Qeerroo Gindabarat Gurraandhala 08,2012
Labsiin Amajjii 22 irraa kaasee eegaale hamma har’aatti bakkoota garagaraatti itti fufuunsaa gabaasaan nu gahaa jira.
Yerooma labsiin labsame sana ,waraqaaleen qabsoo garagaraa naannoo Amboo fi naannoo Gindabaratitti faffaca’uudhaan hamma manneetii barnootaa sadarkaa 1ffaa fi sadarkaa 2ffaatti garmalee babal’atee faffacaa’aa jira.
Akka gabaasaa qeerroo irraa nu gaheetti bakka uummatni itti bobba’u; buufata uummataatti waraqaa waamichaa labsame kanaan duraa sana Alaabaa ABO waliin walitti maxxansuun itti fufee jira. Guyyaa eengaddaa waraqaalee mannen barnootaa fi bakkoota adda addatti maxxanfamanii fi raabfaman irratti barattoota qabdee hidhuu fi rasaasa itti dhukaasuun ni yaadatama. Gochaa fi doorsisa Wayyaanotaa kanaan dhaabbachuu didee labsiin amma illee baldhinaan faca’uun itti fufee jira.
Manneen barnootaa a sadarkaa 2ffaa Culluxxee bakka jedhamutti fi akkasumas mana barumsaa sadarkaa 1ffaa bakka Kaachis jedhamu keessatti FDG ka’een wal qabatee mana barnootaa san cufuun barattoota maatiittiakka galan akeekachiiftu iyyuu guyyaa har’aa naannoo manneen barnootaa fi bakkoota adda addaatti waraqaalee labsii alaabaa ABO n wal qabate kana maxxansuudhaan gootonni qeerroon bilisumma waan baay’ee nama boonsu hojjetanii jiru.
Har’a Gurraandhala 07,2012 guyyaa waraqaalee baayinaan maxxanfame kana uummatni kaan isaa tarii ABO tu dhufee jedhee gammachuu isaa ibsataa gariin ammoo barii bilisummaa waammachaa jiru gammachuudhaan waraqaalee maxxanfame kana irra itti wal qabaa olee jira. Gabaasi suuraa fi video kanaa suuraa ummataa ifatti waan qabateef maxxansuu irraa of qusannee jirra. Waraqaalee raabsamee ykn faca’eetti aanee caalaatti Alaabaa ABO sana irratti uummatni heddummaachuudhaan irrati wal qabuun ifitti qabee yeroo dhungachuun jaalala qabu muldhisaa tureera jedha qeerroon naannicha irra.
Ergamtootni Wayyaanee,poolisootni fi waraanni isaa uummata kana ari’uudhaan waraqaa sana bakka maxxanfametti ciraa oolaniiru jedha gabaasaa qeerroo irraa.
Wayyaaneen dhimma kana sababeeffachuudhaan har’a irraa kaasee wal gayii waan itti fufuuf manni barumsaa hin jiru gidduu kana jechuudhaan labsii sodaa qabduun dabarfachaa jirti.Magaalaa sana keessatti sodaa tarii WBO tu gale jechuudhaan mootummaan Wayyaanee guyyaa har’aa guutuu waraanaa isaa konkolaataadhaan guuree magaalitti qubsiisuun isaas gabaasi qeerroo addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa

