Diddaan Barsiisotaa Finfinee, manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffatti Baldhinaan Itti Fufe .

Aside

Bitootessa 27,2012 Finfinnee.

Diddaa barsiisotiin eda’uu midhaan dabalatee gaaffii mirgaa kaasan daran babal’achuu irraan Bitootessa  26, 2012 Manneen Baruumsaa adda addaa Oromiyaa keessa jiran hojii barsiisuu fi barachuu dhaabanii jiru

Sababa “Daballii ykn eda’uu mindaa kan gumgummii diddaa ummataa jiru dhaabachuu akka hin qabne barsiisotiin Oromiyaa keesssa bakka mara jiran walitti dhaamaa akka jiran kan beekame yeroo tahu.

Barsiisotiin manneen barnootaa armaa gaditti jiran sochii eegalan kana irratti barattooti Oromoo akka faana ka’anii gaaffii mirgaa kan saba ba’aa akka gaafatan waamicha gochaa akka jiran gabaasi nu gahe addeessa. Hanga ammaatti manneen barnotaa gaaffii kaasanii cufaman keessaa:-

  1. Aqaaqii, Mana Baruumsaa DARAARTUU TULLUU
  2. Aqaaqii, Mana Baruumsaa  BIRUh TASFAA
  3. ASKOO, Mana Baruumsaa   QAALA HIYOT
  4. Gullallee, Mana Baruumsaa MADINALAM
  5. Inxooxxoo Sad. 2ffaa
  6. Kolfee, Mana Baruumsaa  sad. 1ffaa QAALEE
  7. Ekkaa, Mana Baruumsaa  KOKOBATSIBA
  8. Mana Baruumsaa  Sad. 2ffaa BLACK LION
  9. Mana Baruumsaa  BIRHAN GUZOO SAD.1ffaa yoo ta’an,  Manneen baruumsaa armaan gadii immoo fincila eegalaa jiru
  • Mana Baruumsaa Minilik
  • Mana Baruumsaa Black Lion  Sad. 2ffaa
  •  Mana Baruumsaa Laaftoo Sad. 2ffaa
  • Mana Baruumsaa Faanaa Sad. 2ffaa
  • Mana Baruumsaa Sadil Sad. 2ffaa

Karaa biraa immoo Yunivaristii Jimmaa, Adaamaa fi Wallaggaatti sochiin fakkaataa eegalee mootummaan Wayyaanee yaaddoo irraan kan ka’e dabballoota isaa gara Universitichaatti bobbaasee jiraachuu qeerroon gabaasa.Kana malees Barattootni Yun. Finfinnee Kaampaasii Bishooftuu (veterinary) baratan 400 (dhibba afur) ta’an  sababa “kaffaltiin practice bahuuf nuuf kaffalamu, baruumsa keenyarratti dhiibbaa guddaa fidaa waan jiruuf kaffaltiin gahaa ta’e dabalataan nuuf kennamuu qaba.” Jechuun petition gochudhaan diinii kaampasichaatti iyyata galfataniiru.

 

Waldiddaan barattoota Oromoo fi Basaasota TPLF jidduu Jabaachaa Dhufe.

Aside

Bitootessa 27,2012 Adaamaa

Mooraa University Adaamaa keessatti waldhabbiin barattoota Oromoo fi kanneen dhalootaan Tigray ta’an jidduutti sababaa eenyummaa Oromoo balfuu irraaan kan wal qabate Bitootessa 21,2012 jalqabe amma illee akka jirtuutti itti fufee jiraachuu Qeerroon Adaamaa gabaasa.

Gabaasa guutuu qindaayee dhihaate:-

Akkuma beekamu haalli walitti bu’iinsa barattoota Oromoo University  Adaamaa irra turee yeroo jalqabaa March 21/2012 barattoota Oromoo bakka isaan TVO ilaalaa jiranitti barattootni Habashaa diraamaa afaan isaaniitiin qophaa’e ilaalla jechuudhaan barattoota Oromoo irratti bakka isaan jiran dhaquun sanyiin balfuu irraan jeequmsa banan.Kana irratti gartuu lamaan gidduutti jeequmsi yeroo san eegale hamma ammaatti itti fufee jira. Guyyaa sanaaf barattootni Habashaa kun jeequmsa haa kaasaniyyuu malee diddaa fi gootummaa barattooti Oromoo muldhisaniin  baqatanii bakka gadhisanii turan. Itti fufuun  March22/2012 guyyaa keessaa sa’a saddet (8:00 local time) barattootni Habashaa dhalootaan lammii Tigiraay kanneen ta’an TVO darbaa jiruu fi barattooti Oromoo ta’anii do’ataa jiran itti deemuun irraa jijjiranii kan afaan Tigiraay dubbatu irra kaayan ykn gara oduu afaan isaanitti jijjiirratan,as irratti isa duraa caalaa jeequmsi guddaan uumame, guyyaa kana Qeerroon mooraa University guutuu keessaa wal funaanuun tarkaanfii Habashoota gochaa kana godhe irratti fudhachuuf  fudhachuuf erga qophii raawwatee wal gurmeessuun bahanii booda Habashoonni lammii  Tigraay kunis bakka gadhiisanii bakkoota TV’n jiru mara irraa fi bakka jiran mara baqatanii lubbuudhaan badan. Guyyaa saniif Qeerroo Oromoo jalaa haa badan iyyuu malee ammas irraa hin hafan. Sana booda humna waraanaa yaammatanii Waraanni Wayyaanaanee gariin dhufee mooraa nu seenee barattoota Oromoo bakka jirru irraa bittimse. Yeroo kanatti waraana wayyaanee mooricha seenee fi baratoota Oromoo jidduuttis walitti bu’iinsi waan ta’eef kanneen dhufan keessaa waraanni dhalootaan Oromoo ta’an tokko warra Habashaa akka isaan nu hin tuqnef yeroo walitti dubbataa turan argaa turre. Sana booda guyyaa gaafa  March 23/2012 kaasee halkan Qeerroo Oromoo dhokatanii channalii Afaan Oromoo irraa balleessanii jiru hamma ammaatti,kunis cimina dubbii kan maddisiisaa jiruudha jenna (INDAAQQOONHAATEE HAATEE AALBEE ITTIIN QALAN BAAFTE)  jedhama.Kanaaf amma barattootni saboota cunqurfamoo biraa illee Qeerroo Oromoo waliin ta’uun channalinTVO kun daddaffiin deebi’uu baannan rakkoo Universiticha irratti dhufuu fi walitti bu’iinsa ta’uuf barattooti Oromoo akka gaafatama hin fudhanne jechuun bulchiisa Universitichaatti beeksisanii jiru. Haala itti aanu Qeerroon irratti hojjetaa jirra.

Qabsoon hamma bilisummaatti itti fufa!