Lukkeelee Wayyaaneef Tarkaanfii Sirreessaa Kennuun Itti Fufe!

Aside

(Qeerroo, Walisoo, 18 Bitootessa 2012) Godina Shawaa Kibba Lixaa, aanaa Tolee mana barnoota sadarkaa lammaffaa Baantuu keessatti barattonni Oromoo baasasotaa fi ergamoota Wayyaanee irratti tarkaanfii barumsa isaaniif ta’u fudhatan

Akka kanaan  dhalootan lammii Tigiree kan ta’ee barsiisaa Dani’el namni jedhamu yeroo hedduu barattoota hidhuu fi hiraarsuu isaa akka dhaabu akeekkachiisa kennameef fudhachuu didee gochaa diinummaa isaa waan itti fufeef,  tarkaanfiin isa sirreessu irratti fudhatamee jira.

“Barattooti Oromoo biyya abbaa keenyaa keessatti hiraarfamuu hin qabnu,” jedhan kunneen tarkaanfii barsiisaa kana kan fudhatan Kamisa darbe, gaafa guyyaa 15/3/2012 yoo ta’u barsiisichis yeroo ammaa kanatti  du’aaf jireenya gidduutti argama.

Barsiisa mana barnoota Baantuu sadarkaa lammaffaa kan ture, ergamaan wayyaanee kun,yeroo dheeraa barattota Oromo basaasee rakkisa ture. Kana malees, qabxiinqormaataa barattota irraa kutuun barattota Oromoo rakkisa kan ture yoo ta’u,  kutaa keessattis ta’ee alatti barattoota Oromoo  doorsisaa fi sodaachisaa hojii diinummaa dalagaa ture.

Yeroo baratonni tarkaanfii fudhatan sanatti baasasan opdo Seefuu jedhamu barattota osoo vidiyoon waraabaa jiru ijoolleen arganii kaameraa isaa  irraa fudhachuun, isas tarkaanfii guddaa irratti kan fudhatan ta’uun beekamee jira.

Haaluma walfakkaatuun, uummanni naannoos absaasota wayyaanee kanneen  dhalatoota Tigiree ta’an aanaa sana keessaa akka buqqisanii aryatanii fi  lafa Oromoo irraa ari’un, qabeenya isaanii cufa akka mulqan Qeerroon gabaasee jira.

Haaluam kanaan kan walqabate, yeroo ammaa kanatti warra hubbo-cabaa jedhanii ganda irraa deeman hojii basasummaa gaggeessan irratti illee tarkanfii fudhachuun akak baqatan godhamee jira.

“Naannoo sanatti amman tana wayyaanen muddama guddaa keessa jirti,” kan jedhe gabaasan keenya, ummati bittaa waggaa digdamaa ofirraa buqqisuuf kutatee akka jiru dabalee addeesssee jira.

Yeroo kanatti manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa marti kan cufaman yoo ta’u, barattooti Oromoo 30 ol ta’anis hidhamanii jiru.

Wallisaa Kadir Martuu Hidhame!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 18 Bitootessa 2012) Wallisaan beekamaa fi jaalatamaa Kadir Martuu, fi dargaggooti Oromoo hedduun biyya ollaa itti dahatan, Sudaan, Kaartum keessatti karaa ergamtoota Imbaasii Mootummaa wayyaanee achi jiruun akka hiisifamanii reebamaa jiran oduun nu gahe hubachiise.

Maddi oduu Qeerroo akka nuuf ibsetti, yeroo ammaa kanatti Kadir Martuu fi dargaggooti Oromoo hedduun Sudaan keessaa mana hidhaa ‘Shark Mamura’ bakka jedhamutti hidhamanii akka jiran hubatamee jira.

Akka madda Oduu keenyaatti, Kadir Martuu kan qabame gaafa 15/03/2012  yoo ta’u, yeroo ammaa kana  Kaartum keessatti rakkisaa fi hiraarsaa akka jiran dhaamsi nu geesse addeessitee jirti.

Wallisaa Oromoo Beekamaa Kadir Martuu(Kadir kaa)(Kadir Xiqqaan) mootummaan wayyaaneen  biyya keessatti erga hiraarfameen booda hidhaa fi hordoffii itti hammaate jalaa bahuuf, gara  biyya Sudaan Magaala Kaartum deemee dahannaa siyaasa gaafate.

