Bitootessa 29,2012, Qeerroo Finca’aa
Lafti Oromiyaa biyyoo gabbataa fi albuudi lafa jalaa akkasumas waan lafaa irratti oomishamu marti baroota 120 oliif diinaaf malee abbaa biyyaa kan ta’e Oromoof waan fayyade gonkumaa hin jiru.
Haala kanatti ummati Oromoo aaree diddaa gabrummaaf gochaa jiru bakkoota adda addaatti tarkaanfii abbooti qabeenyaa gabroomfataa irratti fudhatan daran mootummicha sodaachisee akka jiru ni beekama.
Haala kanaan Bitootessa 28,2012 galgala kaleessaa sa’a lamatti oomisha shonkora Finca’aa naannoo ”Sabaat” ibiddaan barbadda’ee jira. Oomishni Shonkora kun bara kana keessa yeroo adda addaatti irra deddeebbiin gubachuun hojjettootni waarshaa kanaa guutummaa guutuun Miseensota ABO jedhamuun shakkamaa kan jiran yoommuu tahu miseensota kana qulqulleessuuf jecha mootummaan Wayyaanee olii fi gadi fiigaa jiraachuun beekame.Sakatta’insi keellaa irraas waraana mootummaa Wayyaaneen jabaatee uummata rakkisaa jira.Kana ta’us Oomishni shonkoraa kuni fi qabeenyi mootummichaa hanga gaaffiin mirgaa ummata Oromoo deebi’utti balaa irraa baraaramuu akka hin oolle beekamaa dha.
Shonkorri gubate kun ammatti heektara hammamii akka tahe baramuu yoo baate illee Ujummoon jallisii(sprinkler) hedduunis gubatanii tajaajilaa ala akka ta’an gaabaasi Qeerroo naannichaa nu dhaqabe addeesse.


