Ya Ilmaan Kushitik

Aside

The best song of the WEEK!

Vodpod videos no longer available.

Ya Ilmaan Kushitik, posted with vodpod

Akka Taaddee Birruu yoo jagnoomani,Alagaaf hin gabroomani” Jedhu Qeerroon

Siifan lolaa Oromoo narra hin gortuu…

University Jimmaa Irraa Gootonni Shammarran Oromoo Sadii Hidhaman

Aside

Gurraandhala 13,2012 Jimmaa

Gootonnii baratoota Oromoo University Jimmaa jilmaan manahHidhaatti guuramaa jiraachuu qeerroo gabaasa, kanneen keessaatti baratootni dubaaraa sadii kanneen maqaan isaani

  1. Baratuu Keetiim Efireem dipartimentii Afaan Oromoo waggaa 2ffaa,
  2. Barattuu Dinqineesh ,dipaartiimentii Fokileerii Afaan Oromoo waggaa 1ffaa
  3. Dinqee kanneen jedhaman Afaan Oromoo wagga 1ffaa kan barattuu

Akkasumsan baratootnni 30 ol mana eda Gurraandhala 12,2012 mana dhihaatti darbamanii jiru.

Kanuma waliin gabaasi Qeerroo akka addeessu, hogganootiin OPDO godina Jimmaa jiran guyyaa kaleessaa walgahii hatattamaa miseensota isaanii barattoota tahaaniif gochuun waliigaltee tokkoon malee adda faca’an. Barattooti Oromoo tahanii miseensummaa OPDO fudhatan gaaffiin barattoota Oromoo gaaffii sirrii waan taheef mooraa keessatti barannu keessatti Wayyaanee deggeruun Oromummaa mormuun kan nu hin baafne jechuun waca kaasanii walgahicha bittinsuun isaanii gabaasa qeerroo irraa ifa godha.

Gama kaaniin waraqaan waamicha qabsoo magaalota Oromiyaa gurguddoo fi hanga baadiyyaaleetti bal’inaan faca’aa jiraachuu ibsame. University leen biyya san keessa jiranitti guyyuu kan raabsamaa jiruu fi bakkoota Wayyaaneen jala deemtee buqisaa jirtu irrattis gootonni barattooti deebisanii maxxansaa akka jiran qeerroon ifa godhee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Gorsaa Qeerransoo Biyyaa

Aside

♠(Qeeroo, Finfinnee, 12 Guraandhala 2012) Qeerransoo Biyyaa akkaataa itti qabsoon diddaa garbummaa haala ammaayyaatiin si’oomee, bu’aa boonsaa argamsiisuu malu irratti gorsa arjoomee jira.

“Qabsoon keenya aarsaa guddaa baasee, bu’aa xiqqaa argamsiisuu hin qabu,” kan jedhe Qeerransoon Biyyaa, “bu’aa aarsaa keenyaan walgitu argamsiisuuf qabsoon keenya karaa maraan tooftaalee ammayyaatiin si’oomee hojjatamuu qaba,” jedha.

Gaaffii fi Deebii Barattoota Yunivarsitii Jimmaa Waliin Godhame

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 12 Guraandhala 2012) Gurraandhala 11,2012 irraa eegalee mooraa Yuniversitii Jimmaa keessatti fincilli barattootaa kan diddaa barattootaa fi gaaffii dargaggoota Oromoowaliin wal qabate ka’uu isaatiin barattooti hidhamaa jiraachuun gabaasame.

Fincila kana dhaabuuf humnooti poolisa Federaalaa fi humni tika mootummaa Wayyaanee mooraa keessa guutu illee barattooti diddaa isaanii finiinsaa oolanii jiru.

