Bitootessa 07,2012 Naqamte
Godina Wallaggaa Bahaa aanolee Limmuu galiilaa,Eebantuu,Haroo Limmuu,Saasiggaa fi Godina Horro Guduruu aanolee Amuruu,Jaartee fi Jaardagaa keessatti diddaan uummataa mootummaa Wayyaaneetti jabaachaa kan dhufe mootummaa abbaa irree yaaddessaa jira. Gaafa bitootessa 02,2012 aanaa Kiiramuu keessatti konkolaataa dabballoota Wayyaaneetti karaan cufamuun konkalaataa irraa buusanii dabballoota arihuun qeerroon itti sirbaa oolee jira.
Mootummaan Wayyaanees diddaa itti jabaate filannoo dhabuun human waraanaa gara sanitti bobbaasuun dargaggoota Oromoo onoota kanneen keessaa ukkaamsee mana hidhaa gidduu galeessaa Maa’ikelaawwiitti guuruun ukkaamsee jira.Dargaggootni oromoo hidhaman ammaaf kan maqaan isaanii nu gahe keessaa
1.Afrikaa Kabbadaa Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa irraa
2.Darajjee Dassaaleny Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa irraa
3.Mul’isoo Dhugaasaa Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa irraa keessatti argamu.
Qeerroon wallaggaa bahaas hanga bilisummaa kutannoon mootummaa garboomfataa xiichaa akka itti fufan gabaasa waliin ibsanii jiru.