Gogaa Laafaatti Maru , Jedha Oromoon

Aside

Alam Aduunyaa Irraa

Mata duree kana filachuun kiyya,yoo dafnee dammaqnee adeemsa Wayyaanee fi isa kaanii of irraa ni ittisin, balaa yoomillee of irraa faccisuu hin dandeenyef akka saaxilamnu hubachiisuufidha. Dhugaadha, Gogaa laafaatti maruu yoo baatan, hangam akka nama rakkisu eenyufu ifadha. GOGAA LAAFAATTI MARU

Shakkamaan Eenyuu?? Kan jedhuun Ummata Jeequuf Karoorfachuun Wayyaanee Saaxilame

Aside

Gabaasa Qeerroo Adaamaa, Gurraandhala 08,2012

Hojjettootni Mootummaa Wayyaanee walgahiin kurkurfamaa jiru.Warraaqsa biyyattii keessatti jalqabe hundeen buqqisuuf mootummaan Wayyaanee fala dha’aa jiru keessaa tokko maqaa Shakkamaan eenyu? jedhuun uummatni akka wal saaxilu gochuu dha jechuun murteeffachuunii fi akka imaamata tikaatti Oromiyaa guutuu keessatti irratti hojjechuuf karoorfachuun saaxilame.

Guyyaa Guraandha 6,2012 amanamtootni mootummaa murtee kana gara naannooleetti raabsuuf murtee irra ga’uu iccitiin isaan keessaa ba’e saaxilee jira.Mootummaan Wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf tooftaan inni fayyadamu keessaa tokko uummata wal nyaachisuu waan ta’eef ilmaan Oromoo tooftaa diinaa kana baratanii Shakkamaan Garboomfataa dha jechuun akka jala dhaabbattan dhaamsa fardii ummata Oromiyaa guutuuf dabarsuun dirqii dha.

Ammaan dura maqa shororkeessituu jechuun ummata keenya afaan faajjessaa fi goolaa ture,ammos tooftaan siyaasaa sun harkaa dhumnaan jecha shakkamaan eenyu jedhu mata duree godhatee Oromoota wal shakkisiisuuf yaalii inni godhaa jiru mootummaa kana kufaatii irraa akka isa hin hambiftne beekamaa dha. Ummanni Oromoo yoomuu caalaa dammaqaa fi kan tokkummaa isaa jabeessu hunda irratti walii galuu fi waliin hojjechuutti qophii dha,nagaa fi tokkummaa Oromootaa booressuuf Wayyaaneen keessaa fi alatti tattaaffii gootu iyyuu akka hin milkoonfeef qabsaawoti hundi dura ni dhaabbatu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa