| Qeerroo, Alaabaa ibsituu Oromiyaa irratti Yoogguu balaliitu Diina mataan cabe Waraanaan barbaadee Qeerroodhaan dadhabe Mana hidhaa guuree Fixuullee hin danda’u Jabaadhu jabaadhu qeerroo Diinni nurraa haa ba’u Namuu du’a hin oolu Seenaa kan hojjetuDuuni hin argatu Keessaa keessaa keessaa Diinaaf kan kurkurtu Biyyoomti saa nyaatuDhaamsi saa dhaqqabu Ati keessaa baanaan Diinni hundee hin qabu! |
Ya qeerroo oromoo Jabaadhu qabsootti Hanga uummatni Oromoo Bilisa bahutti Raasi raasi diina Biyya abbaa irratti Nyaapha qabnee hiina Ya ilmaan oromoo Dhaamsa ko dhagahaa Diinni maaliif taa’a! Bodee keen waraani Oromiyaa keessaa Haa baatu saroonni! Injifannoo uummata oromoof! |
Daily Archives: March 21, 2012
Diddaan Oromoo, Wayyaanee Mudde
Aside
|
(Qeerroo, Bishooftuu, 21/03/12) Gaaffiin ilmaan Oromoo gaaffiin bilisummaa fi abbaa biyyummaa hanga deebii argatutti barnoota hin barannu jechuun barattootni sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu barnoota dhaabanii jiru. Gaaffiin isaanii gaaffii mirgaa kan tahe barattootni kun ilmaan Oromoo garbummaa jalatti buluu hin qabu jechuun barnoota dhaabanii jiru. Hojjettootni yuunivarsiitii kanaas diddaa Qeerroon itti jirutti gammaduun hojii dhaabanii jiru. Gaaffiin barattoota kanaa Waraanni federaalaa fi Poolisiin yuunivarsiitii kana meeshaa guutuun tiksaa jira. Diddaan keenya hanga bilisummaa kan tahee fi barattootni oromoo marti akka ni cinaa dhaabbatan jechuun dhaammatanii jiru. Warraaqsa biyyattii keessatti galmaan geenya kan jedhan barattootni yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu barsiisota isaanii qabachuun OPDOn yuunivarsiitiidhaa bahuu qaba jedhan. Gaaffiin mirgaa barattootni gaafatan mootummaa wayyaaneetti yaaddoo guddaa tahee jira. Haala kana irratti guyyaa har’aa Miseensota OPDO yuunivarsiitii Finfinnee mootummaan wayyaanee waamtee mariisistus hin milkaa’iin hafee jira. Yaaddoo guddaa irraa kan ka’es mootummaan wayyaanee tika ishee yuunivarsiitii Finfinnee damee hundaa keessa dhoksaan bobbaasuun bira gahamee jira. Barattootni kunneenis gaaffiin keenya hanga nuu deebi’u diddaa hin dhaabnu jechuun miseensota OPDOtti ifaan dubbachaa jiru! |
(Qeerroo, Naqamtee, 21/03/12) Diddaan ummataa jabaachuu irraan kana ka’e Ilmaan Oromoo Godina Wallaggaa bahaa Aanaa Haroo Limmuu bakka Sagiroo jedhamutti milishoota gandaa waliin Federaala wayyaaneetti dhukaasa banan. Gabaasaan keenya akka ibsetti, ilmaan Oromoo kunneen hidhattoota mootummaa wayyaanee lafa Oromiyaa naannoo Benishaanguliif kenname mirkaneessuuf dhufan irratti dhukaasaanii akka deebi’an godhanii jiru. Kana malees, qabeenyi Investera Addish barbadaa’uu irraan wal qabatee Investerri Habashaa kun Qeerroo Oromoo qabsiisuuf yaaluus dura taa’aa fi barreessaan gandaa milishoota gandaa waliin ta’anii hidhattoota mootummaa wayyaanee rasaasaan dura dhaabbatanii milkii malee hambisanii jiru. Ergamtooti mootummaa wayyaanees Dura taa’aa gandaa fi Barreessaa gandaa Obbo Gammachuu Ayyaanaa jedhamu qabanii doorsisaa oolanis dura taa’aa fi barreessaan gandaa kunneen Oromummaa keenyaaf yoomuu hin jilbeeffannu jechuun federaala wayyaanee qaanessanii jiru. Diddaan ummataa kun haaluma walfakkaatuun Walisoo, Jimmaa, Amboo, Horroo, Limmuu keessattisjabaatee itti fufee akka jiru gabaafamaa jira. Kana biraan, yeroo ammaa kana wayyaanee dhabdee biyya keessaa ishii mudatee fi diddaa ummataa itti jabaate irraa yaada ummataa jijjiiruuf olola kijibaa fi doorsisa waraanaa labsaa akka jirtu Qeerrooon dhaame. Qunnmatiin Qeerroo akka hubachiisetti, Qeerroon Oromiyaa olola diinaaf gurra otuu hin kennine kaayyoo fi akeeka isaanii irratti cichanii hojjachuu qaban. Wayyaaneen yeroo dhibdeen biyya keessaa ishii mudate, biyyoota ollaa irratti lola banaa turuu kan yaadachise Qeerroon, “Qeerroon Oromoo Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf malee aangoo wayyaanee tursuuf waraana kamuu keessatti lubbuu isaa dabarsuu hin qabu!” jedhee jira. |
Wayyaaneen Mana Namaa Sakatta’uuf Dursitee Boombii Dhoofte.
Aside
(Qeerroo, Amboo, 21 Bitootessa 2012) Waraanni Wayyaanee diddaa Qeerroo dhaamsuuf magaala Amboo fi aanolee garaa garaatti bobba’e uummata Oromoo maqaa meeshaa waraanaa ABOtu isin bira jira fidaa jedhuun goolaa akka jiru beekame.
Akka kanaan Godina Shawaa lixaa aanaa Amboo ganda Awwaaroo jedhamu keessatti Bitootessa 20,2012 waraanni mootummaa Wayyaanee bobba’uun manaa manatti sakatta’insa meeshaa waraana ABO jedhuun uummata Oromoo rakkisaa oolee jira.
Keessaayyuu, halkanii fi guyyaa manni ilmaan Oromoo qawwee fi boombiin dhoksaan jira maqaa jedhuun mirgi nagaan jiraachuu ummataa goolamaa fi jeeqamaa akka jiru habatamee jira.
Haala kana dhaabsisuuf, ilmaan Oromoo waraanni mootummaa wayyaanee akka mana isaanii hin sakattaane dura dhaabbachaa kan jiran yoo ta’u, waraanni wayyaanee, keessaayyuu kana ganda Awwaaroo fi gandoota birootti bobba’e ilmaan Oromoo doorsisuufi ittiin qabataniis sakatta’aa gochuuf boombii mana keessaa baasne jechuun kanuma hidhatanii bobba’an dhoosanii ummata doorsisaa jiran.
Namni ijaan arge tokko Qeerroof akka ibsetti, Wayyaanoti dursanii boombii akka barbaadan oduu isaa karaa dabballoota isaanii himanii turan. Booda garuu, waan ittiin sababa godhatan tolfachuuf otuu sakatta’a hin eegaliin dursanii boombii dhoosan.
Boombiin dhuka’e kunis jiraataa ganda Awwaaroo tokko irratti balaa dhaqqabsiisee jira. Mormii fi diddaan uummataas haalaan jabaatee waraanni meeshaa guutuun ganda keessa naanna’aa jira.
Haaluma walfakkatuun, diddaa jabaachaa kan jiru yoo ta’u, keessaayyuu barattootni Abuunaa diddaa isaanii jabeessanii akka jiran beekamee jira.