Barattooti Yunivaristii Finfinnee Mooraa School of Journalism Diddaa Cimaa Kaasan.

Aside

Bitootessa 31,2012

Mootummaan  Wayyaanee Dhaabbilee barnootaa gad aanaa fi olaanaa keessatti imaammata barnootaa jijjiiraa jira.Diddaanis haaluma kanaan akka itti jabaate beekama.‏

Mootummaan Wayyaanee afaan Oromoo manneen barnootaa keessaa baasuuf yaalii gurguddaa gochaa jiru irratti manneen barnootaa gad aanaa keessatti imaammata barnootaa jijjiiraa kan jiru yoommuu tahu yeroo ammaa kana ammo yuunivarsiitii Finfinnee keessatti school of journalism sadarkaa isaa gadi xiqqeessuun gara Department of journalismitti jijiiruun diddaan mootummaa Wayyaaneetti qabatee jira.Mootummaan Wayyaanee school of journalism keessa barattootni Oromoo hedduun jiraachuun erga hubatee gama miidiyaan dhiibbaa guddaa fiduu danda’u jechuun sodaachuun gara muummeetti gad buusee jira.Barattootni Oromoo shirri diinni ooltu ifaadha jechuun hanga bakka isaatti deebi’u hin barannu jechuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusanii jiru.

Barattooti kunis  mormodhaan hojii baruu fi barsiisuu dhaabudaan keessayyuu guuyyaa kaleessaa waaree booda baayyinni isaanii gara 300 kan ta’an petition qopheessudhaan mormii cimaa dhageessisaa akka oolan dhagahameera

Haaluma wal fakkaatuun diddaan yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti jabaachuun barattootni Oromoo hanga gaaffiin mirgaa deebi’u hin barannu jechuun barnoota dhaabanii gala jiru.Mootummaan Wayyaanees kadhaan tasgabbeessuu yaalus milkaa’uu hin dandeenye.

Sababaa Meeshaa Waraanaa Hidhattaniittu Jedhuun Waraanni Wayyaanee Doormii Barattootaa Sakatta’a Eegale

Aside

Bitootessa 31,2012 Naqamte

Mootummaan Wayyaanee qabsoo Qeerroon gaggeessaa jiruun hiddi isaa kan laafe yoommuu tahu yeroo ammaa kana tarkaanfii diina irratti gaggeeffamaa jiru adda durummaan kan gaggeessu Qeeroo Oromoo dha jechuun aqaa jedhuun waraanni Wayyaanee yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti qabeenya barattoota Oromoo diigee meeshaa waraanaa barbaadaa jira.Mootummaa Wayyaaneetti dhaamaatiin kan jabaatee fi yaaddoo guddaan kan seene yoommuu tahu barattootni Oromoo meeshaa waraanaa qabu sababa jedhuun barattoota doormiidhaa gara doormiitti irra deemuun sakatta’aan hiraarsaa jira.

Gaaffiin mirgaa gaafatame meeshaa waraanaa kan itti ta’ee jiru garboomfataan mootummaa wayyaanee yeroo ammaa cinqiin keessa galee waan qabatuu fi dhiisu akka dhabee jiru ifa galaa dha.

Waraanni Wayyaanee Yuunivarsiitiilee garaa garaatti babba’e dubartoota dirqiin gudeeduu jalqabe!

Aside

Bitootessa 31,2012 Arba Minci

Waraanni mootummaa Wayyaanee naannoo yuunivarsiitii Arbamincitti bobba’e barattoota daawwiif bosonaa fi burqaa uumamaa daawwachuuf bahan dirqiin gudeeduu jalqabe.Guyyaa har’aa waraanni mootummaa Wayyaanee barattoota yuunivarsiitii Arbaminc daawwiif bobba’an garii saamuun dubartoota dirqiin gudeedanii akka jiran gabaasi Arba mincii nu dhaqabe addeessa.Keessummaa waraanni kun barattoota Afaan Oromoo dubbatan ija hamaan kan ilaalu yoommuu tahu raawwii gara jabeenyaa barattoota irratti raawachaa akka turee fi dararaa jiru beekamee jira.Kana keessatti barattoota Oromoo kan maqaa isaanii ammaaf hin baafne 5 akka darara guddaa irraan gahan beekama.Kanneen kanaaf qormaati tahe gama duula duraa dhihaata.

Haaluma wal fakkaatuun waraanni Wayyaanee barattoota fakkaachuun yuunivarsiitii wallaggaa keessa hedduumminaan qubatee jira.Waraanni barataa fakkaachuun yuunivarsiitii Wallaggaa seene kun barattoota dhoksaan gara mana hidhaatti guuruuf jooraa kan jiru yoommuu tahu barattootni lama ykn sadii tahanii deemuun dhorkamee jira.

Diddaan Dargaggootaa Itti Hammachuu Irraan Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Laaloo Asab keessaa Waraanni Wayyaanee dargaggoota Oromoo ukkaamse!‏

Aside

Bitootessa 31,2012 Gimbi
Ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu kan amaleeffate mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Laaloo Asab ganda Wanjoo keessaa qabuun meeshaa waraanaa ABO naannessitu,ABO nu rukkuchiisaa jirtu jechuun dargaggoota Oromoo yakkee mana hidhaatti darbee jira. Dargaggootni ganda kanaa

1.Baacaa Tarrafaa

2.Alamaayyoo

3,Eliyaas Bulaa

4.Milkeessa Tafarii

5.Mitikkuu

Kanneen jedhaman mootummaa Wayyaaneen yakkamanii mana hidhaa hin beekamiin akka geessee gabaafame. Sodaan qeerroo mootummaa Wayyaanee hedduu raasaa kan jiru yoommuu tahu uummata Oromoo mana hidhaatti guuruun furmaata itti fakkaatus diddaan daran itti jabaataa kan dhufe dha.

Raadiyoo Seife Nebelbal

Aside