Haala kana keessa otuu jiruu, ergamtooti Wayyaanee poolisoota Sudaan waliin ta’anii  dargaggoota Oromoo 15 waliin mana hidhaatti geessuun hidhaa keessatti  Imbaasiin Itoophiyaa namoota itti bituun reebsisaa akka jiran illee oduun kun ifa godhee jira.

Ergaan Sudaan irraa Qeerroo dhaqqabe akka ibsutti, Kadir Martuu yeroo ammaa kana reebichaan hedduu miidhamee kan jiru yoommuu tahu, mootummaan wayyaanees gara biyya keessaatti deebisiisuuf yaalii guddaa gochaa akka jirtu hubatamee jira.

Kanaan duras, manguddootni hojii mataa isaaniin jiraatan Ibraahim Guyyoo Boruu jedhamis bara 2011 biyya Sudaan Magaala Jubbaa keessaa qabamuun gara mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti erga geeffamanii booda waanti isaan keessa jiran hin beekamiin jira.

Ilmaan Oromoo oduu kana Qeerroof dabarsan itti dabaluunis, Kadir Martuu fi dargaggoota Oromoo kunneen qabanii otuu mootummaa Wayyaaneetti hin kenniin dura kanneen mirgoota namummaaf falmanii fi dubbatan waan danda’aniin birmatanii  ilmaan Oromoo kunneen akka baraarsan gaafatanii jiru.

 “Ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii keessatti  garboomfataa mootummaa wayyaaneen akka bineensaa adamfamaa jiru,” kan jedhe qunnamtiin Qeerroo Bilisummaa, “mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo mara irraa amantii hin qabu; dhugaa ilmaan Oromoo dabsuu fi yeroo itti dammaqamu immoo sabboontota qabee hiraarsuu aadeffatee jira. Kan keessa bahuu kan dandeenyu marxifannee loluu callaan,waan ta’eef bakka jirrutti sirna kana buqqisuuf hidhannoo keenya haa jabeeffannu,” jechuun dhaamsa dabarsee jira
.
“Ilmaan Oromoo eenyummaa isaanii, seenaa fi duudhaa isaanii hin gatne, kanneen   mootummaa gabroomfataa wayyaaneef hin jilbeeffanne hidhuu fi dararuun kan dhaabbatu gaafa Bilisummaa keenya mirkanneeffanneedha, kna jedhe Quunnamtiin Qeerroo, “roorroo biyya keessaa fi biyyoota ollaatti obbolota keenya irra gahaa jiru hambisuuf, otuu hin mamiin diddaa fi qabsoo keenya dachaa dachaan haa furgaafnu!” jedhee jira.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo addaddaattis kanneen humnaan qabamanii gara biyyaatti darbaman karaatti ajjeesee gataa kan ture yoo ta’u, biyya keessa erga gahanii boodas murtii umurii guutuu fa’aa irratti murteessuun mana hidhaa keessatti akka dararaman gochaa kan jirtu ta’uun beekamaa dha.

Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Gaafatamaa Nageenyaa Wayyaanee Aanaa Jaartee Irratti Tarkaanfiin Fudhatame.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, Bitootessa 18,2012) Qeerroon aanaa Jaardagaa Jaartee dabballoota wayyaaneetti yaaddoo naquun FDG itti fufee jira.

Haala kanaan diddaa aanaa Jaartee keessatti qabatee jiru dura dhaabbachuu fi barattootaa fi qonnaan bultoota hidhuu fi hiisisuun sadarkaa duraatti kan hojjetaa ture basaasi fi gaafatamaan dhimma nageenya Wayyaanotaa Geetaa Tagenye nama jedhamu irratti Bitootessa 16,2012 galgala magaala Alibootti humni hin beekamne tarkaanfii fudhate.

Geetaa Tegany guyyoota muraasa dura Qeerroon Aanaa Jaartee yeroo mana barnootaatti walitti qabamuun wallee warraaqsaan diddaa isaanii dhageessisaa turanitti sadarkaa duraatti barattoota reebuu fi qabee hiisisuu irratti shoora guddaa taphataa ture.

Dabballootni mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa namoota magaala seenan ABOtu gala sodaa jedhuun uummata sakatta’uuf dirqamanii jiru,Dabballoonni Wayyaanee kanneen hafan sirnichaaf uggumanii diddaa qeerroo dura kan dhaabbatan taanaan tarkaanfiin fakkaataa akka isaan eeggatus sabboontoti naannichaa ibsu.

