Barattootii fi Hojjettoonni University Jimmaa Irraa Gurraandhala 17,2012 Aryaman

Aside

Gurraandhala 17,2012 Gabaasa Qeerroo Jimmaa

Biyya Oromoo keessatti,ummanni Oromoo bifa addaan warraaqsa eegalee mootummaa Wayyaanee waliin wal qabaa jiraachuun ni beekama. Akka ummattoota Suriya fi Libya akksumas Egypt fi Yemen kkf gargaarsaa fi deggersa alaa akkasumsa diinagdee hin qabaatiin malee,ummanni Oromoo bilisummaa isaaf yoomuu ciisee hin bulle.Baroota 20 Wayyaanen aangoo irra turte osoo qabsoo godhuu ajjeefamaa,hidhamaa,abeenyaa sabamaa fi biyyaa arihamaa yoona gahe.Kun kana tahee osoo jiruu yeroo ammaatti warraaqsa Oromiyaa keessatti gootonni dargaggooni Oromoo fi hojjettoonni Oromoo qabsiisaniin baatii kana keessa University Jimmaatti fincilli diddaa gabrummaan barattootaan eegale itti fufuun mootummaa Wayyaaneetti cinqaa tahee jira. Haala kanaan hojjettootaa fi barattoota mooraa University Jimmaa jiran hedduminaan hojii fi barnoota irraa Gurraandhala 17,2012 arhanii jiru. Kanneen keessaas :- Barattoota fi hojjattoota Yunivaristii Jimmaa irraa Gurraandhala 17,2011 arhaman

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Barattooti Oromoo Lama mana bartumsaa sadarkaa lammffaa Gindebert irraa Oromummaan yakkamuun arihaman.

Aside

Gurraandhala 17,2012 Finfinnee

Diddaa barattootaa Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabirat mana barumsaa sadarkaa Lammaffaa fi tokkoffaa keessatti jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee barattoota lama guutummaan barnoota irraa arii’us diddaan jabaatee hojiin baruu fi barsiisuu dhaabbatee jira.Barattootni sababa Oromummaa qofaan isin deeggartoota ABO ti sochii ummata kakaasu gootaniittu,mootummaa irratti barattoota kakaaftan sababoota jedhamuun barnoota irraa Gurraandhala 16,2012 arihaman. Kanneen kunis:-

  1. Raggaasaa Taaddasaa barataa Kutaa 8ffaa
  2. Barataa Guutuu Soorii  Kutaa 8ffaa dha.

Karaa biraa gootonni barattootni  Oromoo walgahii bulchitoonni Wayyaanee dirqanii yaaman irratti argamuun gaaffiin ilmaan Oromoo gaaffii walfakkaataa bilisummaa jedhudha jechuun walgahii Wayyaaneen waamte irratti yoommuu gaafatan isin ABOtu duuba keessan jira jechuun doorsisaan adda yaa’anii jiru.

Mootummaan Wayyaanee diddaa daran jabaate kana tooftaa ittiin dhaamsu keessaa warra barattootaa Roobii,Kamisaa fi Jimaata waamee mariisisaa jirus uummatni Gibirri funaananu eessa deemaa jira jechuun wal gahii booressaa jira. Maqaa misooma jedhuun laga abbayaa fi waldaa misooma Oromiyaan funaanamaa kan ture eessa deeme kan jedhanii fi humnaan karaa baastu yaada jedhu guutummaan guutuutti uummatni didee jira. Diddaan kun Ginc,Xiqur Incinnii fi Jladuutti babal’atee fincilli qabatee akka jiru qeerroon gabaasee jira. Haala kana  dhaamsuufis jecha mootummaan karaa irratti namni sadii ol akka wal bira hin dhaabbanne poolisoota bobbaasee dhorkaa jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!