Diddaan Qeerroo Mootummaa Wayyaanee Raasaa Jiru Itti Fufuun,Alaabaan Oromoo(ABO) Magaalota Oromiyaa Keessa Balali’u irratti Wareega Kafalaa Jiru.

Aside

Bitootessa 2,2012 Amboo

Qeerroon Oromoo magaalota Oromiyaa fi manneen barnootaa keessatti Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo fannisuun gootummaa mirkaneessaa jira. Haala kanaan magaala Amboo keessatti dabballoota Wayyaanee alaabaa ABO manneen barnootaa fi bakkoota buufata ummataa gurgurddaatti fannifaman fuudhuuf garuun yeroo bobba’anitti gootonni barattooti Oromoo fi ummanni Oromoo magaalcihaa alaabaa fannifamee jiru kana hin buuftu,eenyummaa keenya dhiigaan dhufe ni tikfanna jechuun waraana Wayyaaneetti dhagaa darbachuun ittisa guddaa gochaa ture,haalli kun kan itti hammaate mootummaan Wayyaanee human waraana Agaazii jedhamu meeshaa gurguddaa hidhatanii halkan naannoolee alaabaan fannifame weeraranii jiru.

Kana malees alaabaa ABO magaalaa Geedoo keessatti fannifame hin bu’u jechuun barattooti dhagaa darbachuun waraan Wayyaanee yeroo irraa deebisuun wareega gurddaa irratti baasaa akka jiran qeerroon magaalaa Geedoo gabaasa.Qabsoo bilisummaa Oromoo ABO durfamu keessatti qeerroon adda durummaan dirqama bahaa kan jiruu fi fuuldura bahuuf qophaa’aa tahuun mikana jedhu dargaggoonni magaalicha.

Karaa biraa sochii ykn warraaqsa ummanni Oromoo addatti ammo dargaggoonni Oromoo yeroo ammaa kana Oromiyaa keessatti deemsisaa  jiru tasgabbeessuuf mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo hojii dhabdummaan rakkachaa jiran mana hidhaatti guuruu jalqabee jira.Waraanni mootummaa kanaas bakkeewwan maratti faca’uun dhala namaa akka horii eegaa jira.Humni waraanaa fi poolisa  Wayyaanee haala kana irraa diddaa ummataa tasgabbeessuu sababa jedhuun hirriba dhabaa jira. Naannoolee  Finfinnee,Amboo,Gudar,Xiqur Incinnii keessatti uummata hunda irraa amantii dhabuun human waraanaan diddaa kan dhaamsu itti fakkaachuun bakka sanitti guuraa jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

SIIRIYAA HAR’AA FI HEGAREE OROMIYAA…

Aside

YAA.GAMMADAA (2005)

Har’a Dhimma Biyya siiriyaa (Soriyaa) irratti Addunyaan maa jechaa akka jirtu hundu hubachaa jira jedheen yaada. Har’a waan kaasu barbaadu, Dhimma Ummata siriyaa ykn Soriyaa fi Mootummaa jiru katabuuf odoo hin taane, Dhimma siiriyaa ilaalchisee , Addunyaan kan jechaa jirtu irraa waan barannu fi hegaree keenya wayyaaneen hangam hammataa akka jiru, gamanumaa hubanne, waan har’a raawwachuu qabnu wal akeekuufiidha.

Siiriyaa keessa maal ta’aa jiraa ? mootummaan maal gaggeessaa ? Umati maal jedhaa ? kan jedhu ilaalu hin fedhu. Waan har’a argaa jirru, Biyyattiif faayidaa qabamoo, kaantu itti fayyadamuuf arreeda ? jennee amma tokko ilaalu dandeenya. Biyyi siiriyaa jedhamtu , humni Iraaqi irraa eegalee hunda hammacaa jiru itti seeneera . warri dhihaa Addunyaa kana tu’achuuf , Biyyoota Dingdeen nu dursu jedhanii sodaatan duubatti deebisuuf shirri gaggeessan, siiriyaatti seene jira. Ammam dandamattee keessa baati , yeroof qofa dhiifna.SIIRIYAA FI HEGEREE OROMIYAA

Flying OLF flag high in many cities of Oromiya is our sign of resistance to TPLF dictatorship and struggle for democracy: – Qeerroo

Aside

March 1, 2012 Finfinne,

In a clear defiance to the anti terror law, The National Youth Movement of Qeerroo Network have hanged the OLF flag in different part of many cities in Oromiya. According to a report sent with pictures of OLF flag in public areas and main road in Naqamte, Gedo and other cities; it is to be understood that it is a big blow to the regime who recently enacted the so called “anti terror law” and listed five organization as terrorist as a way to clampdown on dissents and solicit funds and supports from western governments.

This act of heroism comes in spite of the ongoing mass imprisonment, torture and forced exiling of activists and normal civilians accusing them of encouraging and participating in the Qeerroo resistance.

The illegitimate government in Addis, who was caught in big fear with the ongoing movement, is engaged in routine and multiple checks points in and around many suspected cities including Ambo, deploying hundreds if not thousands of soldiers. In the same news, in many towns of West Shoa zone the regimes cadres are troubling the residents with never ending public investigation and self incriminating events in a bid to track the Qeerroo network movement.

In the current scenario of the regime turning blind eye to the genuine demand of the public and the intensified effort of the people inspired and led by Qeerroo movement, the problem of the country is far from over.

More  Video http://qeerroo.com/page/2/  or http://www.Gadaa.com

@Qeerroo