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu barnoota guutummaan guutuun dhaabanii jiru.Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo kanneen nyaataa fi doormii dhorkachuun diddaa akka dhaaban yaaltus gaaffiin keenya gaaffii bilisummaa waan taheef nyaataa fi doormii dhabuun duuba nu hin deebisu jechuun barnoota guutummaan guutuun dhaabanii jiru.Waamichi isaan daddabarsaa jiranis manneen barnootaa olaanaa fi gad aanaa keessatti babal’achuun mootummaa Wayyaanee cinqii guddaa keessa buusee jira.

“Gaaffiin Keenya Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaati” Jedhu Barattooti Oromoo

Aside

Bitootessa 28,20122, Naqamte

Gaaffii Mirgaa barattootni Oromoo yuunivarsiitii Wallaggaa gaafatan dura dhaabbachuuf mootummaan Wayyaanee barattoota mana hidhaatti ukkaamsaa jiraachuun beekame.Barataa Oromoo Tolosaa Urgii jedhamu fi kanneen kaan muummee Ingiliffaa waggaa sadaffaa keessaa ukkaamsuun mana hidhaa Waayyaanotaa  keessatti dararamaa jira.Mootummaan Wayyaanee hidhaan furmaata kan se’e yoommuu tahu gama hundaan diddaan itti jabaachuun bitaa fi mirga wallaalee maraachaa jiraachuun qeerroon gabaasa.

Haala kanaan University Wallaggaa keessatti barattoota gaaffii mirgaa gaafataa jiran sossobuu fi afaan faajjessuuf jecha qondaalotaa fi bulchitoota Wayyaanee itti erguun maqaa nagaa fi tasgabbii akkasumas hidhaa laga abbayyaan sossobuu barbaadan illee barattooti Oromoo gootummaan dura dhaabbachuun gaaffiin barattootaa gaaffii mirga sabaati,ummati biyya isaa keessatti jiraachuuf mirga hin qabne akkamiin laga yaa’u hidhaa? ififuu akka sabaatti jiraachuu hin dandeenye,yeroo fedhetti ni hidhamna yeroo kaan ammoo ni raabamna,ummanni keenya lafa isaa irraa buqa’aa jira kanaaf kun marti yoo Oromoo irraa dhaabbatee bulchiisi mataa keenyaan of bulchuu hin jiraatiin didaan keenya itti fufa kan jedhu dhiheessanii jiru.

Qondaaloti Wayyaanee kanaan kan rifatanis gaafii barattootaa kana deebisuu dadhabuu irraan humna poolisaa fi waraanaa naannoo moorichaatti dabaluun bakka san irraa deemanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Diddaan Barsiisotaa Finfinee, manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffatti Baldhinaan Itti Fufe .

Aside

Bitootessa 27,2012 Finfinnee.

Diddaa barsiisotiin eda’uu midhaan dabalatee gaaffii mirgaa kaasan daran babal’achuu irraan Bitootessa  26, 2012 Manneen Baruumsaa adda addaa Oromiyaa keessa jiran hojii barsiisuu fi barachuu dhaabanii jiru

Sababa “Daballii ykn eda’uu mindaa kan gumgummii diddaa ummataa jiru dhaabachuu akka hin qabne barsiisotiin Oromiyaa keesssa bakka mara jiran walitti dhaamaa akka jiran kan beekame yeroo tahu.

Barsiisotiin manneen barnootaa armaa gaditti jiran sochii eegalan kana irratti barattooti Oromoo akka faana ka’anii gaaffii mirgaa kan saba ba’aa akka gaafatan waamicha gochaa akka jiran gabaasi nu gahe addeessa. Hanga ammaatti manneen barnotaa gaaffii kaasanii cufaman keessaa:-

  1. Aqaaqii, Mana Baruumsaa DARAARTUU TULLUU
  2. Aqaaqii, Mana Baruumsaa  BIRUh TASFAA
  3. ASKOO, Mana Baruumsaa   QAALA HIYOT
  4. Gullallee, Mana Baruumsaa MADINALAM
  5. Inxooxxoo Sad. 2ffaa
  6. Kolfee, Mana Baruumsaa  sad. 1ffaa QAALEE
  7. Ekkaa, Mana Baruumsaa  KOKOBATSIBA
  8. Mana Baruumsaa  Sad. 2ffaa BLACK LION
  9. Mana Baruumsaa  BIRHAN GUZOO SAD.1ffaa yoo ta’an,  Manneen baruumsaa armaan gadii immoo fincila eegalaa jiru
  • Mana Baruumsaa Minilik
  • Mana Baruumsaa Black Lion  Sad. 2ffaa
  •  Mana Baruumsaa Laaftoo Sad. 2ffaa
  • Mana Baruumsaa Faanaa Sad. 2ffaa
  • Mana Baruumsaa Sadil Sad. 2ffaa

Karaa biraa immoo Yunivaristii Jimmaa, Adaamaa fi Wallaggaatti sochiin fakkaataa eegalee mootummaan Wayyaanee yaaddoo irraan kan ka’e dabballoota isaa gara Universitichaatti bobbaasee jiraachuu qeerroon gabaasa.Kana malees Barattootni Yun. Finfinnee Kaampaasii Bishooftuu (veterinary) baratan 400 (dhibba afur) ta’an  sababa “kaffaltiin practice bahuuf nuuf kaffalamu, baruumsa keenyarratti dhiibbaa guddaa fidaa waan jiruuf kaffaltiin gahaa ta’e dabalataan nuuf kennamuu qaba.” Jechuun petition gochudhaan diinii kaampasichaatti iyyata galfataniiru.