Bilisummaa yoo hin qabaanne dhitamuu fi bitamuun ni hammaata.Qeerroo hidhamanii fi gochaa Wayyaanee,TPLF.

Aside

Bitootessa 04,2012 Jimma

Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa mootummaan Wayyaanee mana hidhaatti hambisuuf fala falte.Barattoota ilmaan qetee bultoota Oromoo tahan wabii qarshii 32,000(kuma soddomii lamaa)barattoota hidhamanitti afuritti muruun barattootni kunneen waan kaffalan dhabanii mana hidhaa Wayyaanee keessatti rakkachuu irratti argamu.Barattoota Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa kan tahan kanneen armaan gadii kana garboomfattuun mootummaa tokko tokkoo isaaniitti wabii qarshii 8,000 muruun mana hidhaatti hambistee warri isaanii akka hin argine dhorkuun mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Jimmaa keessatti rakkisuu irratti argama.

Inspector Kaalib Abbaa Tamaam yuunivarsiitii Jimmaa keessatti barattoota Oromoo ija diinaan ilaalaa jiraachuu fi halkanii fi guyyaa qeerroo dhokatee jiraachuus qeerroon gabaasaan ifa godhee jira.Haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti tahaa jiru irratti dirqama Oromummaa akka bahanis qeerroon Jimmaa dhaammatanii jiru.

Maqaa Barattoota Wabii qarshii 8,000 jedhamuun mana hidhaatti rakkachaa jiran

Maqaa Umrii muummee Waggaa baratu Godina Aanaa saba
Moo’eeraa Lammaa Dabalaa 20 Phycology Waggaa 2ffaa Arsii Lixaa Basaasaa Oromoo
Mokonnin Dabalee Toloo 24 Phycology Waggaa 2ffaa Godina Addaa Naannoo Finfinnee Sulultaa Oromoo
Wubisheet Zalaalam Mangistuu 17 Phycology Waggaa 2ffaa Shawaa Kaabaa Fiichee Amaara
Nuraddin Ahmed Bariisoo 21 phycology Waggaa 2ffaa Arsii Shaashimannee Oromoo

 

Walumaa galatti shirri diinni xaxxu tokkummaa fi kutannoo ilmaan Oromoon waan cabuuf sabboontoti Oromoo cufti tokkummaan gumaata barbaachisaa qeerroo cinaa dhaabbachuun akka baatan waamicha dabarfanna!

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!