Bitootessa 05,2012
Mootummaan Wayyaanee Diddaa barattoota Oromoo irraa itti jabaachaa
dhufe hambisuuf ykn dura dhaabbachuuf jecha yuunivarsiitiilee Oromiyaa keessatti maqaa leenjii “Namuusa” jedhuun siyaasa barsiisuuf qophaa’aa jiraachuun isaa saaxilamee jira.Diddaa Qeerroo Oromoo irraa mootummaa Wayyaaneetti dhufe laaffisuuf barattoota yuunivarsiitii dirqamaan leenjii kana Bitooteessa 26,27 fi 28,2012 itti kennuuf karoorfatee jiraachuun isaa
beekamee jira.
Ji’a Onkoloolessaa darbe keessatti leenjiin kun barattoota yuunivarsiitiif kennamuu jalqabee gaaffii barattootaan milkaa’ina kan dhabe yoommuu tahu kana milkaa’ina itti uumuuf barattoota digdama digdamaan leenjii kana kennuun milkaa’ina itti uumuuf watwaataa jiraachuu wayyaanee qeerroon bira gahee jira.Sodaan Wayyaanee yeroo ammaa sochii Qeerroon itti jiru yoommuu tahu amantii miseensota isaa irraa dhabde irraa kan ka’e karaa dhaabbiilee
tajaajila hawaasaa kanneen akka manneen barnootaa olaanaa fi gad aanaa
sochii kana to’achuuf qophaa’aa jiraachuun Wayyaanotaa bira gahamee jira.
Dargaggoota Oromoo gaaffii mirgaa kaasan baroota dheeraaf hidhuu,ajjeessuu,biyyaa arihuu fi hojii irraa arihuun mootummaan wayyaanee yeroo har’aan gahe kun ammos diddaan yeroo itti jabaatu tooftaa leenjii naamusaa jechuun kan as bahe yeroo tahu haalli kun dargaggoota Oromoo biratti dadhabiinsa Wayyaanotaa akka muldhisuu fi soda hangam akka Oromoo irraa qaban muldhisa jechuun qeerroon dubbatu.
Qasoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!