Magaalaa Ginda Barattitti Dabballoonni Wayyaanee Tahe jedhaniii Qabeenya Mana Barnootaa Guban.

Aside

Bitootessa 10,2012

Gaaffiin ilmaan oromoo hin deebi’u taanaan;Ilmaan oromoo baratanii hojii hin argatan taanaan barachuun maaliif barbaachisa kan jedhan Barattootni Oromoo Bitootessa 09,2012  sa’aa 8:27 tti Godina Shawaa lixaa aanaa Ginda Barat  Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Gindabarat keessatti gaaffii mirgaa waan kaasaniif jecha dabballoonni Wayyaanee  tahe jedhanii karaa biraa mana barumsaa san keessatti ibiddaa  qabsiisuun qabeenya mana barumsaa barbadeessan.Tuffiin mootummaa ilmaan Oromoof qabdu diiddaa keenya jabeessuun mirga goonfanna kan jedhan barattooti Oromoo diddaa isaanii itti fufanii jiru.

Qabeenyi mana barumaa sadakaa lammaffaa kun barbadaawuu irraan kan ka’e humni waraanni Wayyaanee dabalata yaammatee naannoo san qubatee ummata jeeqaa akka oole qeerroon ni gabaasa.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Harargee bahaa keessatti karaan Qullubbiidhaa Harar geessu Wayyaaneetti dhagaan cufamuun Wayyaaneen haala kana irraa rifatee waraannii fi dabballoonni Wayyaanee dhagaa san deebisanii guuruu dirqamanii jiru.

Qeerroon oromoo tarkaanfii kana raawwachuuf kan dirqame bakkeewwan kunneen bakka uummatni itti fayyadamu irra bakka garboomfataan mootummaa Wayyaanee itti ilmaan Oromoo dhiituu fi gaaffiin ilmaan Oromoo bakkeewwan itti hin deebine akka tahe uummatni oromoo jabeessee akka hubatu dhaamee jira.

Tarkaanfiin kun Golee Oromiyaa guutuu keessatti hanga gaaffiin ilmaan Oromoo deebi’u jabaatee akka itti fufu qeerroon gadi jabeessee dhaammata !

Qabeenyi Manni Kitaaba University ArbaMinc Dabballoota Wayyaaneen Gutummaatti Samame

Aside

Bitootessa 09,2012

Manni Kitaaba  yuunivarsiitii Arbaaminc kan Main campus keessa jiruu fi bara 1986 itti ijaarame guutummaatti saamamuu Qeerroon Arba Minci gabaasa.

Manni kitaabaa kun kan saamame jeequmsa mooraa Universitycha keessatti tahe sababeeffachuun dabballooti Wayyaanee saamicha godhan tahuu qeerroon addeessa

.Qabeenyi guddaan yuunivarsiitii Arbaminci  mana kitaabaa kana keessaa saamame kan horii laayyootti lakkaawamu akka hin taanee fi komputera kitaabota qaqaalii fi waanneen adda addaa kan jiran yeroo tahu haala kanatti dabalee sababaa jeequmsatu mooraa keessa jira jedhuun mootummaan Wayyaanee barattootni yuunivarsiitii Arbaaminc waggaa tokkoffaa baratan wayita qormaataa ibsaan(current) irratti dhaamsuun barattoota ifaa dhokatanii hedduu dararaa jiraachuun beekame.Gaaffii bulchinsa mooraa yuunivarsiitiitti dhiyeessaniifis deebiin kennamu dhibamee barattootni FDG kaasu sababa jedhuun human poolisaan mooricha eegaa akka jiranii fi sochii ka’a jedhame akka ittisaa jiran beekame.

Sodaa Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo Qeerroo irraa qabuun manni kitaabaa qeerroon saamame jechuun sodaatee Ashaaraa barattootaa funaanuuf marii gaggeesseen irrattis wal dhabdiin marii keessatti uumamee jira.Ashaaraan funaanamnaan diddaan barattootaa waan jabaatuuf dhiisna jechuun marii akka goolaban qeerroon arbaaminc gabaasee jira.

Haaluma walfakkaatuun Godina Arbaaminc aanaa Cheenchaa keessatti mootummaan Wayyaanee uummata amantiin walitti buuse.Uummatnis walitti bu’insi kun wayyaanee irraa kan dhufe hubachuun dabballoota Wayyaanee irratti halkanii fi guyyaa mana reebaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Sochii Qeerroo dura dhaabbachuu irratti Qondaaloti TPLF fi OPDOn Walii galuu dadhaban.

Aside

Bitootessa 10,2012

Sochii dargaggoota Oromoo naannoo garaa garaatti tahaa jiru dura dhaabbachuuf jecha warri Wayyaanee fala isaan hin faliin hin jiru, gaaffii ummata Oromoof deebii gahaa kennuu waan hin dandeenyeef jecha saba Oromoo hidhuu,ajjeessuu,biyyaa ari’uu fi hiyyoomsuun furmaata itti fakkaatee haalleen akkasiin ummata Oromoo guraa lubbuu isaanii dheereffatu,

Haalli kun xumura argatee ummanni Oromoo abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa tahuun biyya isaa irratti abboomee akka jiraatuuf sochiin dargaggoota biyyoolessaa eegalee umurii wagga tokko hin geenye keessatti qaanqeen isaa Oromiyaa guutuutti qabachuun mootummaa Wayyaanee haala kana hin jedhamneen jeeqaa fi sodaachisaa jira. Sochii kana dura dhaabbachuuf jecha human poolisa naannoo irraa hanga feederaalaa sanas darbe loltoota mootummaa naannoo lee sochiin qeerroo jiru maratti erguu fi university Oromiyaa keessaa mooraa waraanaa taasisanii jiru,kanaan diddaan dargaggoota Oromoo murteeffatoo kun dhaabbachuu didee Wayyaanee raasaa jira.Fuula durri keenya abdii bilisummaatu jira jechuun qeerroon warraaqsa eegale kun dabballootaa fi qondaalota OPDO keessaa kanneen dammaqanii ummata Oromootti deebi’uu barbaadan ofitti dabaluun sochiileen itti fufee jira.

Haala kanaan sochii University lee dhaamsuu kan jedhuun qondaaloti TPLF ol aanoo fi kanneen OPDO ta’an  Bitootessa 09,2012 University Hawaasaatti walitti dhufuun walgahii godhatanii jiru.Walgahiin isaanii kun irra guddaa ummata Oromoo fi dargaggoota Oromoo akkamitti akka of irraa dhahuu qaban irratti xiyyeefatee kan haasayame yeroo tahu gaaffii barattooti gaafatan gaaffiin dhugaa dha dura deebiin kennamuu qaba kan jedhu yaadi qondaalota TPLF itti dhihaannaan jeequmsi eegale, haala kanaan  wal dhabdiin gidduutti uumamuun mariin isaanii guutummaatti fashaluun adda diigamuu isaanii odeeffati isaan keessaa Qeerroo gahe addeessa.

Ammaan dura sochii Qeerroo tumsuuf jedha Oromoonni human Poolisa Federaala keessa jiran magaala Finfinneettii fi qondaaloti OPDO gariin Jimmatti,baatii darbes miseensonni isaanii mooraa University Finfinneetti sochii qeerroo akka degeran ibsa baasaniin beeksisanii jiraachuun ni yaadatama.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!