Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa, National Youth Movement for Bilisummaa fi Dimokraasiif(SDBBD) Freedom and Democracy (NYMFD)
Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa(Qeerroo)
Oromiyaan biyya Ethiopia jedhamtu jalatti erga kuftee as haalleen akkaan hamoo keessa dabartee har’a geese. Biyyi harka alagaan qabamuu, qabeenyi samamuu, Oromoon biyya isaa irratti garba tahee ergamuu, biyya isaa alatti akka bineensaatti qabamee garba tahee gurguramuu, hidhaa, ajjeechaa fi raawwii sanyii namaa irratti hin raawatamne akkaaniitu irra gahe. Gochaaleen gita bittootni Habashootaa Oromoo irraan gahan kana jalatti abbootiin keenya takkaatuu osoo tole jedhanii hin buliin qabsoo diddaa gabrummaaf wareega qaqqaalii kafalanii jiru. Karaa qabsoo siyaasaa, qabsoo hidhannoo fi bifoota adda addaan hanga har’aatti diddaan farra gabrummaa itti fufee warraaqsa guca bilisummaa qabatee dambali’aa deemaa jiraachuun wal nama hin mamsiisu. Dhalooti amma jiru seenaa dhufaa darbaa qabsaawotni bilisummaa Oromoo nutti dabarsan faajjii godhachuun diddaa farra dimokraasii fi bilisummaa gaggeessaa jira.
Warraaqsi dargaggoonni Oromoo (Qeerroon) Ebla bara 2011 keessa bifa qindaayaa,tooftaa fi murannoon guutameen sochii farra mootummaa Wayyaanee gochaa jiru keessatti qaanqee warraaqsaa Oromiyaa guutuutti qabsiisuun osoo halkan tokkoof hin ciisiin golee biyya Oromoo mara keessatti diddaa bifa muldhataa fi hin muldhatiiniin deemsisaa jira. Warraaqsi barattootaa fi dargaggoota keessatti qabate gadi bu’ee qotee bulaa Oromoo fi hojjettoota bira gahuun diddaan babal‘atee jira. Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa(Qeerroo) Gur-dhala 16,2012


