Victims of land grabbing in Oromiya revenged by setting fire on the properties

Aside

March 13, 2012; Finfinnee

Mr Tadiwos and Mr Addish G/Yohannes, owners of Luxury Kurruftu resort and farm land in Oromiya Benishangul region respectively have reportedly lost their property due to the work of an angry arsonist last week according to resources from the area. The arsonists are said to be victims of their extensive land grab for the past years.

Mr. Tadiwos and his Luxury y Kuruftu resort was targeted as a revenge not only for his extensive land grabbing by working in hand and glove with the brutal government of Ethiopia but also for his role in brokering countless investors land grabbing deal which in effect have forced the eviction of thousands of small farmers from their ancestral land, according to sources.

The work of arsonists are getting worse and becoming a sign of resistance against land grabbers in recent days in Oromiya region of Ethiopia.

Mr Addish have also lost 4 tractors and dozens of hectares of onsite crops, according to sources.

It is to be recalled that, a Chinese man was also killed in a related incident of land grabbing issue last month in the West Shoa zone of Oromiya.

@Qeerroo

Ajajaan Poolisa Feederaalaa Duraanii, Itti gaafatamaan Tikaa fi Ministerri Bishaanii Jaarsummaaf Barattoota Oromoo Ambotti Diddaa itti fufan Bira dhaqan.

Aside

Bitootessa 13,2012

Diddaa barattootaa yuunivarsiitii Amboo Bitootessa 12,2012 bifa addaan qabatee hanga guyyaa har’aatti haala jabaa taheen itti fufee jira. Diddaan gootota barattoota Oromoo kun ummata magaalaa Amboo kan dammaqsee jiru yommuu tahu fincila kana  dhaamsuuf jedha mootummaan Wayyaanee jaarsummaa barattoota Oromootti ergate

Guyyaa har’aa waajjira muummicha minstera irraa akka dirqama fudhatanii bobba’an kan ibsan kanneen  sodaan guutamanii bobba’an  amanamtoota TPLF Obbo Fiqaaduu Sabbooqaa duraan Finfinnee keessatti ajajaa Poolisii federaalaa kan turee fi har’a dhimma nageenyaa keessatti argamuu fi Obbo Alamaayyoo Taganuu Ministeera Bishaanii fi albuudaa keessaa gara yuunivarsiitii Ambootti erguun barattoota Oromoo addatti kan miseensotiin Wayyaanee keessa hin jirre haasofsiisuuf yeroo yaalan gootonni barattooti Oromoo diddaa isaanii cimsuun gaaffiin keenya gaaffii mirga ummata Oromooti,mirgi saba keenyaa dhiitamaa waan jiruuf hanga akeeki gaaffii keenyaa deebii gahaa argatutti duubatti hin deebinu jedhuun dhadhannoo fi diddaan jara ergame naasisuun of duuba deebisanii jiru.

Haalli diddaa barattoota Amboo bifa kanaan yeroo jalqabaaf kan hammaate yeroo tahu hanga ammaatti waraanni mootummaa human komaandoo jedhamu 300 ol naannoo moorichaa fi keessa mooraa University Amboo qubatee akka jiru qeerroon gabaasa.

Kana malees mootummaan Wayyaanee warraaqsa qeerroon muddamaa jiru irraa kan ka’e ilmaan Oromoo poolisii federaalaa tahan adda adda baasuun naannoo naannotti jijjiiruuf karoorfachuun isaa saaxilame.Oduun poolisii federaalaa Wayyaanee keessaa bahe akka saaxiletti yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti ABO magaalota galee jira,Oromoon marti ABO tahee jira sodaa jedhuun maqaa sochii HASAASA jedhamuun yeroo yerootti naannoodhaa naannootti bobbaasuun rakkamaa poolisoota rakkisaa jiraachuun ifa tahee jira.

Sodaan mootummaa Wayyaanee poolisoota Federaalaa ilmaan Oromoo irraa qabdu daran jabaachaa kan dhufee fi amanamtootni mootummaa Wayyaanee poolisoota kanneen kana keessaa yeroodhaa yerootti marii sodaa kana irratti hirmaachaa jiraachuun ifa tahee jira.

