Ibsa Ijjannoo Barattoota Oromoo miseensa OPDO Yunivaristii Finfinnee

Aside

Nuti  barattootni  Oromoo Yunivaristii Finfinnee miseensota OPDO turre, ogummaa baranneen kallattii sagantaa siyaasa OPDOtin, haaluma heera mootummaarratti lafa kaayameen mirga fi fedhii ummata Oromoo kabachiisuu fi tiksuudhaan  hojiirra oolchina hubannoo jedhuun dhaabbata kanatti miseensa taane. Haa ta’u malee fedhii qabnu kana hojiin muul’isuuf yeroo adda addaatti leenjii siyaasaa kennamaa ture irratti mirgoonni waraqaarra jiran, keessayyuu ummata Oromoof hojiitti akka hiikaman gaafachaa turruyyuu gurri kana dhagahuu dhabamuurraa mormii yeroo yerootti kaasaa turreen walshakkiin hammaatudhaan gara wal diigutti deemaa turrerra. Haala fi deemsa akkasiitin mirgaa ummata Oromoo tiksuufis ta’ee kabachiisuuf hin danda’amu jechuudhaan kan yeroon dhaabbata kana keessaa of baasudhaan dhiyootti biraa hafes baayyee turan. Nuti garuu yaadaa fi falmii dhiyeessinuun mirgoonni waraqaarra ka’aman sunneen akka har’aa boritti akka hojiitti hiikaman dhiibbaa taasisuu itti fufuudhaan ijibbaataan biraa deebina yaada jedhuun cichoominaan hanga yoonaatti miseensummaa itti fufne. Ibsa Ijjannoo bar. OPDO Yun. FF

Wayyaaneen Naannoo Oromiyaa fi Maqaa Oromiyaa jedhu Balleessuuf Deemti.

Aside

Keessa Beekaa Irrraa,

Wayyaaneen har’as ta’u kaleessa, Ummatootaaf dhaabbattee hin beektu. Wayyaaneen gammoojjii Daddabiit keessatti dhalatte, gonkumaa Sagantaa mataa ishee qabaattee hin beektu. Qabaachuus hin dandeessu. Namoonni hedduun wayyaaneen waan hundaa Biyya isheetti kuufattee foxxoqixi jedhanii yaadan. Isaanis biyya ittiin dorsiisan. Garuu kana irratti gawwamu hin qabnu. Gonkumaa wayyaaneen Biyya ijaarrattee baatii jettenii hin yaadinaa . Maqaa Oromiyaa fi Oromoo jedhu Irratti Shira Wayyaanee