Dhimma kana irratti barataan tokko gabaasaa Qeerroof yoo ibsu, ”kan arrabsamu Oroomoo dha; kan hidhaamu Oromoo dha; kan barnoota irraa arii’amuu Oromoo dha;  kan ajjeefamuu Oromoo dha;  kan biyyaa itti dhalate keessatti mirga lubbuun jiraachuu dhabee arii’amuu Oromoo dha; kan qe’ee irraa buqa’uu fi lafti irraa fudhatamee faranjiif kennaamuu Oromoodha; hubaadhaa! Yakkoota hiriiyaa hin qabne, kan addunyaa biyyaa lafaa kanaarratti ta’ee hin beeknetu nurraatti raawatamaa jira,” jechuun roorroo isaan kakaase hubachiisee jira.

Dhimma fincila Qeerroo Bilisummaa kana irratti raadiyoon hawaasa Oromoo kan magaalaa Melbourne keessaa tamsaasamu oduu dabarsee fi gaaffii fi deebii barattoota yunivarsitii Jimmaa waliin taasise, tumsi Qeerroo Bilisummaa biyya alaa akka armaan gadiitti qindeessee nuuf ergee jira.

Finciilli Diddaa Gabrummaa University Jimmaa Itti Fufee,Barattooti Afur Ukkamfaman.

Aside

Gurraandhala 12,2012 Jimma

Gaaffiin keenya gaaffii ummata Oromoo waan taheef hamma deebii argannee mirga keenya goonfannutti qabsoon keenya hin dhaabbatu jedhanii fincila diddaa gabrummaa kanneen gaggeessaa jiran gootonni barattooti Oromoo Jimmaa Gurraandala 11,2012 waajjira President University Jimmaa fuula druatti bahanii gaaffii mirgoota Oromoo gaafataniin dhadannoo gurguddaa dhageessisaa turuu fi faaruulee warraaqsaa faarfataa ooluun gabaasi qeerroo Mooraa University Jimmaa addeessa

Kanuma waliin mootummaan Wayyaanee human poolisa feederaalaa fi human waraanaa itti bobbaasuun barattooti Oromoo gootummaan dhagaan reebanii of duubatti deebisanii jiraachuun beekama. Haalli kun akkasitti osoo jiruu guyyuma kana barattoota nama afur mooraa keessaa humnaan ukkamsanii qabuun mana hidhaa hin beekamnetti geessanii jiru.

Kanneen kunis:-

1.  Barataa Ebbisaa,

2.  Barataa Mangistuu Hayiluu,

3.  Barataa Huseen Umaar

4.  Baraataa Daannoo

Kanneen jedhaman tahuu qeerroon Jimma irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa!

Brataan Seeraa Waggaa 5ffaa fi Barreessaan Kitaaba Burqaa Jaalala Wayyaaneen Ukkamfame.

Aside

Gurraandhala 12,2011 Finfinnee

Barataa Caalaa Hailu

Barataa Seeraa waggaa 5ffaa Caalaa Hailu

Adaamaa University keessatti barataa seeraa wagga 5ffaa kan ta’eefii barreessaan burqaa jaalalaa barataa Caalaa Hailuun yeroo adda addaa sadarkaa adda addaatti gumaachi Oromummaaf godhe guddaa dha. Mooraa University Adaamaa keessatti hundeeffama waldaa Waaqeffannaa fi tokkummaa artistoota Oromoo tiksuutti guddoo nama hojjetaa ture waan taheef addatti Wayyaanonni ilaalcha diinummaa irraa qabaataa turan.

Sochii Qeerroon bara 2011 keessa gochaa turetti yakkamee hidhamuu isaa Qeerroon http://qeerroo.com/2011/09/01/ irratti gabaasee ture, sana irrattis gabaasi gaafa http://gadaa.com/oduu/10789/2011/09/06/oromia-ethiopia-oromo-a-nation-at-risk-hrlha-press-release/ bahe addeessa.

Barataa Caalaa Hailuun ammos marsaa lammataaf sochii barattoota Oromoo mooraa University Adaamaatti tahaa jiruun wal qabatee Jidduu kana qabamee mana hidhaatti darbamuu isaa qeerroon Adaamaa irraa gabaasa.

