Bitootessa 28,2012 ArbaMinci
Waraanni mootummaa Wayyaanee yuunivarsiitii Arbaaminc keessatti bobba’e barattoota saboota hundaa Jumlaan caccabsaa jiraaachuu gabaasi qeerroo addeesse.Waraanni kun saboota hundaa walitti rukkutuun keessattuu ilmaan Oromootu kana isin godhe jechuuf karoorfatee deemaa kan jiru yoommuu tahu barattoota Oromoo waliin waltti bu’e. Oromoota saboota kam waliinuu nagaa qaban addatti baasee Oromoon mootummaa irratti waan ka’ee jiruuf sabooti kaan akka mootummaa hin fudhanne gochaa jiru sababa jedhuun Qeerroo Oromoo waliin walitti bu’ee jeequmsa guddaa uumee jira,haala kanaan barattoota Oromoo armaan gadii kana irratti miidhaa guddaa dhaqqabsiisuun Hospitaala keessatti yaalamaa jiru.Waraanni kun konkolaataan yeroo hundaa doormii irra deddeebi’uun barattoota sodaachisaa akka jirus beekamaa dha. Barattootni Hospitaala seenanis
1.Barataa Gaashuu Barataa Geology waggaa 4ffaa
2.Barataa Makuriyaa Barataa Maths waggaa 3ffaa
3.Barataa Addisaalem Barataa Geology waggaa 4ffaa keessatti argamu.
Yeroo ta’an,barattooti Oromoo hafanis haalli kun daranuu qabsootti kan isaan kakaasu malee haamlee isaan dhorkee sodaa fi doorsisa Wayyaaneen diddaa keenya hin dhaabnu jechaa akka jiran Qeerroon gabaasa.
Qabsoon itti fufa Gabrummaan ni kufa!
