Gorsaa Qeerransoo Biyyaa

Aside

♠(Qeeroo, Finfinnee, 12 Guraandhala 2012) Qeerransoo Biyyaa akkaataa itti qabsoon diddaa garbummaa haala ammaayyaatiin si’oomee, bu’aa boonsaa argamsiisuu malu irratti gorsa arjoomee jira.

“Qabsoon keenya aarsaa guddaa baasee, bu’aa xiqqaa argamsiisuu hin qabu,” kan jedhe Qeerransoon Biyyaa, “bu’aa aarsaa keenyaan walgitu argamsiisuuf qabsoon keenya karaa maraan tooftaalee ammayyaatiin si’oomee hojjatamuu qaba,” jedha.

Gaaffii fi Deebii Barattoota Yunivarsitii Jimmaa Waliin Godhame

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 12 Guraandhala 2012) Gurraandhala 11,2012 irraa eegalee mooraa Yuniversitii Jimmaa keessatti fincilli barattootaa kan diddaa barattootaa fi gaaffii dargaggoota Oromoowaliin wal qabate ka’uu isaatiin barattooti hidhamaa jiraachuun gabaasame.

Fincila kana dhaabuuf humnooti poolisa Federaalaa fi humni tika mootummaa Wayyaanee mooraa keessa guutu illee barattooti diddaa isaanii finiinsaa oolanii jiru.

Dhimma kana irratti barataan tokko gabaasaa Qeerroof yoo ibsu, ”kan arrabsamu Oroomoo dha; kan hidhaamu Oromoo dha; kan barnoota irraa arii’amuu Oromoo dha;  kan ajjeefamuu Oromoo dha;  kan biyyaa itti dhalate keessatti mirga lubbuun jiraachuu dhabee arii’amuu Oromoo dha; kan qe’ee irraa buqa’uu fi lafti irraa fudhatamee faranjiif kennaamuu Oromoodha; hubaadhaa! Yakkoota hiriiyaa hin qabne, kan addunyaa biyyaa lafaa kanaarratti ta’ee hin beeknetu nurraatti raawatamaa jira,” jechuun roorroo isaan kakaase hubachiisee jira.

Dhimma fincila Qeerroo Bilisummaa kana irratti raadiyoon hawaasa Oromoo kan magaalaa Melbourne keessaa tamsaasamu oduu dabarsee fi gaaffii fi deebii barattoota yunivarsitii Jimmaa waliin taasise, tumsi Qeerroo Bilisummaa biyya alaa akka armaan gadiitti qindeessee nuuf ergee jira.

Finciilli Diddaa Gabrummaa University Jimmaa Itti Fufee,Barattooti Afur Ukkamfaman.

Aside

Gurraandhala 12,2012 Jimma

Gaaffiin keenya gaaffii ummata Oromoo waan taheef hamma deebii argannee mirga keenya goonfannutti qabsoon keenya hin dhaabbatu jedhanii fincila diddaa gabrummaa kanneen gaggeessaa jiran gootonni barattooti Oromoo Jimmaa Gurraandala 11,2012 waajjira President University Jimmaa fuula druatti bahanii gaaffii mirgoota Oromoo gaafataniin dhadannoo gurguddaa dhageessisaa turuu fi faaruulee warraaqsaa faarfataa ooluun gabaasi qeerroo Mooraa University Jimmaa addeessa

Kanuma waliin mootummaan Wayyaanee human poolisa feederaalaa fi human waraanaa itti bobbaasuun barattooti Oromoo gootummaan dhagaan reebanii of duubatti deebisanii jiraachuun beekama. Haalli kun akkasitti osoo jiruu guyyuma kana barattoota nama afur mooraa keessaa humnaan ukkamsanii qabuun mana hidhaa hin beekamnetti geessanii jiru.

Kanneen kunis:-

1.  Barataa Ebbisaa,

2.  Barataa Mangistuu Hayiluu,

3.  Barataa Huseen Umaar

4.  Baraataa Daannoo

Kanneen jedhaman tahuu qeerroon Jimma irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa!

Brataan Seeraa Waggaa 5ffaa fi Barreessaan Kitaaba Burqaa Jaalala Wayyaaneen Ukkamfame.

Aside

Gurraandhala 12,2011 Finfinnee

Barataa Caalaa Hailu

Barataa Seeraa waggaa 5ffaa Caalaa Hailu

Adaamaa University keessatti barataa seeraa wagga 5ffaa kan ta’eefii barreessaan burqaa jaalalaa barataa Caalaa Hailuun yeroo adda addaa sadarkaa adda addaatti gumaachi Oromummaaf godhe guddaa dha. Mooraa University Adaamaa keessatti hundeeffama waldaa Waaqeffannaa fi tokkummaa artistoota Oromoo tiksuutti guddoo nama hojjetaa ture waan taheef addatti Wayyaanonni ilaalcha diinummaa irraa qabaataa turan.

Sochii Qeerroon bara 2011 keessa gochaa turetti yakkamee hidhamuu isaa Qeerroon http://qeerroo.com/2011/09/01/ irratti gabaasee ture, sana irrattis gabaasi gaafa http://gadaa.com/oduu/10789/2011/09/06/oromia-ethiopia-oromo-a-nation-at-risk-hrlha-press-release/ bahe addeessa.

Barataa Caalaa Hailuun ammos marsaa lammataaf sochii barattoota Oromoo mooraa University Adaamaatti tahaa jiruun wal qabatee Jidduu kana qabamee mana hidhaatti darbamuu isaa qeerroon Adaamaa irraa gabaasa.

Kana malees barataa kana bakka buutee kan absiise mootummmaan gabroomfataa Wayyaaneen  maatii isaa caalaatti deemanii reebuu fi barataa kana fidaa nutti kennaa jechuun dararaa jiru.Abbaa isaa fi adaasaa barataa kanaa yeroo ammaa mana hidhaa geessanii jiraachuun beekama.

Barataan Caalaan Shawaa Kaabaa, Salaalee,Aanaa Aboote, gandaa dallatti(alangoo)bakka jedhamutti kan dhalate yeroo tahu,maatii isaa naannoo san jiraatan yeroo ammaa kanatti loltuu fi humnoota tikaa Wayyaaneen akka gidirfamaa jiran gabaafame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa.