Wayyaaneen Gama hundaan cinqamaa jirti!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 4 Guraandhala 2012) Wal qixxummaan amantiilee fi sabaa fi sablammootaa biyyattii keessatti kabajamee jira jechuun uummata gowwoomsuuf  mootummaan wayyaanee television fi raadiyoon ololu yeroodhaa yerootti saaxilamaa jira.

Guyyoota dhiyoo darban Godina Shawaa lixaa magaala ijaajjii keessaa maqaa amantiin namoota hidhaatti guuruun isaa ni yaadatama.

Ayyaana hordoftoota musliimaa Mawlid biyyattii keessatti kabajamuuf jedhu irratti qeerroon diddaa qindeessa,wal dhabdiin hordoftoota amantaa kiristaanaa fi musliimaa gidduutti uumama sodaa jedhuun mootummaan wayyaanee waraana gara Jimmaa, Baalee fi Harargeetti bakkeewwan hordoftootni musliimaa baay’inaan  jiranitti bobbaasuu fi magaala Finfinnee keessattii fi naannoolee maratti of eeggannoon akka eegan walii dhaamuun isaanii saaxilamee jira.

Erga Warraaqsi biyyattii keessatti jalqabee yuunivarsiitiileen,dhaabbiileen barnootaa gad aanaa fi magalootni Oromiyaa keessaa halkanii fi guyyaa waraanaan tikfamaa jiraachuun isaas beekamaa dha.

Qeerroon oromoo kutannoon wayyaanee hirriba dhabsiisee biyya abbaa isaa dhuunfachuuf jabinaan walii dhaamee jira.

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!