Gurraandhala 14,2012 Finfinnee
Gaaffii Mirgaaf jecha diddaa Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti dhalate dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo tahan hedduminaan mana hidhaatti guuraa jira. Miseensota OPDO tahan qabatanii gaaffii mirgaa Oromummaa ka’e ukkaamsuuf jecha humni tika Wayyaanee fi Waraanni yaale iyyuu diddaan kun cimuu fi miseensonni OPDO tahanis mootummicha dhagahuu dhabuu irraan yaaliin Wayyaalee fashalpee jira.
Haalli gaaffii barattootaa itti fufuu fi cimuu irraan kan ka’e sabboontota Oromoo mana hidhaatti guuruun mana hidhaatti barattoota Hiraarsuu irratti argamu. Kanneen kaan yoo hidhaman iyyuu barattooti mooraatti hafan hundi gaaffiin keenya gaaffii Mirgaati, barttooti hidhaman haagadhiifaman, jechuun diddaa itti fufanii jiru.Kanaafis Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraanaa yuunivarsiitii kana Damee isaa hunda keessatti qubachiisee jira.
Kun kanaan osoo jiruu barattoota Oromoo sabboontota tahanii dhiamanii jiran keessaa kanneen bakka jiran wallalame keessaa
1.Barataa Moo’eeraa Lammaa phycology waggaa 2ffaa
2.Barataa Nuuraddiin Hamadaa Barataa Phycology waggaa 2ffaa
3.Barataa Takkaaleny Kaandaa Barataa Phycology waggaa 2ffaa
4.Barataa Tesfaayee Biraanuu
5.Barataa Mokonnin Dabalee
6.Barataa Wubisheet Zalaalem
7.Barataa Abdiisaa Qabaatoo Oromo focular waggaa 2ffaa
8.Barataa Daannoo Dabtaraa Water technolgy waggaa 2ffaa
9.Barataa Eebbisaa statistics waggaa 1ffaa
10.Barataa Huseen Keessatti argamu.
Yeroo tahan. Mootummaan Wayyaanee barattoota doormii isaanii keessaa funaanaa jiraachuunii fi sodaa gara yuunivarsiitiilee birootti babal’ata jedhuun yuunivarsiitiileen hundi waraanaan eegamaa jiru.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk