Bosona Oromiyaa Wayyaanotaan Gubamaa Jiru Dhaamsuuf Namuu Hatattamaan Haa dirmatu

Aside

 Mootummaan Wayyaanee har’as akkuma waggoota kurnan tokkoon duraatti bosona Oromiyaatti tahe jedhee ibidda qabsiisee gubaa jira. Sirni imaammata barabdeessii hordofu kun keessumattuu Oromiyaa daaraa gochuuf ammas marxifatee hojjechaa jira. Akka odeessonni qabatamoon Oromiyaa Kibba Bahaa irraa bahaa jiran hubachiisanitti bosonni naannoo Arsii hanga Baale gahutti akka hamaatti gubataa jira. Ibidda ergamtoota sirna Wayyaaneetiin qabsiifameen hanga ammaatti bosonni onoota Xiyyoo, Dagaluu Xiyyoo, Kaakkaa, Galaanaa, Gaara Dooroo, Kofalee fi Gaara Boqoojjii irraa qabee hanga gaarreen Baaleetti fulla’u haala nama rifaasisuun gubachuutti jira. Keessumattuu Gaarri Dooroo ibidda tahe jedhamee qabsiifame kanaan akka hamaatti gubataa jiraachuu odeessi argame ni hubachiisa.

 Afaan Keenyaan(Afaan Oromoo)Bosona Oromiyaa Wayyaanotaan Gubamaa Jiru Dhaamsuuf Namuu Hatattamaan Haa dirmatu (1)

Afaan Amaaraa Woyane Ignites Fire on Oromian Forests

“WEENNII GOGAA ISHEEF AJJEESANII”, YAA QEERROO !!! HIN DAGAMIIN

Aside

YAA.GAMMADAA(2005)

Weenniin foon ishee hin nyaatan .(akka Biyya keenyatti) faayidaa biroofis hin oolu. Garuu dhalli namaa bara baraan ajjeesaan. Kan inni ajjeesuuf ammo, gogaa isheetu gatii baasaafii. Mee, weenniin bineensaa yoo ajjeefamte iyyuu homaa miti jennee bira haa tarru. (Kana jechuun bineensa ajjeesu hayyamu kiyyaa miti.) Garuu weennin gogaa isheef jette ajjeefamu namatu beekeefii mammaakeef malee isheen hin beektu.

Anaan kan na dinqisiisu , Lubbuun ilmaan Oromoo ammuma weenniitti shallagamee, Qabeenyaa isaaf jedhamee bara baraan ajjeefamuu isaati. Jarri dabreedhaan Immiyyee Itoophiyaa  jedhanii lallabaa jiraatan, Ummata Oromoo kana akkuma dhala namaatti odoo hin lakkoofnee, akka weennitti herreeganii ajjeesaa jiraachuun isaa nama hin dhibu ? kan caalaatti nama raaju, hammeenya akkasii nu irratti raawwachaa , miidhaan isaan nu irratti raawwachaa jiran odoo itti hin dhaga’amne, Biyya diiguuf warra deeman nuun jechuu isaaniti. Mee hubadhaa , Biyyi isaan halkanii fi guyyaa irraa iyyaniif kun, akka hin diigamne yoo barbaadu ta’e, akka weennittii nu ilaalu akka dhaaban hubachuutu irra ture. Garuu ofii nu reebanii, kan nuuti madoofnuutti , isaantu nuuf iyya.WEENNII GOGAA ISHEEF AJJEESANII

University Finfinnee Damee Bishooftuu Keessatti Barattooti Oromoo Walgahii Wayyaanee,OPDO Didan.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 20, Bitootessa 2012)

Mootummaan Wayyaanee Ayyaana OPDO ofiin bixxile kabajuuf yuunivarsiitiilee keessatti qophii barbaachisaa gochuuf yaalus duraa fashalaa akka jiru qeerroon mooraa University adda addaa irraa gabaasan.

Wayyaaneen miseensota OPDO yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti Bitootessa 17/03/2012 walitti waamee haala ayyaana ho’aan kabajamu mariisisuuf yaalus miseensotni OPDO fi sabboontotni yuunivarsiitii sanaa harkatti akka fashalu taasisuun,walgahicha guutummaatti diduun wal dhabdee fi wal shakkiin akka bittinnaa’an ta’ee jira.Mootummaan Wayyaanee ayyaana OPDO kabajuuf qophiin itti jiru bakkeewwan hundaatti akka fashaluuf deemus qeerroon beeksisee jira.Haala kabaja ayyaana OPDO irratti Wayyaaneen yuunivarsiitiilee fi manneen barnootaa keessatti kabajuuf sodaan jira,Barattootni Oromoo nu harkatti fashalsiisu jechuun cinqamaa jiraachuun saaxilameera.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Booranaa aanaa Bulee Horaa keessatti barsiisotni OPDO hin taane shakkamtoota jedhamuun qoratamaa jiru.Qorannoon mootummaa Wayyaanee waan dura turee fi har’as jiru waan taheef qabsoo bilisummaaf jabaatanii akka tarkaanfatan qeerroon aanaa kanaa dhaamee jira.

Fincilli Diddaa Gabrummaa Godina Lixa Shawaatti Jabaatee Itti Fufe.

Aside

(Qeerroo, Amboo, 20, Bitootessa 2012)

Godina Shawaa lixaa yuunivarsiitii Amboo fi naannoo isheetti diddaa uummataa  jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee waraana bobbasuun dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.

Haaluma kanaan Godina Shawaa lixaa aanolee garaa garaa fi magaalawwan Gindabarat,Xiqur Incinnii, fi Gudar keessatti diddaa haalaan itti jabaate dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo gandaa gandatti socho’uun doorsisaa jiraatu illee diddaan Qeerroo bilisummaa fi jiraattota naannichaa itti jabeetee jira.Bahaa fi galma magaalaniittis ABO tu seena sodaa jedhuun  uummata nagaa deemu sakatta’aa akka jiranis gabaasi naannoo san irraa qeerroon gabaase addeessa.Dargaggoota kanneen birootti ammo meeshaa irratti qabne jechuun sobanii gara mana hidhaatti guuraa akka jiran beekame.Dargaggootni meeshaa irratti qabne jedhamanii mootummaa Wayyaaneen ukaamsaman keessaa

1.Dargaggoo Dajanee Gaddafaa Aanaa Gindabarat ganda Koonnoo irraa

2.Dargaggoo Gaddafaa Aanaa Gindabarat ganda Jaammoo irraa keessatti argamu.

Mootummaan Wayyaanee godina kana keessatti haalaan sodaachuun uummata nagaa irratti goolii uumaa jiraaatu illee qeerroon jabinaan jala dhaabbachuun beekama. Haala kanatti kan rifate waraanni mootummaas diddaa kana garatti qabu dhabuu irraan ummata sodaachaa akka jiru beekamee jira.

Kanuma waliin gaaffii fi deebii Qeerroo Godina lixa Shawaa waliin goone gama fuula duraa isiniif dhiheesina.