Qonnaan Oomisha Shonkora Fincaa’aa Ibiddaan Barbadaaye.

Aside

Bitootessa 11,2012

Mootummaan Wayyaanee  gaaffii mirgaa ilmaan Oromoof deebii kennuu dhiisee hidhaa fi ajjeechaan saminsa lafaan ummata Oromoo miidhaa waan jiruuf.Kana irratti dabalees yeroo ammaa caalaati ummata Oromoo gabrummaa jalatti hambisuuf jecha halkanii fi guyyaa kan tattaafatu  haala kanaan jireenya fi abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneeffachuuf jecha warraaqsi bilisummaa Oromoo eegale tarkaanfii gochaa mootummichaan madaalu fudhachuu dha.

Haala kanaan  guyyaa har’aa Bitootessa 10,2012 sa’a 9:57tti Oomisha shonkoraa Waarshaa sukkaaraa Fincaa’aa magaala Xiqqoo ‘’I’’ jedhamtuun waamamtuu fi Nashee gidduutti argamu karaa Konkolaataa laga Nasheetti geessu irraa gama mirgaatti kan argamu guutummaatti  ibiddaan barbada’ee jira.Mootummaan Wayyaanee lafa ilmaan Oromoo irratti horee Oromoo bitaan kana booda abjuu isaaf haa tahu jechuun tarkaanfiin kun jabaatee akka itti fufu warraaqtonni gabaasanii jiru.

Baatii lamaan kana keessatti tarkaanfiin inveesiterootaa fi qabeenya mootummichaa irratti kan fudhatame kan jalqabaa malee kan dhumaa akka hin taane gootonni Oromoo  ni mirkaneessu. Washaanlee fi lafa qonnaa shukkaara Finca’aa haala eegumsi isaa waraana wayyaanee jabaate keessatti gootonni warraaqsa gaggeessan tarkaanfii akkasii fudhachuun wayyaanee guddoo naasisee akka jiru argama.

Mootummaan wayyaanees baatii darbe keessa oomisha shonkora Finca’aa kan hektaara 7 tahu sababaan gubateef hojjettoonni warshichaa fi kan oomisha irratti hojjetan Oromoota waan taataniif diddaa keessan muldhisuuf akkana gootan jechuun nama 27 kan tahan mana hidhaatti dabarsee kanneen 200 ta’an ammo hojii irraa ari’uun isaa ni yaadatama.

Guyyaa har’aas haala kanatti kan rifate mootummichi human waraanaa gara oomisha sanitti yeroo guuree bobba’ee jira.

Haala kanatti aanu jala bu’ee qeerroon ni gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Sabboontonni Oromoo University Madda Walaabuu Warraaqsa Daran Jabeessuuf Murteeffatan

Aside

Bitootessa 11,2012

Warraaqsa Biyyattii keessatti jalqabe galmaan gahuu irratti sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Madda Walaabuu marii gaggeessan.Marii isaanii keessattis humni nama baratee qabsoo galmaan gahuu keessatti qooda guddaa fudhachuu akka qabu erga wal hubachiisanii dirqamni cimaan akka isaan irra jiru lafa kaa’anii jiru.Qeerroon qabsoo Oromoo boqonnaa haaraatti tarkaanfachiisaa akka jiru erga dubbatanii haala qeerroo waliin tarkaanfachuu danda’an irrattis marii gaggeessuun tika qeerroo fi qeerroowwan diddaa qindeessan koree qindeessituu diddaa filatanii jiru.

Qeerroon yuunivarsiitii kanaa galii mootummaan Wayyaanee bakkeewwan seena qabeessa ilmaan Oromoo kanneen akka Dirree sheek Huseenii fi paarkiiwwan baalee fi bakkeewwan biroo Oromiyaa keessaa irraa funaanuun bittaa umrii isaa itti dheereffatu adda durummaan kan morman ibsuun uummatni Oromoos bakkeewwan kana irraa faayidaa tokko illee akka hin arganne ifa gochuun uummata qabatanii qabsoo ilmaan Oromoo ABOn durfamu cinaa akka hiriiran lafa kaa’anii jiru.

Barattootni Yuunivarsiitii Madda Walaabuudhaa arii’aman sababa Oromummaan tahuu fi ilmaan Oromoo miseensa OPDO hin taane yuunivarsiitii kana keessatti akka diinaatti kan ilaalamu tahuu isaa ifa godhanii jiru.

Xumura marii isaanii irrattis ibsa ejjennoo armaan gadii baafachuun marii isaanii irbuun goolabanii jiru

1.Qabsoo ilmaan Oromoo ABOn hoogganamu hanga bilisummaa waliin ni hiriirra

2.Gahee nurraa eegamu haala kam keessattuu ni baana

3.Gocha diinaa yoomuu ni mormina,Gaaffii mirgaa gaafachuu irraas hin dhaabbannu

4.Ilmaan Oromoo marti wal tumsee garbummaa jalaa akka bahutti ni barsiisna.Qooda keenyas ni baana

5.Hirmaannaa shamarran Oromoo qabsoo keessatti qaban ni babal’isna.

6.Diinni diina waan taheef  Wayyaaneef yoomuu hin bitamnu,hin ajajamnu

7.Waadaa keenya hanga xumuraa haala kam keessattuu ni tiksina kan jedhani dha.

Jechuun ejjennoo isaani ibsatanii jiru.