Bitootessa 15,2012 Naqamte
Lafa Oromiyaa investerootatti nin gurguradhaan kan isa hanqate mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa godina Wallaggaa bahaa aanaa Haroo Limmuu gandoota Dambii,Sugee,Talaalaa fi Gabaa Ayyaanaa Lafa Beenishangul jechaa karaa dabballoota isaa olola eegalee jira.Ilmaan Oromoo gandoota kanneen kana keessaa diddaa jabeessuun dabballoota mootummaa naannoo kanaa qaanessaa kan jiranii fi tarkaanfii jajjaboo irratti fudhataa waan jiraniif jecha. Baatii Bitootessaa 2012 kana keessa bifa haaraa lafa Oromiyaa naannoolee jedhaman kana gara bulchiinsa Beeneshangulitti akka kennuuf jedhu ibsa ittiin ummata doorsisan kennaa jiru.
Haaluma wal fakkaatuun Waraanni mootummaa Wayyaanee Goojjam irraa Gara Wallagga bahaa aanaa Eebantuu Gandawwan Qeelloo,Lalisaa dhangaggoo fi bahaa keessatti ilmaan Oromoo argaman nageenya dhorkuun uummatni diddaa itti jabeessee jira.Waraanni mootummaa kun halkan irra deemuun ilmaan Oromoo reebaa jira.Uummatni naannoo kanaas dhiibbaa kana irraa kan ka’e mana gadhiisuu irratti argama.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!


