Sabboontonni Oromoo 6 University Jimmaa Irraa Guutummaatti Arhiman.

Aside

Gurraandhala 15,2012

Oromoo maaf teessa?? sabni keenyaa maa ustuu? biyya abbaa keenyaa irratti jiraachuu,barachuu,iyyachuu,qotachuu fi waan hundaanuu miidhamaa jiraachuu dadhabne” jedhu barattooti Oromoo Jimmaa.

Fincila diddaa gabrummaa barattooti Oromoo Jimmaa jidduu kana itti jiramuun wal qabatee sababaa Oromummaan nama kakaaftan,ergaa ABO dabarsitan,dhadannoo warraaqsaa jechisiiftan kan jedhuun mootummaan Wayyaanee barattoota hedduminaan hidhee kaan nama 6 ammoo guutummaatti barnoota irraa arihee jira. Kanneen kunis:-

1.Mo’eeraa Lammaa, guutummaatti arii’ame

2.Nuraadiin Hundaa, guutummaatti arii’ame

3.Tasfaayee Biraanuu, guutummatti arii’ame

4.Hubishet Zalaaleem, guutummattiarii’ame,

5.Takkaalenyi Kindee waggaa lamaaf adabame

6.Mokonnoon Dabalee Tolaa waagga Lamaaf adabaman

Yeroo ta’an, baratoonni kun hundii isaanii iyyuu dipartimentii Psychology waggaa lammaffaa kan baratanidha. Kana malee barattooti lammiin isaanii Tigree tahanii mooraa Universitu Jimmaa keessatti Oromummaa arrabsaa jiranii fi arrabsan amma illee mooricha keessatti boonanii akka jiranii fi adabbiin tokko illee kan irra hin geenye tahuu qeerroon ibsa.
Barataan Tigiree inni Qomoodhaan Qeerroo Oromoo Arabsee, Mallasaa Axilaabachoo kan jedhamuu amma illee mooraa keessa nagaan jiraachaa jiraachuun beekama.

Karaa biraa moraa university Jimmaa kana keessatti barattoota irraa nyaati citee hamma gaaffii kaaftan dhaabdanitti nyaataa fi korreentii hin argattan jechuun irraa kutanii jiru. Heddumminni barattootaa eelaa beelaan qabamaa jiraachuu gabaasi mooricha irraa nu gahe addeesa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Gabrummaan Hammaannaan, Roorroon Fala Fidnaan WBOn Dirree Seene

Aside