Gootonni Barattoota Oromoo University Amboo Diddaa Itti Fufan

Aside

Bitootessa 12,2012

Guyyaa har’aa Bitootessa 12,2012 ganama irraa hanga sa’aa kanaatti fincilli diddaa gabrummaa barattoota University Amboo fi Qeerroo jiraattota magaalaa dabalatee mooraa Univresitycha keessatti qabate hanga ammaa sadarkaa guddaatti itti fufee jira.Gootonni barattooti Oromoo gaaffii nyaataan wal qabatee mirga ummata Oromoo fi Oromiyaa gaafachaa fi mooricha keessatti guutummaatti wal gurmeessuun dhadannoo dhageessisaa fi wallee warraaqsaan gaaffii fi yaada isaanii ibsataa akka jiran beekama.

  • Gaaffiin guyyaa har’aa mootummaa Wayyaaneetti dhihaatee jiru keessaa.
  • Mirgooti ummata Oromoo kan qabeenya isaa tikfachuu fi biyya isaa irratti abboomuu haa eegamu.
  • Mooraa barannuu kessaatti qawwee fi raasaasaan doorsifamuun hatattamaan haadhabbatu.
  • Hidhamtooti Oromoo haa gadhifaman
  • Barttooti Oromoo mooraa University adda addaa irraa sababaan tokkoon malee qabamanii hidhaman hatattamaan haagadhiifaman.
  • Lafti Oromoo inversteroota alagaatti gurguraman ammaan gara abbaa biyyaa kan tahe Oromootti haadeebi’u.

kan jedhuu fi gaaffiileen kaan keessatti argamu.

Guutuu gabaasa kanaa wal duraa dubaan ni dhiheessina.

Qabsoon itti fufa!!

Qabeenyi Investera alagaa Ato Addish G/Yohaannis daangaa Oromiyaa fi Beenishaangul Haroo Limmuu jiru Ibiddaan barbadaa’e!‏

Aside

Bitootessa 12,2012      

Lammii Oromoo lafa isaanii  irraa kaasuudhaan uummata Oromoo fi Beenishaangul Gumuuz yeroo dheeraaf walitti buusaa kan ture investerri Habashaa kan tahe Addish Gebre Yohaannis aanaa Haroo Limmuu keessatti ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqisuun qabeenya dhuunfaa kuufachaa ture.Oromoota lafa irraa buqise deebisee akka garbaatti hojjechiifachaa yoona gahe.

Warraaqsi Oromiyaa guutuu keessatti biyya ofii irratti falmuu fi mirga ofiif kabachiisuu itti fufuun  qabeenya inverstera alagaa kan daangaa Benishaangulii fi Oromiyaa gidduutti argamu aanaa Haroo Limmuu keessatti argamu irratti Guyyaa Bitootessa 12,2012 warraaqsi tarkaanfii fudhateen qabeenya hedduu ibiddaan barbadeessee jira.

Qabeenyi investera Habashaa kanaa tiraakterri afurii(4) fi oomishni mishingaa heektara lama(2) oomishni boqqolloo heektarri lama(2) balaa ibiddaa kanaan guutummaatti  barbadaa’ee jira.

Abbaan qabeenyaa habashaa kun naannoo kana gadhiisee hin deemu taanaan fuuldura lubbuu isaaf sodaachisaa akka tahe humni warraaqsaa xalayaa inverstera kanaaf ifatti barreessee ergeen beeksisee jira.Kana malees inversteroonni mootummaa Wayyaanee waliin ta’anii ummata Oromoo lafa irraa buqisaa jiraniif tarkaanfiin gochaa isaaniin madaalu akka itti kennamu akeekachiisi kennamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Mannii fi Qabeenyi Qondaala OPDO Beekumaa Dheeressa Jedhamu Guutuutti Barbadaaye.

Aside

Bitootessa 12,2012 Gimbi                

Wallaga magaalaa Calliyaa ganda Orchoqi jedhamu keessa kan jiraatu qondaalli OPDO maqaa Beekumaa Dheerreessaa  jedhamuun kan beekamu yeroo dheeraaf ummata naannoo kanaa gidirsaa kan turee fi sochii warraaqsaa bara 2011 jalqaba irratti ka’ee adda durummaan barsisotaa fi barattoota Oromoo mana hidhaatte guursisaa kan ture ta’uun beekama.

Qondaala kanaaf yeroo adda addaatti akeekachiisi kennamuun akka qabsoo ummata Oromoo dura hin dhaabbannee fi Oromoo hiisisuu irraa akka dhaabbatuuf akeekachiisi kennamaa ture,sana irra darbee maal nadhibee kan jedhuun Oromoota itti dhadachuu fi caalaatti qotee bulaatti roorrisuu waan itti fufeef jecha Bitootessa 10,2012 mana jireenya isaatti adbidda qabachuun inni lubbuun yeroo baafatu qabeenyi isaa guutuutti barbadayee jira.

Haala kanaan kan rifatee fi kan birmateef waraanni Wayyaanee poolisa gandaa dabalatee ummata jiraattota naannoo Calliyaa haalaa goolaa jiru,namoota isin shakkamoota jechuun gara 100 ta’an mana hidhaa geessanii jiraachuu gabaasi Calliya irraa nu gahe addeessa.

Namoota hidhamanii isin ergama ABO qabdu jechuun haalaan reebamaa jiran keessaa Barsiisaa Margaa Sassaabaa fi Ogeessa Fayyaa Abiyoot Eliyaas kanneen jedhaman keessatti argamu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!