Kana malees barataa kana bakka buutee kan absiise mootummmaan gabroomfataa Wayyaaneen  maatii isaa caalaatti deemanii reebuu fi barataa kana fidaa nutti kennaa jechuun dararaa jiru.Abbaa isaa fi adaasaa barataa kanaa yeroo ammaa mana hidhaa geessanii jiraachuun beekama.

Barataan Caalaan Shawaa Kaabaa, Salaalee,Aanaa Aboote, gandaa dallatti(alangoo)bakka jedhamutti kan dhalate yeroo tahu,maatii isaa naannoo san jiraatan yeroo ammaa kanatti loltuu fi humnoota tikaa Wayyaaneen akka gidirfamaa jiran gabaafame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa.

Diddaan Qeerroo Bilisummaa Daran Jabaatee itti Fufa!

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 12 Guraandhala 2012) Sochii diddaa fi fincila Bilisummaa Oromiyaaf godhamaa jiru caallatti jabeessanii kan itti fufan ta’ee Qeerroon Oromiyaa ibsan.

Qeerroon Bilisummaa adeemsa sochii Qeerroo darbe wayita xiinxalanitti akka ibsanitti, diddaa fi fincilli bakkayyuutti adeemaa jiru akka sagaleen Oromoo akka gaariitti dhagayamuu fi beekamu kan taasisaa jiru waan ta’eef jabaatee itti fufa.

Sochii Qeerroo dhaabuuf shirri humnoota addaddaan xaxamaa jiraatu iyyuu, jabinaa fi kutannoo Qeerrootiin akka fashalaa jiru kan yaadachiisan Qeerroon Oromiyaa, akkuma “abbootiin keenya humnoota Habashaa ofirraa ittisaa qabsoo Bilisuammaa dhaloota ammaan gahanitti, nuti Qeerroon Bilisummaas Habashoota akka haaraatti ofijaaraaa jiranis ta’ee, humnoota yeroo ammaa Oromiyaa deegsaa fi hiraarsaa jiran sagalee tokkoon mormuu keenya jabaannee itti fufn,” jedhanii jiru.

“Nuti Qeerroon Bilisummaa adeemsa waggaa tokko dabarsine keessaa muuxannoo guddaa argannee jirra,” kan jedhan Qeerroon Oromiyaa, deeggarsi ummata keenya irraa argachaa jirrus daran akka jabaannee qabsoo Bilisummaa Oromoof hojjannu seexaa guddaa nuuf ta’ee jira,” jedhanii jiru.

Qeerroon bilisummaa itti dabaluunis, “ammaan boodas, akkuma kaleessaatti kutannoon falmannee guyyaa Bilisummaa dhiyeessina malee taakkuu tokko illee duubatti hin deebinu,” jechuun ummatis bakkayyuutti isaan waliin akka warraaqu dhaamsa isaanii dabarsanii jiru.

Gootonni baratoota Oromoo Mooraa University Jimmaa Fincila itti fufan

Aside

Gurraandhala 11,2012 Jimma

Guyyaa har’aa Gurraandhala 11,2012 mooraa University Jimmaa keessatti fincilli itti fufee jira,diddaa barattootaa fi gaaffii dargaggoota Oromoo kana ukkaamsuuf jecha humnooti poolisa Federaalaa hedduunii fi humni tika mootummaa Wayyaanee mooraa guutee barattoota doorsisuuf fi meeshaan itti qabanuun olii gadi arihu illee barattooti didanii gaaffii isaanii itti fufanii jiru.