“Qeerrummaan Sirna Malee Yakka miti,” Hidhamtoota Oromoo

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, Bitootessa 17,2012 ) Brattooti oromoo yakka tokko malee Oromummaa isaaniitiin yakkamanii mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti gidirfamaa jiran, “nuti qeerroo dha; kana ta’uun immoo yakka, jedhaatii mallatteessaa,” jedhamnii iyyuu mallatteessuu diduun isaanii gabaasame.

Oduun mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessaa Qeerroo dhaqqabe akka hubachiisutti, qorattootni Mana hidhaa Maa’ikelaawwii keessaa kanneen maqaan Wagaayyoo fi Katamaa jedhaman dargaggoota Oromoo mana hidhaa kana keessatti hiraarsaa jiran

Keessattuu, dargaggooti kunneen dirqamaan “Qeerroon nuyi,” jedhanii akka mallatteessan dirqisiisaa jiraatan iyyuu “Qeerroommaan sadarkaa Gadaa keessatti sadarkaa umurii dhaloota Oromoo kan bara  dargaggummaa malee maqaa siyaasaan yakka ta’uu hin qabu,” jedhanii akka waraqaa barreeffame  kana irratti hin mallatteessinu jechuun gootonni barattoonni mana hidhaa Maikalaawwii keessatti gidirfaman guutummaatti didanii jiru.

Barattoota kunneen keessaa tokko dhiheenya kana Yunivarsitii Hawaasaa keessaa ukaamfamee wiirtuu mana hidhaa fi  dararaa wayyaanee, Maa’ikalaawwii, kan geessame Barataa Magarsaa Waaqjiraa, hidhaa fi reebichi ulfaataa irratti raawwatamuu oduun nu gahe kun addeessee jira.

Hidhamtoota keessaa addatti baasanii qeerrummaan akka yakka taheetti mallatteessaa bahaa jedhanii  guyyaa irraa guyyaan gidirfamaa kanneen jiran keessaa, kan biraa immoo, Barataa Girmaa Nagaasaa illee hedduu reebamaa akka jiru kanneen argan dhaamanii jiru.

Barsiisaa Milkeessaa Midhaqsaa

Barsiisaa Milkeessaa Midhaqsaa

Barsiisaa Milkeessaa Midhaqsaa, Yunivarsitii dirree Dhawaa irraa kan hidhames, ijaarsa Qeerroo ni beekta; caasaa qeerroo nutti himi, ittiin jedhanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, barsiisaan kunis akkuma barattoota kaaniitti ejjanoo jabaadhaan fedhii fi gaaffii hiraarsitoota wayyaanee guutuufii diduun isaa hubatamee jira.

Barattooti fi hidhamtooti maa’ikalaawwii keessatti hiraarfamaa jiran dhaamsa dabarfataniinis, “mallattoon sirna abbaa irree gaaffii fi iyyannoo lammii bulchuu gaafa sodaatu hidhaa fi hiraarsaan akka isaan usanii bulan gochuuf gochaa gara jabinaan guutame akka raawwaatu dursinee waan beeknuuf gaaffii mirgaa keenya gaafachuu fi falmachuu  hin dhiifnu hin dhiifnu,”  jedhanii jiru.

“Ummati keenyas bakka jirutti hidhaa fi reebichaaf otuu hin jilbeeffanne kaayyoo galmaan gahachuuf kutannoo fi murannoon  diddaa isaa itti fufuu qaba,” kan jedhan hidhamttoti siyaasa kunneen, “hiree keenya qabsoo keenyaan mirkneeffanna,” jedhanii jiru.

Yeroo ammaa kanas barattootni,Dargaggootni,hojjettootni Oromoo mana hidhaa Wayyaanee keessatti hedduu rakkachaa kan jiranii fi Guyyaa guyyaan reebamaa jiru.Ilmaan Oromoo mana hidhaa maa’ikelaawwii keessaa Qeerroon isini ykn caasicha guutuu Oromiyaa keessaa ni beektu himaa jechuun guyyaadhaa guyyaan reebamaa jiru.

Bara nugusaa,bara dargii fi amma illee waggoota digdamaaf Uummatni Oromoo yeroodhaa gara  yerootti Oromummaa isaa fi maqaa ABOn yakkamee akka inni mirga isaa hin falmanneef jecha mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti guuramuun kan beekame dha.Warraaqsa Biyyattii keessatti jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee addatti dargaggoota Oromoo akka hidhamtoota siyaasaatti mana hidhaa maa’ikelaawwiittti guuree gidirsaa jiraachuun isaa addunyaan kan beeke tahuu ifaadha.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!