Ilmaan Oromoo eenyummaa isaaniitti boonan ABO dhaaba ilmaan oOomoo tahuu yoomuu ni mirkaneessina jechuun shira diinaa yeroodhaa yerootti akka saaxilan bakka irraa bakkatti marii eegaluun odeessi qeerroo addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabummaan ni kufa!

Galmeen mana murtii Godina Wallaggaa Aanaa Jaartee Gubate

Aside

Bitootessa 13,2012

Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guuruun maqaa fi teessoo galmeessuun akka yakkamaatti galmee mana hidhaa keessa kaa’aa guyyaa gaaffii mirgaa Oromooti gaafatan isin ABOti jechuun mana hidhaatti deebisee guuraa turuunii fi har’as itti fufee jirachuun isaa beekamaa dha.Gaaffiin mirgaa impaayera Itoophiyaa keessatti yakka jabaa kan tahee fi yakka jabaa tahee kan taa’u yoommuu tahu qeerroon oromoo kanatti furmaata kennuuf falli falle milkaa’ee jira.

Guyyaa kaleessaa gaafa Bitooteessa 12,2012 galgala keessaa sa’a 4:30tti humni hin beekamiin mana galmee mana murtii  Godina Horroo Guduruu aanaa Jaardagaa Jaartee magaala Aliboo keessaa cabsee yaasuun gubee jira.Mootummaan Wayyaanee galmee murtii dalgaa ishee kana waardiyaan qawween qacartee eegsistus humni kun mana galmee kana cabsee seenuun galmeewwan kana yaasee gubee jiraachuu gabaasi Jaartee irraa nu dhaqabe beeksisa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Dargaggoonni Oromoo Wallee Warraaqsaa Walliftan jedhamanii hidhaman

Aside

Bitootessa 13,2012

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti
dargaggoota Oromoo sirboota siyaasaa ummata sirbisiiftaniittu ABO waliin hidhata qabdu ,dargaggoota Oromoo wallee waraaqsaan kakaaftaniittu jedhuun yakkamanii mana hidhaatti dabaman. Kanneen hidhaman keessaa

  1. Dargaggoo Misgaanaa Rabbirraa
  2. Dargaggoo Bantii
  3. Dargaggoo Zallee Wiirtuu
  4. Dargaggoo Hundarraa

Kanneen jedhaman yeroo tahu. Dargaggootni kunneen yeroo ammaa Mana hidhaa Aanaa Jaardagaa jaartee Waajjira Poolisii keessatti dhiitamaa jiraachuu qeerroon aanaa Jaartee irraa gabaasee jira.

Aliboo keessa halkanii fi guyyaa bilisaan akka hin deemne dhiibbaa guddaa irraan gaggeessaa jiraachuunii fi qeerroowwan garii

hidhuuf barbaadaa jiraachuu gabaasni ifa godhee jira.

Kana malees magaalaa Aliboo keessatti dargaggoonni jiraatan halkanii fi guyyaa bilisaan ta’anii akka hin sochooneef jecha karaa milishootaa fi poolisoota ramadamanii eegumsi guddaa ta’aa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaa ni kufa!

Godina Hararge Baha Aanaa Jaarsootti Manguddoon Oromoo Kabajamaa maqaa ABOn hidhaman .

Aside

Bitootessa 13,2012

Godina Harargee bahaa Jaarsoo keessatti kan jiraatu maanguddoon kabajamaa fi ulfaataa tahe Sheek Azaakur Sheek Bakirii Ibroo mootummaan Wayyaanee ABO waliin hidhata qabda, maadheelee ABO ijaartee bobbaafta sababa jedhuun dharaan yakkee mana hidhaa buuse.

Yakka sobaan maqaa Abdullaah Jamaal jedhuun ABO waliin hidhata uumtee hojjetaa jirta, gara biyya Jibuutiitti deddeebitee hojii ABO hojjechuun ummata ijaarta kan jedhamee mana hidhaatti darbame Sheeki Azakur poolisoota Wayyaaneen reebamee hedduu miidhamee akka jiru gabaasi Jaarso irraa nu gahe addeessa.

Haaluma kana fakkaatuun naannoo Jaarsootii Oromoonni 6 sheek Azakur waliin hidhamanii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.