Dhimmii keenyaa fi gaaffiin barattootaa dhimmaa uummaata Oromoo dhalootaan Oromoo irraa dhalatan hunda kan ilaaludha.Yaa Oromootaa gariin diinaaf ergamtanii isinitti haadhagahamu yennaa lammiitti duulatan Alagaan irraa deddeebi’anii Oromummaan nu Arrabsan. Kan Arrabsamuu Oroomoo,kan Hidhaamuu Oromoo,kan Barnoota irraa Arii’amuu Oromoo, kan Ajjeefamuu Oromoo, kan biyyaa itti dhalatee keessaatti mirga lubbuun jirachuu dhabee arii’amuu Oromoo, kan Qee’ee irraa buqa’uu fi lafti irraa fudhatamee faranjiif kennaamuu Oromoo, hubaadhaa yakkota hiriiyaa hin qabnee kan Addunyaa biyyaa lafaa kanaarratti ta’ee hin beeknetu nurraatti raawatamaa jira jechuun lukkeelee diinaatti iyyaa jiru.

Dhimma kanas akka qabanessuuf jecha Presidentii Mooraa University Jimmaa Dr Fiqiree Lammeessaa yeroo barattootaaf waamicha godhee walgahiif yaamu barattooti gaaffiin nuti gaafannu tokko si mataa kee kan of wallaale bilisoomsuuf waan taheef waan nuti dubbannu ati nurraa dhagahi malee kan ati dubbattu sirraa dhagahuuf hin jirru jedhanii didaa dhageessisaa jiru. Ummati Oromoo naannoo Jimmaa jiru gariin “baraaf safuu baratooti daa’imini isa beekaa dha ofiin jedhu barsiisaa isaanii bilisoomsuuf yeroo qabsaayan aja’iba” jechaa yeroo duddubatan dhagahama.

Kana malees mooraa University Ambo fi Rift Vally keessatti waraqaan waamicha qeerroo bal’inaan raabsamaa jira,barattootii fi ummanni waamicha kana argatan gammachuun yeroo dubbisanii fi gariin qoma irratti baadhatanii yeroo deeman argamee jiraachuu qeerroon gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

President University Jimmaa kan ta’e Dr,Fiqiree fi diiniin barattootaa Ato,Iwunatuun waraana Wayyaanee barattootatti yaaman

Aside

Gurraandhala 11,2012 Jimmaa

Yuunivarsiitii Jimmaa fi Adaamaa keessatti barattootaa fi Poolisootni Wayyaanee waliin wal qabaa jiraachaa jiru.Diddaa barattootni mirga uummata Oromoo kabajsiisuuf gochaa jiran dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaaneen yuunivarsiitiilee kanaa fi yuunivarsiitiiwwan birootti waraana ergee mooraa dhuunfachiisee jira.

Kun kanuma tahee osoo jiruu diddaan barattootaa itti fufee  jira.Universityn Jimmaa Gurraandhala 10,2012 moraa keessatti naannoo waajjira Fayinaansii fuulleetti bahanii mirgoota saba Oromoo eegamuu qabuu fi balaallefannaa sirna bulchiinsa Wayyaanee dhageessisaa olanii jiru. Haalli kun Poolisa Feederaala mooraatti ergameen tohatamuu dadhabnaan human dabalataa akka mooraa seenuuf jecha President University Jimmaa kan ta’e Dr,Fiqiree fi diiniin barattootaa Ato,Iwunatuu kan jedhaman humni waraanaa dabbalataa akka mooraa seentuuf jecha mootummaatti  himanchuun waraana mooraa galchanii akka jiran gabaasi qeerroo addeessa.

Diddaan barattootaa fi gaaffiileen mirga Oromoon kan durfame hamma guyyaa bilisummaatti akka itti fufu barattooti Oromoo Jimmaa addeessanii jiru.

Karaa biraa yeroo fincilli diddaa gabrummaa mooraa University Jimmaa fi Adaamaa keessatti itti fufee jirutti waraqaaleen waamicha Warraaqsaa University lee kanneen keessaa fi kanneen birootti baldhinaan raabsamaa fi facaafamaa ture.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!