Gurraandhala 22,2012 Finfinnee
Dargaggoota Oromoo mara ija diinaan kan ilaalu garboomfataan mootummaa abbaa irree Wayyaanee dargaggoota Oromoo Wallagga bahaa Magaala Naqqamtee keessatti hojii dhabdummaan rakkachaa jiran irraa rifeensa haaduu jalqabe.Warreen rifeensa guddifattan ABO ti jechuun mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo rifeensa dheeraa qaban gogaa haaduu irratti argama.Namni bubbule waa arga jechuun kan dubbatan dargaggootni oromoo kunneen Hojii dhadummaan rakkachuu irra darbee rifeensa keenya illee guddifachuun yakka nutti ta’ee jira jechuun dubbatanii jiru.Mootummaan kun waan ilma namaa irratti hin raawwanne raawwachaa kan turee fi kan itti fufu ta’uu hubachuun gumaata Oromummaa akka baanu dhaammanna.
Kana malees Barattoota Yuunivarsiitii Jimmaa kan ta’an Barataa Wubisheet Zalaalam Mangistuu Barataa saayikoolojii waggaa 2ffaa fi Barataa Moo’eeraa Lammaa Dabal barataa saayikoolojii waggaa 2ffaa kanneen taβan lamae mootummaan yayyaanee himannaa sobaan yakkuun mana keessatti haalaan dararaa akka jiru gabaasi Jimma irraa nu gahe addeessa.